Waa’ee gosa kaansarii waggaatti dubartoota Itoophiyaa 5,000 ol ajjeesuu kana beektuu?

Shamarree talaalii fudhataa jirtu

Madda suuraa, MoH

Akka ministeerri Fayyaa Itoophiyaa jedhutti, gosti kaansarii fiixee gadaamessaa (cervical cancer) jedhamuun beekamu gosoota kaansarii lubbuu dubartootaa gaaga’aa jiran keessaa sadarkaa lammmaffarratti argama.

Kaansariin harmaa ammoo gosa kaansarii sadarkaa tokkooffaan lubbuu dubartootaa gaaga'udha..

Kaansariin fiixee gadaamessaa maalirraa dhufa?

Dr. Eeliyaas Jamaal Yunvarsiitii Haramayaattii Ispeeshaalistii Gadaamessaa fi Ulfaa yoo ta’an, ogeessa yaala dhibee kaansarii fiixee gadaamessaa irratti muuxannoo dheeraa qabaniidha.

Kaansariin fiixee gadaamessaa kun gosa kaansari kutaalee lamaan gadaamessi qabu keessaa kutaa balbala gadaamessaa irraa ka’udha jedhu.

“Kaansariin kun akka uumamuuf sababni ijoon infeekshiniidha. Infeekshiniin kunis dubartoota harka 70 tahan irratti ni mudata. Kana keessaa dhibbeentaa 90 kan tahan infeekshinii kana qaamni isaanii ofirraa ittisa. Kanaafuu, waggaa lama keessatti infeekshiniin kun irraa badu danda’a,” jedhu oggeessi kun.

“Dhibbeentaa 10 kan tahan garuu infeekshiniin kun irra tura. Infeekshiniin kun osoo hin badin gaafa hafu carraa kaansarii fiixee gadaamessaatiin qabamuu ni uumama,” jedhan Dr. Eeliyaas.

Infeekshiniin qaama dubartootaa irratti mul’ate kunis gara kaansariitti jijjiiramuuf waggaa 10-30 akka itti fudhatus himu.

“Gosti kaansarii kanaatis dafee mallattoo hin agarsiisu. Sakatta’iinsaan argama. Sadarkaa infeekshinii irraa gara kaansariitti cehaa jirurra yoo ta’e mallatoo hin mul’isu. Mallattoon kan mul’atu erga gara kaansariitti geeddaramee kaansariin qaama keessatti guddachuu eegaleeyi,” jedhan.

Sababii gosti kaansarii kanaa sadarkaasaa duraatti mallattoo mul’atu hin agarsiifneef jechas dubartoonni umuriin isaanii waggaa 30 hanga 49 tahan hundi waggaa sadi sadiin sakatta’iinsa kaansarii fiixee gadaamessaa kana akka taasisanis gorsu.

Tamboo xuuxuun, qorichoota adda addaa fayyadamuu, walqunnamtii saalaa umurii waggaa 20 dursanii jalqabuu fi hiriyaa waliin qunnamtii saalaa raawwatan lamaafi isaa ol qabaachuun wantoota gosa kaansarii kanaaf sababa ka’umsaa ta’uu malan keessatti eeramus jedhan.

Mallattoon kaansarii kanaan maaliidha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Infeekshiniin erga gara kaansariitti ceheen booda mallattoolee mul’isan keessaa tokko dhangala’aan foolii qabu kutaa gadaamessa ishee keessaa dhangala‘u jalqaba jedhan Dr. Eeliyaas.

“Dubartoonni mallattoo dhangala’aa kutaa gadaamessa isheetii bahu kana yeroo argan mana yaalaatti deddeebi’u. Garuu deddeebii yaalaatiin jijjiiramni yoo hin dhunfe waan sun kaansarii ta’eera jechuudha,” jedhan.

Mallattoon biraa dubartii kaansarii fiixee gadaamessaatiin qabamte irratti mul’atu, erga walqunnamtii saalaa raawwatteen booda qaama saalaa keessaa dhiigni ni yaa’a. Dubartoonni mallattoo akkanaa ofirratti arganis carraa kaansarii kanaatiin qabamunsaanii guddaa waan ta’eef ilaalamuu barbaachisa jedhan.

Infeekshinii kutaa fincaanii, dhukkubbiin garaa gara gadii, dhukkubbii milli nama qabamuu, osoo hin yaalamin yoo turan ammoo boolii fi fincaan kallattii malee bahuufi sadarkaa dhumaarra yeroo gahe fincaan guutumatti namarraa akka hin baane kan godhusi jedhan Dr. Eeliyaas.

“Dubartoota kaansarii kanaan qabaman hedduusaanii kan ajjeesu kaansariin kun, ujummoo fincaan geessu cufuudhaan kaleen hojii yeroo dhaabdudha. Namoonni hedduun dhiibee kanaan qabaman kan du’anis yeroo kaleen hojii dhaabdu kanadha,” jedhan.

Suuraa kaansarii fiixee gadaameessaa agarsiisu

Madda suuraa, MOH

Talaallii fi yaalasaa

Biyyoota Afriikaa lammiilee saaniif kaansarii fiixee gadameessaatiif talaallii kennaa jiran 10 keessaa Itoophiyaan tokko.

Yeroo ammaa kanas kutaalee Itoophiyaa adda addaa keessatti manneen barnootaatti talaalliin ittisa kaansarii fiixee gadaamessaa kun shamarran umuriisaanii waggaa 14 ta‘eef kennamaa jira.

Ministeera Eegumsa Fayyaatti Qindeessaa Kutaa Talaallii kan tahan Obbo Mangistuu Boggaalaa, talaalliin ittisa kaansarii fiixee gadaamessaa kun Itoophiyaatti ALI bara 2011 irraa eegaluun kennamuu jalqabe jedhan.

“Itoophiyaa keessatti sababa kaansarii kanaatiin dubartoonni 5,000 ni du’u. Sababni du’a isaaniis dursanii beekanii gara dhaabbilee fayyaa deemuu waan hin beekneefidha. Hubannoo gahaan waan hin jirreef,” jechuun ibsu.

Rakkoo kana furuufis ALI bara 2011 fi bara 2015 kana dubartoota umuriin isaanii 14 tahaniif marsaa lamaan talaallii ittisa kaansarii fiixee gadaamessaa kun kennamaa jiraachuus eeran.

“Marsaa duraan dubartoonni miiliyoona shan tahan talaalamaniiru. Marsaa lammaffaan ammoo dubartoonni miliyoona 3.5 tahaan talaalamaniiru. Amma naannolee afur keessatti kennamuu jalqabeera. Guyyaa muraasa booda ammoo Naannoo Tigraayitiin ala naannoo hunda keessatti ni kennama,” jedhan.

Talaallii marsaa jalqabaa irratti ilaalchi dogogoraa ‘Talaalliin kun dubartoota maseensuf’ jedhu mudatee akka ture kan himan Obbo Mangistuun, marsaa ammaa kanaan garuu hubannoon hawaasa waan fooyya’eef rakkoo tokko malee kennamaa jira jedhan.

Vaaayirasiin kaansarii fiixee gadaamessaa namatti fidu irra caalaa kan daddarbu walqunnamtii saalaatiin kan jedhan Ispeeshaalistiin Gadaamessaa fi Ulfaa Dr. Eeliyaas, dubartoota qunnamtii saalaa hin jalqabneef talaalliin kun bu’a qabeessa akka ta’e himu.

“Talaallii kana fudhachuun carraa kaansarii kanaan qabamuu harkaa 90 kan namarraa ittisuu fi bu’a qabeessa kan ta’e waan ta’eef shamarran umuriin isaanii 14 ta’e hundi fudhachuu qabu,” jechuun gorsu Dr. Eeliyaas.

Erga kaansariin uumameen booda yaalli dubartootaaf taasifamu baqaqsanii yaaluu fi carallaan yaaluu yoo ta’u, tajaajilli kunis hospitaalota biyyattii keessa jiran muraasa keessatti qofa kan kennamu jedhan.

Hospitaalli yunvarsiitii Haramayaa, Yunvarsiitii Jimmaa, Hospitaala Xuqur Ambaassaa, Phaawuloos, Hawaasaa, Gondar fi Bahirdaar hospitaalota yaalli kaansarii fiixee gadaamessaa itti kennamu keessaayi.