Piyaassaafi naannoo sanarraa namoonni 11,000 kaafamaniiru- Kantiibaa Adaanech

Aadde Adaanach kanneen kaafaman keessaa garri caalu mana gandaa keessa jiraatu jedhan

Madda suuraa, PMO

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Adaanach kanneen kaafaman keessaa garri caalu mana gandaa keessa jiraatu jedhan

Magaalaa Finfinnee bakkee Piyaassaafi naannawasheetti torban muraasa dura ijaarsa eegaleen namoonni 11,000 ta’an kaafamuu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Aadde Adaanach kan kana jedhan marii ALI Bitootessa 18, 2016 miidiyaalee mootummaarratti darbeerratti.

Marii kanarratti Ministira Muummee Abiyyiif gabaasa yeroo dhiheessan kan mul’atan kantiibaan Finfinnee ''walumaagala nama 11,000 ni ta’a bakka sanarraa [Piyaassaa] gara bakka wayyoo qabuutti kan geeffame,'' jedhaniiru.

Jiraattonni kunneen ''misooma koridarii'' bakkeewwan akka Raas Mokonnin Dildiy, Mana Muuziwaa Maahimud, naannawa muuziyeemii Aduwaa, Mana Kitaabaa Abirihoot, Addabaabayii Tewodiroos hanga daandii Charchil daangessuun kanneen ka’anidha.

Misoomni kuni piyaassaadha ka’ee hanga Kiiloo Afur kan gahu yoo ta’u lafa 8.1km akka haguugus ibsaniiru.

Aadde Adaanach gabaasa kanarratti kanneen ka’an baay'ee kan ta'an jiraattota mana gandaa akka ta’aniifi kunneenis 1,989 akka ta’an ibsan.

Jiraattoti manneen 490 kana dura Eejansii Manneen Kiraa kan amma Korporeeshinii Manneeni dhaabbata jedhamu bulchu keessa jiraatanis bakkichaa ka’aniiru.

Kantiibaa Adaanech maneen mootummaatiin ala maneen jireenyaa dhuunfaa, maneen daldalaafi maneen amantaa akka kaafaman kan ibsan yoo ta’u, walumaagalatti yoo ida’amu 300 akka ta’e himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana amantaa akkamii akka diigame garuu osoo hin ibsiin darbaniiru.

Gama kaaniin, ‘sheediiwwan’, ‘konteeneroonni’ fi suuqiiwwan ‘mamaxxanoo’ ta’anis diigamaniiru. Dabalataan, dahoowwan “yeroof” jedhamanii ijaaraman 89 kaafamuusaaniis ibsaniiru.

Manneen jireenyaa, daldalaafi amantiitiinalatti dallaawwan, riqichaawwan lafoo, sararawwan ibsaa, bishaaniifi bilbilaa dabalatee bu’uuraaleen misoomaa baayyeen diigamuusaanii Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

Aadde Adaanech jiraattota kuma 11 kaafaman keessaa 619 kan ta’an barattoota akka ta’an eeraniiru.

Jiraattonni naannawwan kanneenirraa kaafaman akka filannoosaaniitti maneen jireenyaa waliiniii ykn mana gandaa isaaniif kennamuu gabaasasaanii kanaan ibsaniiru.

Namoonni Korporeeshinii Manneenii keessa jiraataa turan ammoo karaa dhaabbatichaatiin bakka biraatii kiraaf akka isaaniif dhiyaate ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun dhaabbileen daldalaatiifis bakka jijjiirraa ykn ammoo bakkichumatti akka misoomsaniif carraan kennuamuufiif Aadde Adaanech ibsaniiru.

Mootummaan naannawaa misoomaaf barbaadee maneen ji’a tokko keessatti guutummaan guutuutti karoora diiguu akka qabu kan kaasan yoo ta’u, hanga ammaatti harka dhibba keessaa 71 kan ta’u diigamuusaa ifa godhaniiru.

Aadde Adaanech naannawaa sanatti gamoon kamiyyu akka hin diigamne dubbataniiru. Haata’u malee, gamoowwan 102 bakkeewwan kanatti argaman akkaataa qajeelfama mootummaan kennuun akka haaromfaman dubbatan.

“Maateeriyaalii akkamiitiin haareffamuu qabu? Ibsaa akkamii qabaachuu qaba? Halluu akkamiimmoo dibamuu qabu… kan jedhan qoratamee [akkaataa kanaan] deebisnee kennieerraaf,” jedhan.

Bakkeewwan kanneenitti akka hamaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Godambaatiin kan galmeeffaman jiraachuu kan dubbatan Aadde Adaanech, "isaaniin bakkuma isaan jiranitti haaromsuu, bareechuun hambaa ta'uun isaanii seena Adwaa waliin walqabatee hawata turistiitiif ta'uu akka danda'anitti gahoomsuuf hojjetamaa jira," jedhan.

Jiraattonni bakkeeewwan kanneenirraa yeroo kaafaman irra deddeebiidhaan mariin akka taasifame kan himan AAdde Adaanecha Abeebee, naannawwaan sun diigamuurratti " namni tokkoyyu" mufii hin dhiyeessine jedhan.

'Koridarri misoomaa' Finfinnee maali?

Kantiibaan Finfinnee Adaanach Abeebee akka jedhanitti ‘’Koriidariin misoomaa magaalaa Finfinnee’’ kallattiiwwan magaalattii afuriin kan hojjetamu yoo ta’u kiilomeetira 40.7 kan uwwisuudha.

Kan jalqabaa Piyaassaa irraa hanga Araat Kiilootti kiilomeetira 8.1 kan uwwisu yoo ta’u, Araat Kiiloo irraa hanga Magganaanyaatti kiilomeetira 9.6 kan uwwisu ammoo kallattii misoomaa lammaffaadha.

Meeksikoo, Saar Beet, Walloo Safar fi Booleen ammoo ulaa misoomaa sadaffaadha.

Booleerraa karaa Magganaanyaatiin hanga Si Emm Sii [CMC] ammoo kiilomeetira 10.5 dheerata, kun ammoo koridarii misoomaa afraffaadha.

Kan dhumaa Booleerraa karaa Isxifaanoos hanga Araat Kiiloo kiilomeetira 3.7 kan uwwisuudha.

Koridariiwwan misoomaa kunneen daandiiwwan asfaaltii, karaa lafoo bal’aa ta’ee fi daandii bishkiliitii of keessaa qabu, akkasumas lafti magariisa ta’ee gidduutti hafus akka jiraatu ibsameera.

Ministirri Muummee Abiy waa’ee koridarii misoomaa akkaan bal’aa ta’e kanaa wayita dubbatan, ‘’magaalaa Finfinnee haala kanaan deebisee ijaaruuf hooggansi ija jabinaan hojiitti seene hin jiru,’’ jechuun kutannoo hooggansaanii jajan.

Hojiin ‘’koridarii misoomaa’’ waggaa osoo hin taane ji’oota keessatti akka xumuramu minsitira muummees ta’e kantiibaan magaalaa Finfinnee deddeebi’anii dubbataa turan.

Ministirri Muummee Abiy hojiin kun magaalattii diiganii ijaaruun adda miti waan ta’eef maallaqa guddaa akka gaafatu dubbatan.

Ta’us maallaqa hagam akka fixuu fi maddi maallaqaa ijaarsa kanaa maal akka ta’e hin ibsine.