Waa'ee warshaa xaa'oo guddicha Itoophiyaan ijaaruuf jirtuu qabxiiwwan ijoo

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Mootummaan Itoophiyaafi dureessi Afrikaa lammii Naayijeeriyaa ta'e Aliikoo Daangotee waliin ta'uun warshaa xaa'oo guddaa ijaaruuf waliigaltee dolaara biliyeena 2.5 kaleessa Hagayya 29 waliifa mallatteessaniiru.
Waliigaltichi dhaabbata Ethiopian Investment Holding fi Dangote Group gidduutti kan mallaatte'e yoo ta'u, warshichi lamaansaanitiin kan hogganamu ta'a jedhame.
Warshaan dolaara biliyeena 2.5 baasun ijaaramuuf jedhu kun Naannoo Somaalee keessatti ijaarama. Yeroo xumuramu warshaawwan xaa'oo gurguddoo Afrikaa keessaa tokko ta'a jedhamees eegama.
Itoophiyaan waggaatti xaa'oo gosa garaa garaa meetiriktoonii miliyeena 1.5 ta'u alaa galchiti. Kanaanis sharafa alaa guddaa kan baasii gootu yoo ta'u, biyya keessattis gatiin xaa'oo yeroo gara yerotti dabalaa dhufuu qote bultoonni ni komatu.
Warshaa xaa'oo Naannoo Somaalee, Godeetti ijaaramu keessaa dhabbata Aliikoo Daangotee kan ta'e Dangote Group dha.
Aliikoo Daangotee lammii Naayijeeriyaa yoo ta'u, dureessa Afrikaa beekamaadha. Dureeyyii addunyaa keessaas tokkoodha.
Akka gabaasa baruu Forbisitti, Aliikoo Daangotee yeroo ammaa qabeenyisaa dolaaraa biliyeena 24.9 ta'a.
Daangoteen biyyoota garaa garaa keessatti hojii investimentii irratti bobba'ee kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaattis warshaa simintoo Dangote jedhamu irratti bobba'ee ture.
Amma immoo Ethiopian Investment Holding waliin ta'uun warshaa xaa'oo ijaaruun xaa'oo omishuurratti akka bobba'u beeksiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Warshaan xaa'oo dolaara biliyeena 2.5n ijaaramuuf jedhu jedhu kun pirojektoota Itoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa fidu jedhamee abdiin irra kaa'ameedha.
Warshicha gahee abbaa qabeenyummaa dhibbeentaa 60 kan Dangote Group yoo ta'u dhibbeentaa 40 ammoo kan Itoophiyaa ta'a.
Akkaataa waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi Dangote Group waliif mallatteessanitt, qaamoleen lamaanuu maallaqa ijaarsa warshichaa ni ramadu, waliin ta'uun ijaaru; akkasumas waliin ta'uun bulchu.
Warshaan ijaaramuuf jedhu warshaa xaa'oo yuuriyaa omishuufi ammayyaa yoo ta'u, hojiiwwan misoomaa kanaan wal-qabatan biroos of keessaa qaba jedhame.
Yeroo waggaa sadi hin caalle keessatti ijaaramee akka xumuramuufi yeroo xumurametti waggaatti xaa'oo yuuriyaa meetiriktoonii miliyeena sadi ta'u omishuuf dandeettii qabaachus himame.
Naannoo Somaalee bakka warshichi itti ijaaramu irraa fageenya km 100 hin caalle irratti kan argamu gaazii uumamaa akka galteetti itti fayyadama. Kuni ammoo baasii galtee bakka biraatii fiduuf taasimu heddu kan hir'osu ta'a.
Adeemsa keessa warshichi xaa'oo gosa garaa garaa kan omishu yoo ta'u, xumuramee humna guutun gaafa hojiitti galu warshaa xaa'oo guddicha Naayijeeriyaatti argamu wajjin wal-qixa akka ta'utu ibsame.












