Ismaartifoonii: Albuudotni mobaayilii oomishuuf oolan badaa deemuun saayintistoota yaaddesse

Ismaartifooniin elementoota 30 ta'an of keessaa qaba. Kana keessaa muraasni dacheerraa badaa jiru

Madda suuraa, Royal Society of Chemistry

Ibsa waa'ee suuraa, Ismaartifooniin elementoota 30 ta'an of keessaa qaba. Kana keessaa muraasni dacheerraa badaa jiru

Osoo meeshaan tekinoolojii oomishamanii gaggataman baay'ataa jiranii albuuda badaa jiran lafa keessaa qotanii baasuun itti fufuu isaatti saayintistoonni yaaddoo isaanii ibsan.

Qorannoon tokko akka tilmaametti meeshaaleen elektirooniksii bara 2021 qofatti gataman toonii miiliyoona 57 ni ta'a.

Dhaabbatni The Royal Society of Chemistry (RSC) jedhamu albuuda haaraa lafa keessaa qotanii baasuurra kanneen gataman deebisanii fayyadamuun akka jiraatu sochii taasisaa jiru.

Yaaddoon ijoo saayintistootaa albuudi lafa keessa dhumuu mala kan jedhuufi furmaata waaraa akka hin taane hubachiisuufi. Kanaafis, sochiin idil-addunyaa akka barbaachisu amanu.

Waldhibeen gurguddoos dhiheessii albuuda qaalawoo ta'an irratti yaaddoo uumeera.

Fedhiin baatirii litiyeemii akka dabalu eegama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fedhiin baatirii litiyeemii akka dabalu eegama

Lolli Yukireen keessatti eegale dabalatee gatiin nikeelii baatirii konkolaataa elektirikii oomishuuf oolu akka dabalu taasiseera.

Gatiin gabaa tasgabbii dhabuun immoo ''dhiheessiirratti rakkoo'' uumaa jira.

Fedhiin dabaluun rakkoon kuni gatiin litiyeemii akkaan akka guddatu taasiseera.

Albuudni ijoo biroo tekinolojii baatirii oomishuu keessatti barbaachisaa ta'e kuni gatiin isa bara 2021 fi 2022 gidduutti 500%'n dabale.

Albuudotni tokko tokkommoo badaa jiru jechuun Pirezidantiin Royal Society of Chemistry Pirofeesar Toom Weeltan yaaddoo isaanii ibsu.

Elementoota Ismaartifoonii keessaa jaarraa itti aanu baduu malan:

  • Gaaliyam: Termometirii, LED, paanelii solaarii, teleskoppii fi farra-kaansariis of keessaa qaba
  • Arseniik: Yeroo ayyaanaa dhodhotuu (fireworks) itti dhimma baanu oomishuuf oola
  • Siilvarii: Daawwitii, leensii ifa aduu duukkaneessu, uffata farra baakteriyaa oomishuuf oola
  • Indiyam: Tiraanzistarii, maayikirochipsii, akkasumas kaan oomishuuf oola
  • Itiriiyam: Ifa LED, leensii kaameraa, akkasumas kaansarii muraasa wal'aanuuf gargaara
  • Taantaalamii: Funyaan xiyyaara saffisu oomishuuf, gargaarsa warra dhageettii qabaniif tolchuuf, wal'aansa qaama tolchuufi kaan hedduuf gargaara

Wagga waggaan hammi meeshaaleen elektironiksii gataman toonii miiliyoona lamaan guddataa jira. Kana keessaa kan funaanamee irra deebi'ee hojiirra oolu garuu 20% gadidha.

Sababa kanaaf mootummoonniifi dhaabbileen tekinolojii xiyyeeffannoo akka itti kennan Pirof. Weeltan dhaamu.

Qorannoon biraa dhaabbata kanaan taasifame fayyadamtoonni tekinoolojii haala waara'aan oomishame akka filatan agarsiiseera.

Dabalataan, namoonni meeshaalee elektironiksii gataman waan ittiin godhan akka hin beekne hubachiise.

Dhaabbata Royal Society of Chemistry irraa Elizaabet Raatikiliif baay'een keenya ''osoo hin beekiin sibiloota gatiin mi'aawoo mana keessa ol keenya,'' jechuun ibsite.

Qorannoon RSC taasifame baay'een keenya osoo hin beekiin bilbila duriifi kaan mana keessa akka ol keenyu agarsiise

Madda suuraa, BBC News

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon RSC taasifame baay'een keenya osoo hin beekiin bilbila duriifi kaan mana keessa akka ol keenyu agarsiise

Kunneen bilbiloota yookin kompitaroota durii ta'uu danda'u.

''Oomishtoonniifi raabsitoonni itti gaafatama dabalataa fudhachuu qabu,'' jechuun dhaamti.

''Fakkeenyaaf 'deebisanii fudhachuun' akka deebi'anii hojiirra oolu gochuu. Amma garuu dhaabbataan lafa keessaa qotaa baasaa jirra,'' jechuun himte.