CES 2020: Qophii hegeree teeknoolojii agarsiisu

CES Cover image

Madda suuraa, AO Air

Meeshaalee teeknolojii hagam feetu? Qophii agarsiisa teeknoolojii CES expo jedhamu irratti meeshaleen beekumsa, hawwiifi yaadaa guddina teeknoolojii irraatti qabdan kan bal'isaniifi ajaa'ibsiisaan kumaataman lakkaa'aaman ni dhiiyatu.

Qophii kanaratti intala pirezdaantii Ameerikaa Ivaankaa Tiraamp dabalatee namootni beebbekamoo hedduu ni argamu jedhamee eegama.

Qophiin kun garuu hedduu kan barbaadamuuf meeshalee teeknoolojii dhiyaataniifi.

Meeshaaleen teeknoolojii waggaa kanatti hedduu ageeman keessaa gurguddon kunoo.

'SMART HOME' (MANA JIREENYAA HUBANNOO TEKINOOLOOJII QABU)

Dhaabbileen akka Amzon fi Google ammas teeknoolojii mana keessa ofii ilaalee nama gargaaruu danda'u uumuuf hedduu carraaqu.

Teeknoolojiin sagalee qaxalee ykn smart ta'e 2019 keessa milkaa'ina guddaa fideera.

Qoormaati amma jiru meeshaa amma gabaarra jiru sireessurra meeshaa haaraa uumuudha.

Kohler

Madda suuraa, Kohler

Ibsa waa'ee suuraa, Ujummo meeshaa shawoorii 'Moxie' jedhamu.

Ogeessi kutaa dhaqna dhiqannaa Kohler meeshaa Moxie jedhamoon xiyyeeffannoo hawwateera. Meeshaan kun ujjummoo shaaworii irratti maakraphooniifi ispiikaara of keessaa qaba.

BrightLock

Madda suuraa, Brightlock

BrightLock cufaa balbala manaa, ibsaa bilbilaa fayyadamuun banuu kan dandeessisudha.

Yaadni cufaa kanaa, salphaatii koodii isaa hiriyyaafi maatiif qooduun yeroo gabaabaaf mana seenuu akka dandessisu ta'a.

Tigout and AIPlus Plantbox

Madda suuraa, Tigout/AIPlus

Meeshaan Tigout, jedhamu nyaata waan akka keekii alanfannaa tokkoof taatu kan tolchuu danda'udha. AI-Plus Plantbox, ammmoo meeshaa yeroo iji biqilaa tokko keessa kaa'amu kuduraalee adda addaa biqilchuun kan itti danda'amudha.

Athena camera

Madda suuraa, Amaryllo

Meeshaan eegumsa manaa Athena kaameeraa sagalee fi fuulaa maatii mana sana keessa jiraatanii kan nama keessummaa ykn hin beekne irraa adda baafachuu danda'u qaba.

Dabalataanis ibiddii yoo jiraate fagoo irraa hubate namatti beeksisu danda'a.

TELEVEZHIINII

LG Display screens

Madda suuraa, LG Display

Dhaabati LG Display fuula TV cm165 bal'atee baaxiirraa galuufi yeroo itti hin fayyadamamnetti kan sassabaamuu danda'u akka oomishe hima.

ROOBOOTIIFI HUBANNOO NAMTOLCHEE (AI)

Roobotii pizzaa oomishu

Madda suuraa, Picnic

Picnic maashinii saatii tokko keessatti nyaata piizzaa hanga 300 tolchuu danda'u oomishe. Akkaataan qophii nyaata kanaa appilikeeshinii bilbilaan to'atamuufi deeggaramuu danda'a.

Warshaan haaraa kun boodarra maashiniin kun nyaata akka saanduchii fi kaan qopheessuuf kan akeeke yoo ta'u yaadaa kana maamiltootaaf osoo hin taane manneen nyaataa adda addaatti dhiyeessa jira.

MarsCat

Madda suuraa, Elephant Robotics

Dhaabati Chaayinaa Elephant Robotics jedhamu roobooti MarsCat jedhamu dhiyyeessa. Roobootiin kun akkuma addurree ni taphata, sagalee abbaa qabeenyaa isaa ni hubata akkasumas adduuree sirrii waliin hariiroo uumuu danda'a.

Tombot

Madda suuraa, Tombot

Roobootiin akka bineensaatti hojjetame inni biraan kan Tombot robootii buxxulaa saree fakkaassuun oomishameedha. Maashinin kun miiraa qaqqabuu kan qabu yoo ta'u namootaa dulloomanii qofaa jiraataniifi namoota biroo beeylada sirri kununsuu hin dandeenyeef fayyada.

Pibo

Madda suuraa, Circulus

Roobootiin Pibo'n dhiiyaate xiqqoo kan nama sodaachisudha. Maamiltoota shamarreef kan qophaa'ee roobootiin kun boca namaan kan hojjatamee yoo ta'u, gargaarsa kaameera afaansaa keessa kaa'ameen dandeetti suuraa abba qabeenyaa isaa kaasuufi waliin haasa'u kan qabudha.

Bocco

Madda suuraa, Yukai Engineering

Roobootiin Yukiyaa Bocco daa'immaan maatii isaanii waliin ergaa sagalee akka waliif ergan kan gargaarudha.

Akkasumas dandeetti yeroo matiin mana ga'u beeksisuu, haalli qilleensa maal akka fakkaatu himuufi yoo balballi manaa sirritti hin cuufamiin hafe beeksisu qaba.

GEEJJIBA

Hydrofoiler XE-1

Madda suuraa, Manta5

Dhaabati Manta5 saaykilii Hydrofoil e-bike jedhamu kan bishaan irraa oofamu dhiyeessa.

Saaykiliin kun dambaliin ciimaa yoo hin jiraane galaana irratti fayyaduu danda'a.

Meeshaan akkanaa yeroo uumamu kan jalqaba yoo ta'u, gatiin isaas salphaa miti. Tokkon saaylikii kana Paawondii 5,800 ykn gara birrii 245,000 nama baasisa.

Dolphin1

Madda suuraa, OceanAlpha

Meeshaaleen kaan yeroo bashanannaaf kana qophaa'e ta'us meeshaan dhaaba OceanAlpha Dolphin1 jedhamu lubbuu baraaruuf kan qophaa'edha.

Yeroo namni tokko bishaaniin nyaatamuuf jedhattu lubbuu baraartonnii lubbuu ofi isaanii yaaddoo keessa galchuurra meeshaa kana fagoo irraa to'achuun lubbuu namaa olchuu danda'u.

Wello

Madda suuraa, Wello

Dhaabati Firaans Wello jedhamuu mala geejjiba goommaa sadii qabu kan saaykiliirra ariifatuufi akka konkolaataa qilleensa hin faalle dhiyeessa.

Nama tokko qofa kan qabatu malli geejjibaa kun imala gabaabaaf kan uumame yoo ta'u saatii tokkotti km40 deemuu kan danda'udha.

FAYYAA FI MESHAALEE UFFATAMAN

Norm Glasses

Madda suuraa, Human Capable

Manatsariin (marayaan) Norm kan oomishamee dandeetti bilbila bilbiluu, kallattii agarsiisuu, vidiyoo waraabuufi taphachiisu qabateeti.

Ao Air Atmos

Madda suuraa, Ao Air

Atmos meeshaa akka golgaatti fuulatti uffatamuu kan qilleensa falaamaa qulqeeleessu uumeera. Golgaan kun fuullaatti kan hin maxxannee waan ta'eef wanta nama cinqu miti jedhameera.

Ambassador earphones

Madda suuraa, Waverly Labs

Meeshaan Ambassador jedhamu afaan hiikuuf kan qophaa'eedha.

Meeshaan gurratti godhatamu kun namootni afaan adda addaa danda'an afur meeshaa isaani bilbila tokkotti qabsiisuun waliin haasa'uu akka danda'an kan gargaarudha.

Wahu shoe

Madda suuraa, E-Novia

Kopheen Wahun qophaa'e lafa irra demamaa jiru irratti hundaa'uun jalli ykn sooliin kophee kanaa of geeddara.

Kana jechuun lafa walqixaa'aa hin taaneerra yoo deemame, kopheen kun miilla abbichaa akka hin quuqamne goochuun of sirreessa.

Smart urine analysers

Madda suuraa, Bisu/Vivoo

Meeshalee akka Bisu fi Vivoo ammoo eegumsa fayyaarratti hojjeettu. Qorannoon fincaanii ofiin gaggeessu akka danda'amu taasisaniiru.

Waraqataa xiqqoo irratti fincaan xiqqo ka'amee meesha kan keessa yeroo ka'amu rakkoo jiruufi maal gochuun akka namarra jiratu ni beeksisaa.

KANBIROO

Kan biroon hedduun jiru.

Meeshaleen teeknoolojii oomishamiin hundi dhugumaan barbaachisoodha kan jedhu gaaffii keessa ni galu. Kaan ammoo teeknolojii yaalame hin milkaa'iin haafee deebisanii yaalutti jiru.

Samsung bilbila iskiriinii guutuu qabaatee dachaa'uu danda'u yaalutti jira.

Samsung filip phone

Madda suuraa, Samsung

Teeknooliin tokko tokkoo gaaffi uumaniiru.

Dhugumaan addunyaan bilbila geengoo ta'e ni barbaadaa?

Korojoo miinjaalaa of keessa qabuuf gabaan jiraa?

Namootni saree qaban uuffata miiraa saree isaani himuu danda'u dhugumaan ni fedhu?

Cyrcle Phone, MoDesk and Inupathy harness

Madda suuraa, dTOOR/MyMoDesk/Inupthay

Kunneen maallaqni ofuman kan itti badu fakkaatu. Ta'us garuu takka takka yaadni gaarii hintaaneeyaada gaariif bu'ura ta'a.

Kanaaf mee roobootin Procter & Gamble's Rollbot kan bilbilaan to'atamuufi utuu mana fincaani keessa jirtanii yoo sooftiin isin jalaa dhumee kan fiigee isiiniif fidu kun bara 2020tti waan gaariitti hin ba'u jettanii yaaddu?

RollBot

Madda suuraa, Procter & Gamble