US meeshaa waraanaa doolaara bil. 1.1 baasu Taayiwaanitti gurguruuf waliigaluun Chaayinaa mufachiise

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan US gurgurtaa meeshaalee waraanaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.1 ta'u Taayiwaan waliin raawwachuuf waliigaleera, kunimmoo Chaayinaa akkaan mufachiiseera.
Waliigalteen kun sirna raadaarii haleellaa meeshaa waraanaa hordofee qolatu, akkasumas humna waraanaa galaanarraa fi misaa'ela kan qolatu of keessatti hammata.
Tarkaanfiin US kun ji'a darbe Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka bu'ootaa biyyattii erga Taayiwaan daawwatanii booda ifoome.
Naansii Peloosii qondaala US waggaa 25 keessatti yeroo jalqabaaf Taipei daawwataniidha.
Imbasiin Chaayinaa Washingtan jiru, Ameerikaan murtooshee kana akka kaastu, yookiin ammoo tarkaanfii walfakkaataa Chaayinaarraa dhihaatu keessummeessuuf of haa qopheessitu jedhe.
Dubbi himaan mootummaa Chaayinaa Liu Pengyu, ''waliigalteen kun hariiroo Beejiing fi Washingtan gidduu jiru irratti dhiibbaa guddaa qaba,'' jedhan.
''Haalli kun akkanaan kan itti fufu yoo ta'e, Chaayinaanis tarkaanfii madaalawaa, sirrii fi bu'uura seeraa qabu ni fudhatti,'' jedhan qondaalli kun.
Chaayinaan biyyi ofiin of bulchitu Taayiwaan qaamashee akka taatu cichitee falmiti, yoo barbaachise humnaanillee of jala galchuu feeti.
Ji'a darbe jilli qondaaltota mootummaa olaanoo US Taayiwaan daawwachuu hordofee Chaayinaan shaakallii waraanaa gurguddaa naannawa Taayiwaanitti gaggeessaa turte.
Dubbi himaan mootummaa US waliigalteen kun ''Taayiwaaniif akkaan barbaachisaadha,'' jedhee, Beejiing dhiibbaa humna waraanaa, dippiloomaasii fi diinagdee Taayiwaan irraa akka kaastu gaafateera.
Rakkoo dhalateef furmaanni karaa marii nagaan ta'uu akka qabus dhaame.
Gama meeshaa waraanaan Taayiwaan tumsuun cinaatti bulchiinsi Pireezidant Joo Baayidan daldala Chaayinaan gara US taasistu irratti taariifa doolaara biiliyoona hedduun lakkaa'amu kaa'uu akka itti fufu ibseera.
Daldalli Chaayinaa Joo Baayidan irratti xiyyeeffatan hedduunsaanii kanneen bara bulchiinsa Pireezidantii duraanii Doonaald Tiraamp eegalamaniidha.












