Meeshaalee ammayyaa: Roobootii xixiqqoo hanga uffata ofiin halluu isaa jijjiiru

Naanooboot

Madda suuraa, SPL

Ibsa waa'ee suuraa, Maashinii daran xiqqaa qaama namaa keessa awwaalamuu danda'u

Gamoo konkiriitiin ijaarame kan wayita baqaqu ofiin of suphuu danda'u yaadaa, yookin ammoo maashinii xixiqqoo qaama namaa keessa awwaalamtee ofiin dhibee wal'aanuu dandeessu.

Kunneen tajaajiloota meeshaaleen ammayyaa bocaa fi halluu isaanii jijjiiruu akkasumas ofiin of suphuu danda'u jedhaman kennan keessaati.

Lubbu qabeeyyii ka'umsa godhachuun meeshaaleen kalaqaman kunneen jireenya egeree dhala namaa jijjiiruuf gahumsa qabu jedha gabaasni haaraan bahe.

Haa ta'u malee tajaajila yaadameen ala akka hin oolfamne ykn dhiibbaa itti hin yaadamne akka hin qabaanne to'annoo barbaadas jedha gabaasni 'Rooyaal Soosaayitii' UK.

Meeshaaleen kunneen gariin kan akka fakkii ofiin of haaromsu fi koonkiriitiin wayita baqaqu of suphu qaata gabaarra oolan. Gariin ammoo tolfamaa jiru.

"Kuni nuuf jaarraa barbaachisaadha. Meeshaalee omishnu kan wayita dullooman tajaajilaan ala ta'an irraa gara meeshaalee ofiin of haaromsan ykn suphaniitti ce'aa jirra," jedhu dhimma kana kan qoratan pirofeesar Maark Miyoodoonik.

"Fulduraaf riqichi tokko wayita cabu, cabuu isaa ofiin beekee waa'ee caba isaa kana waa gochuu danda'a jechuudha."

Konkiriitiin wayita baqaqu ofiin of-suphu kun akkaataa lamaan hojjeta. Inni tokko wanta akka kiniinii konkiriiticha keessa awwaalamuun kan hojjetu yoo ta'u, wayita qilleensa ykn bishaaniif saaxilaman wanta akka reenjii gadi dhiisuun baqaqaan sun akka guutamu godhu.

Inni lammataas wanta kiniinii fakkaatu garuu kan baakteeriyaan guutame fayyadama. Wayita konkiriitichi baqaqu wanti kiniinii fakkaatu sun albuuda Kaalsaayit omishuun baqaqaan sun akka duudu godha.

Teeknooloojiiwwan kun UK keessatti ijaarsa daandii irratti yaalamaniiru.

Konkiriitii of suphu

Madda suuraa, Kanellopoulos et al

Ibsa waa'ee suuraa, Konkiriitii of fayyisu: Suuraa guyya jalqaba baqaquu fi erga of suphee guyyoota 28 booda kaafaman

Tajaajilli meeshaalee of suphan kanaa inni biroo iskiriinii bilbila moobaayiliif kan oolu yoo ta'u, moobaayiliin kufee iskiriiniin isaa yoo cabu battalumatti of supha.

Kan biraan sararootni meeshaalee elektirooniiksii wayita citan of-suphuun deebi'anii akka hojjetanis ni godha.

"Gaaffiin ani qabu ni ta'a moo hin ta'u kan jedhu osoo hin taane, yoom hojiirra oola kan jedhudha. Gabaasni amma bahe kun ni ariifatee? gaaffiin jedhu ka'uu mala. Ani waan ariifate natti hin fakkaatu," jedhu pirofeesar Maark.

Yeroon itti hawaasni saayinsii waliin ta'uun egereen keenya kana, kanaaf haala itti hojjennu haa geeddarru jedhu ammadha jedhu.

Saayinsiin fayyaa damee biraa meeshaalee kanatti fayyadamuu danda'a jedhamudha.

Mashinoonni daran xixiqqoo tahan ujummoo dhiigaa namaa keessa galfamuun qaama miidhame akka wal'aanan, odeeffannoo waa'ee fayyaa nama sanaa akka funaanan gochuun ni danda'ama.

Kuni dhiibbaa wal'aansawwan yeroo ammaa kennaman kan akka kiimooteeraapii fi reediyooteeraapii qaama namaa irraan geessisan hambisuu mala.

Huccuu ammayyaa

Kalaqni kun huccuufis ooluu danda'a.

"Waan nama seeqachiisan akka boca huccuu ofii jijjiiruu, ykn ammoo miira keessan irratti hundaa'uun halluu isaanii jijjiiruu dandeessu," jedhu pirofeesar Maark.

Kun namoota miidhama qaamaa ykn wal'aansa baqaqsanii yaaluurraa dandamataa jiranis fayyada.

"Huccuu seensarii of keessaa qabuun, fakkeenyaaf namni miidhama gateettiirraa dandamataa jiru tokko gateettii isaa hagam sochoosuu akka qabuu fi hin qabne beeksisa," jedhu pirofeesarri saayinsii meeshaalee ykn 'material science'.

Clothing

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasni 'Royaal Sosaayitii' UK akka jedhutti meeshaaleen kunneen tajaajilarra ooluu bal'inaan wayita eegalan to'attootaaf rakkisaa ta'uu mala.

Fuulduraaf meeshaaleen kunneen ykn sirni isaan ittiin dalagan to'annoo namaan ala waan ta'eef, amala hin eegamne agarsiisuu malu.

Itti fayyadama isaanii ilaalchisee dhimmooti nageenyaa, naamusa ogummaa fi hojiirra oolmaan wal qabatan gaaffii kaasuu malu.

"Sirni to'annoo haaraan dirqama barbaachisa" jedha gabaasichi.