Ameerikaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman kiyyoo haakeroota Chaayinaa keessa galan

Lammiileen Chaayinaa torba duula haleellaa saayibarii gaggeessuun himatamaniiru

Madda suuraa, US Department of Justice

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Chaayinaa torba duula haleellaa saayibarii gaggeessuun himatamaniiru

Akkaawuntiin onlaayinii lammiilee Ameerikaa miiliyoonaan lakkaa'amanii kiyyoo haakaroonni Chaayinaa qopheessan seenuu Ministeerri Haqaa fi Biiroon Qorannoo Federaalaa US ibse.

Akka dhaabbileen US kunneen jedhanitti haakaroonni kunneen haleellaa balaafamaa qondaaltota mootummaa biyyattiirratti qiyyaafate gaggeessaa turan.

Lammiileen Chaayinaa torba duulaa haleellaa saayibarii gaggeessaa turan jedhamuun himatamaniiru.

Namoonni kunneen waggoota 14 darbaniif oppireeshinii haleellaa saayibariin walqabatu keessa turan himati jedhu irratti dhihaateera.

Ministeerri dhimma Alaa US abbaa odeeffannoo waa'ee namoota torbaa kunneenii kenneef badhaasa doolaara miiliyoona 10 qopheessuu ibseera.

Ministeerri Haqaa US ammoo haakaroonni kunneen US fi kanneen ala taa'anii Chaayinaa qeeqan, dhaabbilee bizinasii fi aanga'oota siyaasaa irratti qiyyaafatan jedhe.

Haakaroonni lakkoofsaan torba ta'an kunneen ergaawwan burjaajii uuman kuma 10 caalan erguun ardiilee addunyaa garaagaraa keessaa namoota kumaatamaan lakkaa'aman irraan miidhaa geessisaniiru.

Ministeerri Haqaa US kun ''oppireeshinii haakaroonni akka addunyaatti isa guddaa,'' kan mootummaa Chaayinaan deeggaramuudha jedhe.

Daarektarri Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) Kiristoofar Wray ''odeeffannoon har'a baasne kun Chaayinaan hagam damee nageenya saayibarii keenya tuffataa akka turtee fi Ameerikaa fi kalaqa Ameerikaa gufachiisuuf yaalii taasisaa turte ifatti mul'iseera,'' jedhan.

Himannaan US kun erga mootummaan UK duula burjaajii haleellaa saayibarii Komishinii Filannoo fi aanga'oota siyaasaa biyyasheerratti raawwateef Chaayinaa himateeti.

Dippilomaatonni Imbasii Chaayinaa Landan jiruu garuu himannaa kanaan mormaniiru, ta'e jedhamee kan uumamee fi maqa balleessii hamaadha jechuun ofirraa ittisan.

Mootummaan Niwu Ziilaand akkasuma paarlaamaan biyyattii haakaroota deggarsa Chaayinaa qabamaniin haleellaaf saaxilamuu ibseera jechuun gaazexaan biyyattii New Zealand Herald gabaaseera.

Dubbi himaan Imbasii Chaayinaa Waashingtan DC jiruu ''biyyoonni osoo ragaa qabatamaa fi amansiisaa hin qabaatin murteetti fiigu. Ragaa malee himannaa dhiheessu,'' jechuun komatan.