Bilbilootni harkaa Afrikaatti caccaban maaliif gara Awurooppaatti fe'amu

Erik Artur

Madda suuraa, Eric Arthur

Ibsa waa'ee suuraa, Erik Artur bilbiloota ccacaban torbee irratti walitti qaba
    • Barreessaa, Been Mooris
    • Gahee, Gulaalaa Biizinesii Teeknoloojii

Erik Artur bashannanaaf yeroo hin qabu. Torban isaa Gaanaa keessa konkolaachisuun bilbiloota harkaa caccaban walitti qabaa oola.

Qe'ee jireenyaa isaa Keep Kosti irraa torban tokkotti Km 160 marmaaruun suuqii suphaa moobaayiloota caccabanii deemee walitti qabata.

Yeroo milkaa'u torban tokko keessatti moobaayiloota caccaban 400 tahan walitti qaba. Dabalataan ammoo bakka buutota [agents] jaha kutaa biyyattii adda addaa irraa isaaf hojjetan hooggana.

Isaan walumatti waggaa kana keessa moobaayiloota 30,000 tahan walitti qabaniiru. Erik Arturii fi waayillan isaa bilbila tokko bituuf gatii salphaa tahe kaffalu.

Tokkoo isheetti giddu galeessaan maallaqa Gaanaa Cedis 2.5-2.7 [saantima Ameerikaa 44 [0.4 dolar] kaffalu.

Yeroo bilbilootni tokko tokko ammoo suphaan ol tahan namoota amansiisuun akka obbafataniif harkaa fudhatu.

''Bilbilii Andirooyidii haaraan tokko gara dolaara 15 baasa. Animmoo doolara tokko [$1] isaaniif kenna. Yooma faayidaa hin qabuufille tahe akkasumatti jaalatu. Garuu maallaqa hamma kanaan bite. Maalifan gatii rakasaa hamma kanaan sitti gurguraree? na jedhu'' jedhe.

Hojii inni dhuma torbaniirra hojjetu kanaaf kaampaanii biyya Daach [Nezerlaandis] Kiloosing Luup [Closing Loop] jedhamutu kaffalaaf.

Kaampaanichi moobaayiloota Erikii fi waayillan isaa wlaitti qaban gara Awurooppaatti fe'a.

Achitti ammoo caccabsamuun irra deebiin hojjetamu. Dhaabbatni walitti baqsu qaama moobaayilichaa keessaa sibiila $90 tahu baafata.

Garuu maaliif moobaayiloota fageenya hamma kanaa Lixa Afrikaa irraa fe'uun barbaachise?

Closing the Loop dhaabbata Hinckley Recycling, Leegos jiru waliin

Madda suuraa, Victor Adewale / Closing the Loop

Ibsa waa'ee suuraa, Kiloozing Ze Loop [Closing the Loop] Afrikaa keessa michuu walin hojjetu qaba, Naayijeeriyaa keessaa Hinkileey dabalatee

Joost de Kluijver, namni Reinhardit Smit waliin dhaabbata 'Closing the Loop' hundeesse deebiin isaa salphaadha jedhe.

Afrikaan giddugala mobaayiloota kannneen baqsuun sibiilota xixiqqoo gatii guddaa qabanii fi mobaayiloota hojjechuuf oolan ittiin keessaa baastu hin qabdu.

''Waanti giddugalichaa qabaachuu barbaadduu fi maallaqaan humna qabu hin jiru,'' jedhe.

''Seerri, bu'uuraaleen misoomaa fi hubannaan fayyadamtootaa hin jiru. Kana irraa kan ka'e maallaqa ittiin walitti qabduu fi deebisitee hojiirra oolchitu [recycle] hin argattu.''

Wagga waggaatti Afrikaa keessatti moobaayilootni miliyoona 230 tahan gurguramu. Yeroo tajaajilaan ala tahan dhaabbilee deebisanii hojiirra oolchan [recycle] godhaniin waliitti qabamu. Irra caalaan isaanii garuu ni gatamu.

Akkaataa Global E-waste Monitor jedhutti, bara 2019 keessa Afrikaan balfa elektirooniksii toonii miliyoona 2.9 gad lakkisti. Kana keessaa 51% qofatu sirriitti walitti qabamuun deebi'ee haaromsame hojiirra oola.

''Biyyootni Afrikaa umurii dheeraa haaressanii fayyadamuu fi suphuun ni beekamu. Kanaafuu yaadichi ni jira. Garuu meeshaaleen barbaachisan hin jiran. Keessumaa balfa akka kanaaf,'' jedhe Obbo de Kilujver.

Afrikaa keessatti akka isaan walitti qabamaniif kampaaniin 'Closing the Loop' dhaabbilee biroo isaaf kaffalan waliin waliigaltee qaba. Isaan 'Closing the Loop'f moobayila haaraa tokkotti Yuuroo shan kaffalaaf.

Afrikaa keessatti Yuuroon shan kun irra deemanii walitti qabuuf, fe'uu fi haaromsuu [recycle] gochuuf kan oola. Akkasumas 'Closing the Loops' kana irraa bu'aas argata.

Maamilootni amma guddataa jiran keessaa mootummaa Daach fi dhaabbata Faayinaansii KPMG jedhamu jiru. Maamilaaf investimantii xiqqaa tahus garuu naannoodhaaf bu'aa guddaa qaba.

Moobaayiloota man kuusaa keessatti walitti qabaman

Madda suuraa, Closing the Loop

Ibsa waa'ee suuraa, Closing the Loop waggaatti moobaayiloota 30,000 walitti qaba

Obbo De Kluijver dhiyeenya yaada gidduugala haaromsaa [recycleing[ Lixa Afrikaatti akka banamuuf yaadame ni qeeqa. Sababni isaa ammoo bakka humni maallaqaa gahaa tahee fi seerri kana ilaallatu hin jirreetti dhugoomsuun ulfaata jedhee waan yaaduuf.

Siimon Andersan waa'ee bu'aa bahii kanaa ni hubattti. Isheenis hoggantuu dhaabbata deebisee haaromsuu Waste Electrical and Electronic Equipment Centre (WEEE) jedhamu Keeniyaa keessatti argamuuti.

Keeniyaan giddugala balfa deebisee haaromsu mootummaan bulchu hin qabdu. Garuu bakka bakkatti bakkeewwan balfi walitti qabaman jiru.

Yaadni dhaabbata WEEE kan balfa deebisee haromsuu jalqaba Computers For Schools Kenya jedhamu irraa madde- Kompiyuteroota haaromsaman manneen barnootaaf dhiyeessa.

Manneen barnootaa waliin hojjechuun isaa meeshaalee elektirooniksii hin barbaachisne ammoo akka furmaata argatan waan yaadameef dhaabbatni WEEE bara 2012 hundaa'e.

Simoon Andersson fi ogeessa teeknikaa Ibiraahim Kimanii

Madda suuraa, WEE CENTRE

Ibsa waa'ee suuraa, Simoon Andersan fi ogeessa teeknikaa Ibiraahim Kimanii

WEEE bara kana balfa elektirooniksii toonii 250 walitti qabuuf karoorseera. Kunis dhaabbilee gurguddoo akka Total Energies fi Absa jedhaman waliin hojjeta.

Haa tahu male,e kun balfa Keeniyaan waggaatti gad lakkistu toonii 50,000 biratti yoo ilaalamu baay'ee xiqqaadha.

Aadde Andersan guutummaa biyyattiitti gidduugala namootni balfa elektirooniksii isaanii itti gatan hundeessuuf hawwii qabdi.

Akka jettutti lammiileen Keeniyaa rakkoo balfi elektirooniksii fidaa jiru waan hubataniif kana ni dhugoomsu.

Mootummaan Keeniyaas akka dhugoomuuf gargaaraa jira. Karoorichi akka hojiirra ooluuf seera 'Extended Producer Responsibility legislation (EPRL)' itti gaafatamummaa qaama oomishu ilaallatu baasaa jira.

Kun ammoo maallaqa deebisanii haaromsuuf oolu qaama oomishe yookaan alaa galche irratti kan murteessu taha.

''Akka hojiira ooluuf dhiibbaa gochaa jirra. Sababni isaa ammoo amma biyyattiin waan barbaadaa jirtuuf,'' jette Andersan.

Akkasumas Keeniyaan biyyoota Afrikaa kaaniif fakkeenyaa gaarii akka taatu barbaanna jette.

Giduugala WEEE keessatti ogeessi teeknikaa meeshaalee elektirooniksii hiikaa jira

Madda suuraa, WEEE Centre

Ibsa waa'ee suuraa, Giduugala WEEE keessatti ogeessi teeknikaa meeshaalee elektirooniksii hiikaa jira

Giddugala WEEE keessatti ogeessotni teeknikaa 10 tahan meeshaalee elektirooniksii of eeggannoon hiiku.

Kaan sibiilota akka Ayiranii, Koopperii asuma biyya keessatti irraa babbahu.

Kanneen gatii jabeeyyii tahan akka Warqee, pilaatiniyeemii, Paalaadiyeemii ammoo gidduugala baqaqsaa sibiilaa adda tahe kan Awurooppaa ykn Eeshiyaa jiru keessatti qofa irraa bahu.

Andersan guyyaa tokko gidduugaleessa meeshaalee elektirooniksii baqsu kana Keeniyaa keessatti banuu yaaddi.

''Akkuma guddataa deemneen teeknoloojii kana gara Afrikaa fiduu barbaanna. Baha Afrikaatti maaliif hin taane? Keeniyaa, Naayiroobii keessa maaliif hin taane? Kun mul'ata keenyadha.''

Obbo de Klujver Closing the Loops gidduugala baqsa meeshaalee elektirooniksii Afrikaa keessaa maallaqaan akka deeggaru barbaadu hime. Hanga kun tahutti garuu tooftaa gaariin gara Awurooppatti fe'uudha jedhe.

Qe'ee jireenya isaa Keep Kosti keessatti kan ta'e Artur haalli itti meeshaalee elektirooniksi qabatu fooyya'aa dhufeera. Garuu kanarra fooyyeessuun akka barbaachisu hima.

''Barnoota dabalataan, ummatni waa'ee balfa elektirooniksii kana kuusuu hubataa deema jedheen abdadha,'' jedhe.