Iddiriiwwan Finfinnee keessa jiran akka galmaa'aniif dirqisiifamuuf

Waajira kantiibaa Finfinnee

Madda suuraa, AA MAYOR OFFICE/FB

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee iddiriiwwaniifi manni-maree iddiriiwwanii magaalattii keessa jiran galmaa'anii "beekamtii seeraa" akka argataniif qajeelfama dirqisiisu baase.

Qajeelfamni Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Hawaasummaa baase kun kan raggaasifame Guraandhala keessa yoo ta'u, hayyama karaa qajeelfama keessaan darbeen kennamaa ture kan shaaru akka ta'e seensa isaarratti eerameera.

Kaayyoowwan qajeelfamichaa keessaa iddiriiwwaniifi manni-maree iddiriiwwanii magaalattii keessatti argaman aanaatii hanga magaalaatti akka galmaa'aniifi beekamtii seeraa argatan taasisuudha.

Biiroo kanatti daarektarri qindeessaafi hordoffii eegumsa hawaasummaa Obbo Mohaammad Kamaal iddiriiwwan magaalattii keessatti argaman akkaataa qajeelfama kanaan galmaa'anii beekamtii seeraa argachuu qabu jechuun BBC'f ibsan.

"Gurmaa'insi kamiyyu bu'uura seeraa qabatee deemuu qaba; galmaa'uu yoo baate gurmaa'insa dhoksaan hojjetu ta'a," jechuun galmaa'uun dirqama ta'uu isaa ibsan.

"Nutis iddiriiwwan [galmaa'uu baannaan] misooma keessatti hirmaachisuuf, akkasumas hojiiwwan biroo akka hojjetan taasisuu hin dandeenyu. Kanaaf, galmaa'anii adeemsa seera-qabeessa hordofanii deemuu qabu," jedhan Obbo Mohaammad.

"Seera-qabeessa osoo hin ta'iin akkamiin ummata hirmaachisu?" kan jedhan Obbo Mohaammd, "seera-qabeessa yoo hin taane ykn ta'uu hin barbaadne nutimmoo akka diigaman barbaadna," jechuun itti dabalanii ibsan.

Adeemsa galmee iddiriiwwan ilaalchisee qajeelfamichi, "iddiriin kamiyyuu beekamtii seeraa argachuudhaaf karaa miseensota hoji-raawwachiiftuu isaatiin ykn karaa bakka-bu'oota seeraatiin biirootti dhiyaatee unka dhiyaate guutuun akkaataa qajeelfama kanaatiin sanadooti ilaallatu waajjira aanaatiif dhiyeessa," jechuun ibsan.

Sanadoota iddiriiwwan dhiyeessan keessaa maqaafi bakka jireenyaa miseensota iddirichaa, qabeenya iddirichaa tarreeffame, maqaa miseensota hoji-raawwachiiftuu iddirichaa, teessoo iddirichaa, akkasumas danbii ittiin bulmaataa iddirichaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iddiriiwwan kanaan dura danbiifi qajeelfama ofii isaaniitiin hundeeffaman ykn manneen-maree iddiriiwwan sadarkaa gara garaarra jiran akkaataa qajeelfamichaatiin kan ittiin galmaa'an galmeen seeraa dhaabbataadhaan biiroo kana keessatti akka qophaa'eeru qajeelfamichaarratti eerameera.

Wanti biraan qajeelfamichi kaa'eeru, iddiriiwwan gubbaa hanga gadiitti akka barbaachisummaa isaatti aanaatti, kutaa bulchiinsaatti ykn sadarkaa magaalaatti gurmaa'uu danda'u.

Qajeelfamichi manneen-maree iddiriiwwanii haaluma walfakkaatuun "sadarkaa aanaatti, kutaa magaalaafi magaalaatti caaseffamuu danda'u," jedhan.

Haata'u malee, qajeelfamichi itti dabaluudhaan, "aanaa, kutaa magaalaa ykn magaalaatti manni-maree iddirii tokkoo ol jiraachuu hin qabu," jedha.

Qajeelfamichi iddiriiwwaniif beekamtii seeraa kennuutiin alatti kaayyoo biroos ni qaba.

"Iddiriiwwan gargaarsa awwaalchaarraan kan darbe miseensota isaanii gama hawaasummaafi dinagdeedhaan fayyadamoo akka ta'an gochuudhaaf qaamolee ilaallaturraa deeggarsa akka argatan hojimaata dandeessisu diriirsuun" kaayyoo qajeelfamichaa biroodha.

Dabalataan itti-gaafatamummaan iddiriiwwan bulchuu labsiidhaan biiroo kanaaf kennamuu kan himan Obbo Mohaammad, iddiriiwwan bulchuudhaaf "qajeelfamaan hogganuun barbaachisaa waan ta'eef" qajeelfamichi ba'uu isaa BBC'tti himan.

Labsiin Obbo Mohaammd eeran, qaamoleen raawwachiiftuu bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundeessuudhaaf waggaa lama dura kan bahedha.

Labsichi, "iddiriiwwan bu'uuraa magaalaa keessa jiraniifi manneen-maree iddiriiwwanii sadarkaan jiran ni galmaa'u, hayyamni ni kennama, duudhaa aadaafi seenaa isaanii eeggatanii akka deemaniif deeggarsi ni taasifama; hirmaannaan misooma hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban akka cimsan ni jajjabeeffamu," jechuun tumeera.

Kana malees, danbiin kaffaltaa tajaajila manneen hojii mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee qajeelfamichi akka ba'uuf sababa biroodha.

Akkaataa danbii kanaatiin iddiriiwwaniifi manni-maree iddiriiwwanii galmeedhaaf kaffaltaa tajaajilaa ni raawwatu. Iddiriiwwan hawaasaafi waajiraalee yeroo galmeeffamanitti Birrii 350 kaffaluun isaanirraa ni eegama.

Galmee haaromsachuuf ammoo Birrii 300 ta'a.

Qajeelfamichi iddiriin, akkasumas manni-maree iddirii beekamtii argateefi galmaa'e kamiyyu waggaa waggaadhaan haareffamuu akka qabu tumeera.

Waraqaa ragaa galmee haaromsuun ji'oota sadan Adoolessaa hanga dhuma Fulbaanaatti akka gaggeeffamu qajeelfamni kun ibseera.

Magaalaa Finfinneefi naannootti, bakkeewwan hojiitii haalawwan biroon iddiriiwwan hundeeffaman kuma torbaa ol ta'an kan jiran yoo ta'u, akkaataa qajeelfamichaatiin hundi isaanii galmaa'anii beekamtii argachuun isaanirraa eegama.