Tekinooloojii Qonnaa: Kampaaniin Guugil roobootii oyruu keessa naannoftee miidhaan to'attu tolche

Madda suuraa, Mineral
Kaampaniin Guugil jalatti argamu Alfabeet jedhamu roobotii biqiltuu oyruu irratti marge tokko tokkoon bira deemuun to’achuun callaan qonnaan bulaa akka foyyaa'u gargaara jedhame hojjate.
Roobotiin moodeliin jalqabaa isaa agarsiisaaf dhiyaate kun midhaan oyruu qonnaarra jirutti osoo hin bu'iin keessa deddeebiyuun sakkattaati.
Kaayyoon oyruu keessa deddeebituuf ammoo akkamitti miidhaan akka guddatu odeeffannoo walitti qabuuf jedhameera.
Kaampanii Alfabeet X jedhamu jalatti kan argamu ‘Project Mineral’ teknoolojii addunyaarratti jijjirama bu’uura fidu jedhu kalaquurraatti xiyyeeffatee hojjata.
Pirojeekticha kan hogganu Eliyoot Giraant maxxansa biloogiiaarratti barreesseeen, "meeshaaleen fooyya’insa qaban akkamitti akka midhaan nyaataa itti omishamanrratti industirrii qonnaa jijjiiruu danda'a jennee abdanna," jedhe.
Gartuun dhimma kanarratti hojjatu akka ibsetti, kaayyoon ijoon fedhiin soorata addunyaan barbaaddu dabaluufi fedhi jiru itti fufiinsaan guutuuf omishuun akka barbaaachisu agarsiisuuf jedhan.
Meeshaaleen amma jiran garuu odeeffannoo qonnaan bultootni barbaadan hin kennanif.
Qonnaan bultoonni waa’ee odeeffannoo qabiyyee biyyeefi haala qillleesaa yoo qabaatan, roobootiin kun ammoo kan kalaqamteef, "akka itti biqiltuun guddatuufi haala naannoo isaa itti udhatu ilafaluuf,’’ jedhe kaampanichi.
Waggota muraasaan asitti roobotiin biqiltuu kun oryuu goraa(strawberry) fi shumburaa Kaalifoorniyaafi Illinooy keessa deemtee lakka’aa, suuraa qulqullina qabuu kaasa akka turtellee kaampaanichi ibseera.
Kana malees, robootiin kun odeeffannoo dheerina biqiltuu, baalaafi hamma firii biqiltuu sassaabuullee dandeessi.
Hundeessaafi hogganaan kaampanii teeknolojii, akkasuma horsiisa hoolotarratti kan bobba’e Ayan Diriw, roobootii oyirutti baasuun ilbisoota miidhaan keessa jiran ittiin sakatta’uuf, miidhaan yeroon sassabamuufi yeroon dhabamuu mirkaneessuu, aramaa jalaa aramuuf akka gargaaru dubbata.
Kanaafuu, "Roobotii qabaachuun gahaadha, bu’aa qabeessa nama taasisas,‘’jedha Obbo Diriw.
Akka yaadasaatti qonnaan bultoonni yeroo hedduu xiyyeeffannoo hin argatan.

Madda suuraa, Mineral
Fayidaa biyyaleessaa
Nageenyii odeeffannoo sadarkaa kamittiyyuu taanaan dhimma murteessadha, sababii kanaaf namni ta’e tokko oyiruu qonna kee seeran ala to’achuu mala, kanaafuu eenyu odeeffannoo qabata inni jedhu dhimma murteessadha jedhe.
Odeeffannoon akkasii baayyee murteessaa akka ta’eefi akka fayidaa biyyooleessatti waan ilaalamuu qabu ta’uus ni dubbate.
Ammaatti sagantaan Mineral’ jedhamu kun qonnaan bultootaafi namoota beeyladoota horsiisan kan biyyoota akka Arjetiinaa, Kanaadaa, Afrikaa Kibbaafi Ameerikaatti argaman wajjin akka hojjatu himeera.
Roobootii akkasii kana gabaaf gurgurtaaf dhiyeessuuf karoorri bahe hin jiru.


















