Mobaayiloota ofii keessan bittinsitanii deebistanii suphuu dandeessan

Madda suuraa, Urs Lesse
Urs Lees ji'atti guyyaa tokko namootni mobaayilasaanii ofiif akka suuphan gargaara.
Ogummaansaa saayinsii siyaasaa kan ta'e Urs Lees, biyya Jarmanii magaalaa Aakan keessatti namootni bilbilasaanii ofiif akka suphaniif kan gargaaru.
Urs waggoota saddeet darbaniif miseensa gurmuu namootaa bilbila 'Fairphone' fayyadamanfii kaffaltii malee ogummaasaanii qoodan ta'uun hojjechaa jira.
Hojiisaa kanaafis kaffaltii/mindaa hin argatu.
"Bilbila hin suuphu yoon jedhe nan danda'a. Garuu namootni bilbiloota 'Fairphone' isaanii ofiif suphuu akka yaalanif isaan gargaaruuf yeroo hunda kaka'umsan qaba" jedha.
Bilbilootni 'Fairphone' kutaaleen isaanii kunneen akka iskiriinii, baatirii, hulaawwan USB fi kaameeraa fayyadamtootaan salphumatti geeddaramuufii suuphamuu kan danda'anidha.
"Bilbilli 'Fairphone 2' yeroo daqiiqaa lamaa gadi keessatti gargar bahuu/bittinsuun kan danda'amudha" jedha Urs Lees.
"Moodeeliiwwan bilbilaa deeggarsa meeshaa malee iskiriinii isaanii buqqiftee kan biraan bakka buusuu dandeessu jiru" jechuunis hima.
Dhaabbatni bilbila 'Fairphone' oomishu bara faranjootaa 2013 hojii kan eegale yemmuu ta'u duudhaalee afur qaba.
Isaanis meeshaalee dheedhii iddoowwan walitti bu'iinsi itti hinjirree dhufan fayyadamuu, omishaalee yeroo tajaajila isaanii xummuran deebi'anii hojjetamuu danda'an omishuu, omishaalee yeroo turtii guddaa qaban omishuufii suuphamuu kan danda'an kan jedhanidha.

Madda suuraa, Fairphone
Akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bara 2019 keessa balfi omishaalee elektirooniksii toonii miliyoona 53.6 ta'utu uumame.
Dhaabbatni 'Fairphone' bilbiloota harkaa salphaatti akka suuphaman gochuun yeroon tajaajilasaanii akka dheeratuufii balfi umamus akka xiqqaatu gochuun akka danda'amu hima.
Kunis miidhaan sababa balfaan naannoo irratti qaqqabu akka hir'atu taasisa jedha.
Haa ta'u malee, dhaabbatni biyya Nezarlaand kun hanga ammaatti mobaayilawwan kuma 400 ta'an gurgure.
Kunis gaheen gabaa bilbiloota ammayyaa /smartphone/ keessaa qabu xiqqaa akka ta'e agarsiisa.
Ta'us, dhaabbatichi biyya Jarmanii keessatti deeggarsa olaanaa argachaa jira.
Akka fakkeenyaattis bara 2016 badhaasa eegumsa naannoon walqabatee ardii Awurooppaa keessatti beekkamtii guddaa qabu 'Badhaasa Naannoo Jarmanii' argateera.
















