Lituweeniyaan namoonni bilbiloota Chaayinaa akka gataniif gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Maamiltoonni bilbilawwan Chaayinaa of harkaa qaban akka gataniifi haaraallee akka hin bitanneef Ministeerri Ittisaa Lituweeniyaa akeekkachiise.
Gabaasni Wiirtuun Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa isaa tokko mobaayilawwan abbaa 5G Chaayinaan omishtu qorachuu isaa agarsiisa.
Qorannichi akka bira ga'e jedhutti bilbilli Xiaomi tokko kan seensarshippiin keessatti tolfameefi bilbilli biraa moodeliin isaa Huawei ta'e ammoo rakkoo nageenyi isaa amansiisaa ta'uu dhabuudha.
Huawei'n daataan fayyadamaa jalaa duubaan ergaa akka hin jiru yoo himu, Xiaomi'n ammoo komunikeeshinii seensar akka hin goone dubbate.
"Gorsa nuti isiniif qabnu bilbilawwan Chaayinaa hin bitatiinaa kan jedhuufi kan kanaan dura bitattanii of harkaa qabdan ammoo hanga danda'ametti gataa," jedhan Itti-aanaa Ministira Ittisaa Margiris Abukevicius.
Seensarshiippii
Bilbilli Xiaomi guddaan Mi 10T 5G sooftiweerii jechootaa akka "Free Tibet", ''walabummaa Taiwan" ykn "warraaqsa dimokiraasii" dabalatee kanneen biroo akka adda baasuufi seensar gochuu danda'utti tolfameeraaf," jedha gabaasichi.
Sirni appilikeeshiniin bilbila Xiaomi kun kan gaashumaan interneeta soqu dabalatee jechoota 449 ol seensar gochuu akka danda'u qorannoon kun adda baafateera.
Awurooppaa keessatti, appiiwwan jechoota akka adda baafataniifi seensar godhaniif tolfaman moodeloota bilbilootaa kanneen irratti akka hin hojjenneef cufamaniiru, garuu gabaasni kun akka jedhutti fageenyarraan yeroo barbaadametti akka banamanii hojjetan gochuun ni danda'ama.
"Bilbilli Xiaomi komunikeeshiniwwan fayyadamtootaafi ergamaniifi isaan biraa bahan seensar hin godhu," jechuun BBCtti himte dubbi himtuun dhaabbatichaa.
"Xiaomi'n fedhiifi faayidaa fayyadamtoota bilbila keenyaa kan akka waan fedhan barbaaduu, bilbiluu, marsariitii soqachuu ykn sooftiwaarii komunikeeshinii qama sadaffaa fayyadamuu daangessinee ykn cufnee hin beeknu gara fuula duraattis hin goonu."
Dhaabbatichi komeen General Data Protection Regulation (GDPR) kamiyyu guutummaatti hojiirra oolcha jette dubbi himtuun kun.
Qorannoon kun dabalataan bilbilli Xiaomi daataa koodiin isaa adda bahee faayidaa bilbilaaf oole gara sarvarii Singaappoor jiru tokkoottillee dabarsa.
"Kun Lituweeniyaa keessatti qofa osoo hin taane biyyoota meeshaa Xiaomi fayyadaman hunda keessatti of eeggachuun barbaachisaa ta'a," jedha Wiirtuun qorannoo gaggeesse kun.
Kampaniin bilbilaa kun moodeloota gatiin isaanii humna namoota bitatanii ilaalcha keessa kan galche ta'uu isaatiin beekamtiin isaa baay'ee dabaluu isaatiin galiin isaas kurmaana baranaa kan bara darbee waliin yeroo ilaalamu %64n dabaleera.
Huawei P40
Gabaasni kun bilbilli Huawei's P40 5G fayyadamtoota balaa nageenya saayibariitiif saaxiluun rakkoo akka qabu mul'iseera.
Dubbi himaan Huawei BBCtti akka himetti garuu dhaabbanni isaanii seeraafi danbiiwwan biyyoota keessatti hojjetuu kan hordofuufi dhimmoota akka nageenya saaybariifi icciitii dhuunfaa dursa ni kenna.
"Tasuma data'n meeshaa [mobaayila] Huawei''n alatti hin mijeeffamu," jedhe itti dabaluun.
Gabaasni kun wayita muddamni Tituweeniyaafi Chaayinaa gidduutti dabalaa jiruttidha.
Ji'a dabre, Chaayinaan Lituweeniyaan ambasaaddara ishee Beejing keessaa akka baastuuf kan gaafatte yoo ta'u, ofiinis ergama Vilnius kessaa qabu akka baastu dubbattee turte.
Waldhabdeen kun kan jalqabe Taayiwaan ergama Lituweeniyaa keessaa qabdu Waajira Bakka-bu'aa warra Taayiwaan akka jettu beeksifteen booda.
Imbaasiiwwan Taayiwaan biroon Awurooppaafi Yunaayitid Isteet keessa jiran, maqaa magaalaa guddoo biyyattii Taipei jedhu fayyadamu. Kana kan godhaniif ammoo kallattiidhaan maqaa odalattii, kan Chaayinaan akka qaama byyasheetti ilaaltu, kallattiin waamuu dhiisuuf jedhaniiti.














