Keeniyaatti sirni paartii tokkoo gara paartii daneessaatti akka jijjiiramu kan qabsaa'e, Raayilaa Odiingaa, eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Raayila Omoloo Odiingaa maatii Keeniyaa keessatti beekamoo fi siyaasa keessatti bal'inaan hirmaatan keessaatti dhalatanii guddatan.
Raayilaan abbaa isaanii irraa fudhachuun siyaasa Keeniyaa keessatti nama shoora olaanaa bahatan akka tahan himama.
Hogganaan paartii mormituu kun yeroo jalqabaaf Keeniyaa keessatti sirna paartii tokkoon qofa gaggeeffamuu hanbisuun sirni paartilee hedduu [Multi Party] akka dhufu nama hojjetanidha.
Abbaan isaa erga Keeniyaan Ingiliz jalaa walbamummaa ishee argattee yeroo lama itti aanaa pirezidaantii tahuun tajaajilaniiru.
Odiingaan ammoo bara 2008 mootummaa tokkummaa paartileen hundaa'e keessatti ministira muummee Keeniyaa tahuun hojjetaniiru.
Bara sana filannoo pirezidaantummaa gaggeeffame xiqqumaaf akka mo'aman himame. Qabxicha fudhachuu diduun mana murtiis deemanii iyyatanii hin milkoofne.
Yeroo shan filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa irratti hirmaatanii garaagarummaa qabxii xiqqaaf mo'aman.
Erga bara 2022 filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa irratti hirmaatanii sagalee xiqqoof jecha Wiiliyaam Ruutoodhaan mo'amanii as Komishinara Gamtaa Afrikaa tahuuf dorgomanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isas osoo hin milkaa'iin hafan.
Deeggartoonni isaa maqaa masoo adda addaan isa waamu. ''Baabbaa,'' Agwaamboo [Gocha Waaqaa], fi Tinga [Tiraaktar] kanneen jedhan maqaa Odiingaan ittiin beekamanidha.
Tiraaktarri mallattoo paartii isaanii filannoo 1997 irraa kan fudhatamedha. Odiingaan shuubbisa Reegee suuta jedhe [Slow Raggae[ jaallatu. Kanaafis ''Shuubbisa Raayilaa,'' ykn ''The Raila Dance'' jedhanii kan ibsan jiru.
Yeroo duula filannoo gaggeessanis shuubbisa kanatti fayyadamaa turaniiru.
Raayilaa Odiingaa nama kubba miilaa jaalatan akka tahan himama. Deeggaraa Arsenaal beekamaadha.
Deeggartoota Uhuuruu warra turan irraas deeggarsa argachuuf jecha tokkummaa paartilee hundeessuun paartii Azimiyo la Umoja jedhamu hogganaa turan. Tokkummaaf Dhaabbachuu akka jechuuti.
Bara 2017 keessa filannoo gaggeeffame irratti Uhuuruu Keeniyaataa fi Odiingaan falmii jabaa gaggeessan. Deeggartoonni isaanii walitti bu'aniiru.
Lameen isaanii garuu faayidaa biyyaa dursuun harka wal fuudhanii ''Hand Shake'' jedhamee ibsamuun biyyattiitti tasgabbii fidan.

Madda suuraa, Getty Images
Odiingaan siyaasa abbaa isaanii irraa dhaalan. Abbaan isaa Jaramogii Odiingaa walabummaa Keeniyaan booda itti aanaa pirezidaantii biyyattii jalqabaati.
Bara 1966 siyaasa keessaa bahuun isaanii kan himamu abbaan Odiingaa Jaramoogiin yeroo sana pirezidaantii Keeniyaa kan turan Joomoo Keeniyaataa waliin wal dhabanii ture.
Jaramoogii Odiinaa hariiroo Sooviyeet Raashiyaa fi Chaayinaa waliin tolfachuu barbaadu ture.
Joomoo Keeniyaataa ammoo Ameerikaa fi biyyoota Lixaa kaan waliin hariiroo cimaa uuman.
Wal dhabdeen isaanii kun hammaataa deemuun Jaramogii Odiingaa hidhamuun ji'oota 18 booda bara 1971 gadhiifaman.
Akkuma abbaa isaa Raayilaa Odiingaas ilma Joomoo Keeniyaataa Uhuuruu waliin wwal morkataa turan. Isa dura garuu siyaasumaan hidhamuun nama siyaasaa yeroo dheeraaf Keeniyaa keessatti hidhaman tahaniiru.
Sirni paartii tokkicha biyya gaggeessuu dhaabbachuun sirni paartii hedduu [multi-party system] akka dhufu waan qabsaa'aniif marsaa lama hidhamaniiru.
Kan jalqabaa 1982-1988 yoo tahu, kan lammataa ammoo 1989-1991 ture.
Kun bara bulchiinsa Daani'eel Arap Mo'ii keessa ture. Bara 1982 yaalii fonqolcha mootummaa gaggeessite jedhamuun hidhame. Kun ammoo sadarkaa biyyaaleessaatti beekkamtii guddaa akka argatu taasise.
Raayilaa Odiingaa Maamaa Idaa dubartii jedhamtu fuudhuun ijoollee afur horataniiru.
Ijoolleen isaa Fidel dabalatee, Roozmerii, Juunerii fi Wiinii jedhamu. Isaan keessa Fidel boqoteera.
Ilmi isaa Fidel yaadannoo gaggeessaa Kuubaa duraanii Fidel Kaastiroon moggaafame.
Fidel dubartii lammii Ertiraa taate Liwaam Getaachoo Baqqalaa jedhamtu fuudhee waliin dhala godhataniiru.
Odiingaan ilmi isaa kun yeroo Waraanni Ololaa sadarkaa olaanaa irra gahee fi Fidel Kaastiroon Ameerikaa dura dhaabbataa ture dhalachuu hima. Yeroo sana waraanni Veetnaamis gaggeeffame. Kanaaf, maqaa isaa Fidel akka jedhan himan.
Ilmi isaa kun akka isa bakka bu'u barbaada ture, garuu Fidel bara 2015 umurii isaa waggaa 41'n boqate.
Bara 2017 intalli isaas siyaasatti makamuu ibsuun ganda abbaan ishee Odiingaan waggaa 20'f bakka bu'uun dorgomaa ture Kibeeraaf akka dorgomtu ibsite.
Garuu booda rakkoo fayyaa qabaachuu himuun yaada ishee jijjiirte.
Raayilaa Odiingaa Keeniyaa keessaa namoota qabeenya guddaa qaban keessatti eeramu. Dhiyeessii fi oomisha gaazii fi itaanoolii irratti bal'inaan hojjeta.
Raayilaa Odiingaa Keeniyaa keessaa saba Luyoo jedhamu keessaa dhalatan.












