Nama hunda keenya dura mobaayiliin bilbilan walbaraa

Maartii Kuuppar bilbila yeroo jalqabaaf ittiin bilbilan waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Maartii Kuuppar bilbila yeroo jalqabaaf ittiin bilbilan waliin

Maarti Kuupar injiinaradha. Bitootessa 03, 1973 yeroo jalqabaaf Kuuppar daandii magaalaa Niw Yoork keessa dhaabatanii galmee lakkoofsi irratti galmeeffame baasan.

Achiis meeshaa boora fakkaatutti lakkoofsa tuqanii gurratti qaban. Namootni daandiirra darban ija itti babaasaa turan. 'Maal dalagu' waan jedhan fakkaatu.

Dhaabbata bilbila oomishu Motorollaa keessatti injinara kan turan Kuuppar morkataa isaanii dhaabbata Beel Laaboraatoris jedhamu keessa dalagutti bilbilani.

Miira gammachuufi injifannoon ''bilbila dhuunfaa, harkaan qabamuufi namuu oli gadi qabatee deemurraa'' bilbilaa akka jiran itti himani.

Haa ta’u malee, nami na dhagaha jedhanii itti bilbilanirraa deebii hin arganne. Sagaleen akka hin turre yaadatu.

Yeroo ammaa Maarti Kuuppar maanguddoo ganna 94 dha. ''Yoona [nami itti bilbilan] aariin ilkaan isaa qaraa ture'' jedhanii kolfa fuudhan.

Dhaabbati Beel Laaboraatoris jedhamu bilbila konkolaataa keessatti dalaguurratti xiyyeeffatee dalagaa akka ture ni yaadatu.

Isaan sochii dhaabbati isaan morkatu kalaquuf dhamahu kana qeequ.

‘’Waggoota 100’f foo’aa bilbilaa mana keessa tureen hidhaa keessa turre. Ammammoo konkolaataa keessa nu hidhuu kajeelu,’’ jedhan.

Kuuppariifi dhaabbati isaanii Motorollaan garuu hojii itti fufan. Bilbila mobaayilii networkii bakka dhihoo qofatti dalaguus kalaqan.

Akkaataan bilbilli dalagu bara kanas baay’ee hin jijjiiramne. Bilbilli sagalee keessan signaalii elektirikiitti jijjiira. Signaaliin elektirikii immoo dambalii raadiyoo uuma.

Dambaliin raadiyoo immoo buufata tamsaasaa erga gahee booda nama itti bilbilamu bira gaha.

Bilbila motorollaa jalqabaa Maarti Kuuppar itti fayyadaman (gosa gabaaf dhihaate)
Ibsa waa'ee suuraa, Bilbila motorollaa jalqabaa Maarti Kuuppar itti fayyadaman (gosa gabaaf dhihaate)

Bilbilli amma jiru mobaayilii motorollaa dur jiruun addadha.

Oomishi Kuuppar Motorollaa Diynaataak 8000X jedhamu erga isaan jalqaba bilbilanii waggoota 11 booda bara 1984 gabaatti dhihaate.

Gatii amma jiruun mobaayilichi dolaara 11,700 akka baasu nami muuziyeemii bilbilaa kana bulchan Been Wuud dubbatu.

Akkamiin dalaga?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa dalagus yoo himan ‘’lakkoofsota tuquun bilbiluu qofa. Waan itti ergaa ergan hin qabu, kaameraa hin qabu. Daqiiqaa 30’f qofa namni itti dubbatuu danda’a.

‘’Baatiricha chaarjii gochuuf sa’aatii 10 fudhata. Mataa isaarra anteenaa 5cm dheeratu qaba.

‘’Ulfaatinni isaa 790g ta’a. Kunis bilbila ammayyaa iPhone 14 jedhamuufi 172g ulfaatutti dachaa afur ta’a jechuudha,’’ jedhu.

Kuuppar mobaayiliiwwan yeroo ammaa jiran akkaan ammayyaa’oo akka ta’u danda’an dursanii tilmaamuu dhabaniis, mobaayiloota amma tolfamaniin waan raajeffataman miti.

‘’Bilbiloonni amma jiran waan baay’ee nama dinqan miti. Kan isaanirraa eegamurraa kan hanqatanidha. Gama baay’een bilbila hawwatoo miti,’’ jedhu.

‘’Mee ilaali … tajaajila feetan argachuuf cittuu pilaastikaafi daawwitii battee ta’e gurratti qabattu. Harkaan qabattanii ooltu.

‘’Itti fayyadamuuf jalqabarra appilikeeshiniin ni barbaachisa,’’ jechuun sababa isaanii ibsu.

Kuuppar fuula duratti Hubannoon Nam-tolchee (AI) abbaa bilbilaaf karaa fedheen aappii ni tolchaaf ykn ni filaaf jedhanii yaadu.

Guyyaa tokko bilbiloonni fayyaa keenya to’achuuf, oomishtummaa keenya dabaluufi jireenya keenya fooyyessuu akka danda’an tilmaamu.

Kuppar ammallee ‘’warraaqsi bilbilaa jalqabbiirra jira. Wanta baay’etu nu hafa,’’ jedhu.