Kompiitara koodii cabsuun Waraana Addunyaa 2ffaa biyyoonni akka injifatan gargaare

Madda suuraa, CROWN COPYRIGHT
Ejensiin Basaasaa, Nageenyaa fi Saayibarii Biritiish (GCHQ) suuraawwan haaraa kompiitara Colossus, kan koodii cabsuun biyyoonni michuu UK waraana addunyaa lammaffaa akka inijifatan gargaare ji'a dabre keessa gadhiise.
Ejensiin Basaasaa kun waggaa 80ffaa kalaqa meeshaa kanaa yaadachuuf ture suuraawwan kana kan maxxanse.
Kompiitarri kun namoota hedduu biratti kompiitara dijitaalaa isa jalqabaa akka ta'eetti ilaalama.
Jiraachuun kompiitara kanaa hanga jalqaba bara 2000tti baayyee hin beekamu, harka caalu iccitiin qabama ture.

Madda suuraa, CROWN COPYRIGHT
Daarektarri GCHQ Aan Keest-Butler, suuraan kun yaadachisuu ''kalaqaafi cimina'' nageenya biyyattii eeguuf barbaachisu ta'uu ibsan.
"Kalaqni teeknooloojii yeroo hunda as dhaabbata GCHQ keessatti wiirtuu hojii keenyaati, Koloosus akkatti hojjettoonni keenya teknooloojii haaraarratti adda duree nu taasisan argarsiisuuf fakkeenya gaariidha - siruma yeroo waa'ee kanaa dubbachuu hin dandeenyettillee" jedhan.

Madda suuraa, CROWN COPYRIGHT
Koloosus inni jalqabaa seensa bara 1944 UK keessatti mandhee namoota koodii cabsanii kan taate Bilechiliy Paarkitti hojjechuu jalqabe.
Waraanni addunyaa lammaffaa wayita goolabamu kompiitaroonni 10 ergaa ykn dhaamsa Naazii hiikuu gargaaran turan.
Vaalvoota 2,500 kan qabuu fi dheerinni isaa meetira 2 ol kan ta’u kompiitarri kun, garee ogeeyyii leenjii’anii fi teeknishaanota ogummaa qabaniin kan hojjatufi suphamu ture.
Yeroo baayyee miseensota Humna Galaanaa UK ittiin hojjata - suuraawwan haaraa keessaa tokko dubartii miseensa humna galaanaarra UK maashinichatti gargaaramtu agarsiisa.

Madda suuraa, CROWN COPYRIGHT
Saxaxni ykn dizaayiniin keessoo koompiyutarichaa yeroo jalqabaaf ummataaf ifatti agarsiifame.
Wayita hawaasatti agarsiifamu kana xalayaa "ajaja Jarman isa sodaachisaa ta'uu akeekan" Kolosuusiin addaan kute wajjin, akkasumas kilippii sagalee maashinichaa hojii irra jiru waliin hawaasaa ifatti agarsiifame.

Madda suuraa, CROWN COPYRIGHT
Xumura waraanichaarratti ergaawwan Jarman sadarkaa olaanaa qaban arfiileen (characters) miliyoona 63 ta'an namoota 550 kompiitara kana hojjetaniin hiikamaniiru.
Milkaa’ina hin dagatamne keessaa tokko Adoolf Hitilar guyyaa oppireshiinii waraanaa guddaan (D-Day) Waxabajjii 1944 Normandii osoo hin taane Kalahitti akka gaggeeffamu biyyoonni michuu akka beekan gargaaruu isaati.
Qorattoonni seenaa, kompiitaroonni waraana addunyaa lammaffaa gabaabsuun lubbuu namoota hedduu du’arra baraareera jedhanii yaadu.
Dukkana keessa
Dhiibbaan guddaa jiraatus, injinaroonni fi warri koodii cabsan kanneen sagantaa Kolosuus irratti hojjetan iccitii eeguuf kakataniiru.
Jiraachuun maashinii kanaa waggoota 60tti dhiyaatuuf kitaabota seenaarraa dhokfameera.
Kolosuus jiraachuun isaa hanga bara 2000tti dhaabbata UKtiin ifatti hin himamne.
Waraana Addunyaa lammaffaa booda kompiitaroota Kolosuus 10 keessaa saddeet ni mancaafaman.
Injiinara dizaayinii kompiitarichaa hojjete Tomii Filaaworsi, sanadoota maashinoota kana irratti argaman hunda GCHQ’f akka dabarsee kennu ajajame.
Yaaliin kompitaricha dhoksuuf godhame baayyee milkaa'aa ture.
Injinarii duraanii GCHQ kan bara 1960 keessa Kolosuus irratti hojjete Biil Maarshaal, gahee kompitarichi yeroo waraanaa qabu himuu dide.
''Hanga xiqqaa ta'ullee Kolosuus irratti hirmaachuu kootti baay'een boona'' jedhee dubbate.












