Teknooloojii: Namoota bilbila ismaartifoonii dhiisuuf murteessaa jiran

Hiriyyoota bilbila qabatani

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka qorannoon haaraa tokko ibsetti guyyaatti sa'aatii shanitti siquuf yeroo keenya bilbilarratti dabarsina
    • Barreessaa, Suzaan Biyaarn
    • Gahee, Rippoortara Biiznasii

Addunyaa keessa yeroo namoonni bilbila ismaartifoonii ammayyaarratti guyyuu ija keenya godhannee oollu kanatti namoonni kanarraa fuula garagalfatanis jiru.

Dulsii Kowliing fakkeenyaaf, baatii darbe bilbila bareedaa qabdu ofirraa gatteetti. Kunis fayyaa sammuu ishee ni fooyyessa jettee yaaddi.

Yeroo Aayyaana Cuuphaa maatiifi firoota isheetti bilbila Nookiyaa duriitti akka deebite himte. Bilbila of harkaa qabdu kanaan ergaa erguufi fudhachuu qofa dandeessi.

Sababa murtee kanarra geesse yoo himtuus, namuu jireenya dhiisee ija isaa mobaayilii gubbaa ka'aanii oola jechuun ibsiti.

Dulsii Kowliing

Madda suuraa, Dulcie Cowling

Ibsa waa'ee suuraa, Dulsii Kowliing yeroo dur bilbila isheerratti dabarsitu dubbisuufi hirribarra dabarsuu yaadde

'Yeroon bilbilakoo ilaalaa dabarsu yaadee wantoota qalbii na jeeqan hedduuf akka saaxilame hubadhe,'' jechuun himti.

Yeroo dur bilbilarratti dabarsitu dubbisuufi yeroo dabalataa ciisuuf akka dhimma itti baatu dubbatte.

Namoota 10 UK keessa jiraatan keessaa sagal bilbila ismaartifooni qabu. Hammi kuni biyyoota guddatanittis wal fakkaata.

Qorannoon biraammoo namni tokko giddugaleessaan guyyaatti sa'aatii 4.8 bilbila isaarra akka dabarsu agarsiisa.

Namoota muraasa, garuu kan lakkoofsi isaanii dabalaa jiruuf, kuni gahuu qaba jechaa jiru.

Nama ismaartifoonii gubbaa viidiyoo ilaalu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni bilbila ismaartifooniin dhimma hedduuf itti bahu

Aleeks Dunediinillee bilbila isaa waggoota lama dura gate.

''Meeshaalee kanarraa araadatu nu qabe,'' jedha qorataa barnootaafi ekispartiin teknolojii kan ta'e Dunediniil. Ismaartifoonii fayyadamuun ''Araadi akka nutti cimuufi oomishtummaatti danqaa ta'aa jiru.''

Sababni biraa Dunediin kaasu dhimma eegumsa naannooti. Mobaayilii oomishuuf qilleensi faalamu eera.

Erga imaartifoonii fayyadamuu dhiisee gammachuu argachuufi oomishtummaan isaallee dabaluu hima.

Obbo Duneediin yeroo ammaa mobaayilii duriis ta'e bilbila mana keessaa hin qaban. Gama kompitaraan qofa imeeliin akka odeeffannoo wal jijjiiru hime.

''Jireenyakoo fooyyesseera,'' jechuun hima. ''Yaadi koo maashiniitti hidhameefi annisaa akkasumas maallaqa koo itti baasaa turerraa bilisa baheera. Hamminni teknolojii jireenya keenya qullaa gochuu isaati.''

Liyaan Vooyis, barsiistuu ganna 53 fi Barmingihaam jiraatan immoo faallaan tarkaanfii biraa fudhatan. Erga waggoota jahaaf bilbila ismaartifoonii dhiisanii Hagayya darbe eegale fayyadamuu eegalaniiru.

Kunis mana nyaataa keessatti kooddii QR fayyadamuuf, paasportii Covid'f akkasumas ijoollee dubaraa isaanii Paaris jiran waliin wal dubbisuuf karaa salphaa ta'u himan.

Liyiin Vooyis

Madda suuraa, Lynne Voyce

Ibsa waa'ee suuraa, Liyiin Vooyis ijoolleen dubaraa isaanii mobaayilii fayyadamuu akka xiqqeessan fakkeenya ta'us mobaayilii ismaartifoonii itti dhiisanii turan

Garuu, yoo dandahan ammallee itti dhiisuuf akka yaada qaban himan. Bara 2016 yeroo jalqabaaf bilbila ismaartifoonii kan dhiisaniif ijoollee isaaniif fakkeenya ta'uullee barbaadaniiti.

''Bilbila isaaniirra oolu. Kana dhaabuuf filmaatni ani qabu bilbila koo dhiisuu ture. Jijjiirama fideeras, '' jechuun dubbatan.

''Bilbila ismaartifoonii qabaachuu dhabuun sammuukoo boqochiiseera.''

Bilbila ismaartifoonii qabachuun barbaachisaa akka hin taane namootni muraasni dubbatanis, miliyoononni biroo immoo jireenya isaanii akka isaaniif salphise himu.

''Yeroo kamuu caalaa dhaqqabiinsi fayyaa, barnootaa, tajaajila hawaasummaa dijitaala ta'eera. Maatiifi hiriyyaa wal arguunsi dijitaala ta'e. Ismaartifooniin ummata guddaa gargaare,'' jechuun dubbii himaan Vodaafon himu.

Haa ta'u malee, Hildaa Burkee, ogeessa fayyaa sammuufi kitaaba The Phone Addiction Workbook barreessan meeshaalee yeroo dheeraaf fayyadamuufi hirribaafi xiyyeeffannoo dhabuun akka walqabatu himan.

Namoonni sa'aatii meeqa bilbila isaaniirratti akka dabarsan osoo adda baasanii gaarii ta'uu himu.

Akkasumas namoonni yeroo gabaabaaf bilbila isaanii akka cufan yookiin yeroon itti bilbila isaanii sakatta'an akka xiqqeessan gorsu.