Kaansarii dhuka lafee: Gosa kaansarii mallattoonsaa dhukkubbii dugdaa ta’e beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Kaansariin dhuka lafee yookin ‘Multiple myeloma’ jedhamuun beekamu gosa kaansarii dhiigaa sirna dhiigaa miidhu yoo ta’u, addumatti kalee fi lafee irratti miidhaa geessisa.
Mallattoo kaansarii kanaa kan dhibeewwan biroo irraa adda baasun rakkisaadha.
Dhibeen kun gosa seelii dhiiga adii kan ta’e seeliiwwan pilaazmaa kan miidhudha.
Seelin dhiiga adii ammoo dhibee ittisuuf farra dhibee omishuudhan beekama.
Seeliiwwan fayyaaleyyii osoo hin taane, seeliwwan badoo ta’an baay’achaa deemuun farra dhibee sirrii hin taane kan ‘Pirootin M’ yookin ‘moonokilonal pirootin’ kan jedhamuun beekamu omishuu eegalu.
Isaan kun ammoo kutaalee qaamaa namaa heddu miidhu.
Dhukkubsattoonni yeroo heddu mallatoon biraa osoo itti hin dhagahamin dura mallattoo dhukkubbii dugdaa gara gadii fi mallattoo walii galaa fa’aa ofirratti argu.
Kun ammoo halkan iddoon ciisaa namatti mijachuu dhabuu, sochii qaamaa cimaa taasisuu yookin hojiilee guyyaa guyyaa kan biroo hojjachuu irraa dhufuu malu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namani ganna 37 Luwiis Fernaandez mallattoodhuma kana irraa ka’uun adeemsa dheeraa booda qorannoo taasifameen gosa kaansarii dhiigaa kana ta’uu bare.
"Baay’ee na dhukkubee ture, ji’a torba booda erga cabni lafee inni jalqabaa na mudateen boodan qoratame. Waa’ee dhibichaa shakkaan ture, sababni isaa ammoo intarneetii irraa waa’ee mallattoolee dhiba kanaa dubbiseen ture,” jedha Luwiis.
Seelonni pilaazmaa hamma barbaadamuu ol dhuka lafee keessatti argamuu irraa kan ka’e dhibichi lafee nyaatee haphisuudhan cabuun lafee akka mudatu gochuu danda’a.
Gama biraatin ammoo seelonni pilaazmaa heddu dhuka dhiigaa keessatti yeroo argaman, lakkoofsi seelota hematopo’etik jedhaman akka hir’atan gochuun kaleen akka hojii dhaabu taasisa.
Biraazil keessatti namoota kuma dhibba tokko keessaa namni afur dhibicha qaba jedhamma. Waggaatti ammoo giddu galeessan namoota haaraa 7600 tu dhibichaan qabama.
Dhibeen kaansarii kun heddumminaan namoota umurii 60 olii irratti kan mul’atu ta’us dargaggoota ittis mul’ataa- jira. Biraazil addunyaa irraa biyya gosti kaansarii dhiigaa kun heddumminaan keessatti argamuudha.
Jiraataa Saalvaador kan ta’e daa’imni ganna 8 Bahaayi jedhamu dhibichaan akka qabamee jira. Akkaataa Faawundeeshinii Maayiloomaa Laatin Ameerikaa (IMF) jedhutti mucaan kun ijoollee dhibichaan qabaman isa jalqabaati.
Kaansarii dhuka lafee ‘Multiple myeloma’ jedhamuun beekamu qorannoo fincaanii yookin dhiigatiin baruun ni danda’ama.

Madda suuraa, Getty Images
Wal'aansi isaa maali?
Mallattoon kaansarii seeliwwan dhuka lafee jaarraa 18ffaa keessa erga mul’atee kaasee ogeeyyin fayyaa waa’ee hubannoo baayolojikaalaa fi waldhaansa dhibichaa irratti tattaaffii guddaa gochaa turan.
Tattaaffin kun har’a namoonni gosa kaansarii kanaan qabaman fayyummaa gaarii qabaatanii umurii dheeraa jiraachuu akka danda’an gochuun danda’ameera.
Wladhaansi dhibicha fayyisu ammatti jiraachuu baatus, keeziwwan hedduuf, dhukkubsattoonni mallattoolee dhibichaa to’achuun umurii dheeraa akka isaan jiraatan kan isaan taasisu waldhaansi jira.
Dhibichi sadarkaa fayyaa dhukkubsattootaa balaa irra buusu irra osoo hin gahin dursanii tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa akka ta’e ogeeyyin fayyaa ni dubbatu.
Riyoodejeneerotti pirofeesara Hemaatoolojii kan ta’an Dr. Anjeeloo Maayooliyonon, “Tokkoon tokkoo gulantaa dhibichaatif waldhaansa gosa tokko fayyadamna, garuu dhibicha turee yoo bira gahame, dhukkubsataan sun waldhaansa gulantaa duraa irraa fayyadamaa hin ta’u,” jechuun ibsu.
Filannoon baramaan biraa ammoo gartuu seelii deebisanii dhaabudha. Kana gochuun dura dhukni lafee duraan ture dhukni lafee haaran akka biqilu akka taasisu gochuuf teeraappin keemooteraappii yookin carallaa hojjatamuu qaba.












