MM Abiy waliin kan walargan Firaansiyaa Markez akkamiin hojjettuu manaarraa ka'uun pirezidantummaaf ga'an?

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad wayita Pirezidantii Itti Aantuu Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkez waliin dhimmoota waloo dantaa biyyoota lameenii mirkaneessan irratti mari'atanitti seenaan pirezidantittii qalbii namaa hawwateera.
Qondaalli Kolombiyaa kun mana namaatii hojjechuu fi namaaf ergamuurraa ka'uun akkamiin aangoo pirezidantummaaf ga'uu akka danda'an muuxannoo qoodaniiru.
Firaansiyaa Markez daawwannaasaanii kanaan imbasii biyyasaanii magaalaa Finfinneetti yeroo jalqabaaf baname eebbisiisuun hojii eegalsiisaniiru.
Imbaasiin Kolombiyaa Itiyoophiyaatti banamuusaa, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu himan.
Sirna kanarratti Firaansiyaafi Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) dabalatee keessuummoonni biroo argamaniiru.
Hojjettuu manaa irraa gara pirezidantii- muuxannoo Firaansiyaa Markez
Firaansiyaa Maarkez bara 1981 magaalaa kibba lixa Kolombiyaatti argamtu Kaawuchaa keessatti dhalatan.
Qormaataa jireenyaa ijoollummaarraa kaasee isaan mudate keessa darbuuf jecha mana namaatii hojjechuu dabalatee hojiiwwan humnaa fi kaan hedduu hojjetaniiru.
Bu'aa ba'ii jireenyaa hedduu keessa darbuun garuu barnootasaaniirraa duubatti hin deebisne.
Barnoota seeraa barachuun nama mirga dhala namaaf fuulduratti ba'anii falmuun beekaman ta'an.
Sadaasa 17, 2014 laga magaalaa xiqqoo Kolombiyaa Laatoomaa jedhamtu keessatti argamu faalamarraa baraaruuf hiriirri imala kiilomeetira 560 ta'u haguuge gaggeeffamee ture.
Amma Pirezidantii Itti Aantuu dubartii gurraattii jalqabaa Kolombiyaa kan ta'an fi yeroo sana umriinsaanii waggaa 32 kan ture Firaansiyaa Markez hiriira sana adda durummaan qopheessanii turan.

Madda suuraa, EBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hiriirri dheeraan magaalota hedduu qaxxaamuree darbu kun magaalaa Laatoomaa irraa ka'uun magaalaa guddoo Kolombiyaa kan taate Bogotaatti xumurame.
Kaayyoonsaa mootummaan Kolombiyaa laga kana faalamarraa akka baraaru gaafachuudha.
Haala kanaan Sadaasa 17, 2014 hiriira lafa kiilomeetira 560 imaluun taasifamerratti dubartoonni 80 ta'an hirmaataniiru.
Hiriira dubartoota magaalaa Laatoomaan gaggeeffame kana kan dursan Firaansiyaa Markez guyyaatti kiilomeetira 50 imalaa turan, magaalota ga'an hundatti sagaleesaanii dhageessisaa turan.
Nyaata, bishaan, waan uffatanii bulan, uffata hunda qabatanii imala eegalan.
Haala kanaan guyyoota 10 booda magaalaa guddittii biyyattii wayita ga'an, wayita namoonni kunneen imala eegalanirraa kaasanii odeeffannoosaanii kan qaban jiraattonni magaalattii akka gaariitti simatan.
Lagi Aviijaas jiraattota magaalaa Laatoomaaf lafee dugdaati. Laga kanarratti qurxummii horsiisanii, kiyyeessanii sooratu.
Misooma jallisiin midhaan oomishanii ittiin jiraatu. Akkasumas dhugaatii fi waan hundaaf laga kanatti fayyadamu.
Haata'u namoonni naanna laga kanaatii worqee lommoxan worqee qulqulleessuuf keemikaalli fayyadaman laga Aviijaas faaluurraa kan ka'e jiraattonni yaaddoo qaban ibsaa turan.
Sababa lagi kun faalameen lubbuun namootaa darbuu fi summaawuun bishaanii mul'achuu kan hubatan jiraattonni magaalaa Laatoomaa faalama bishaanicha mormuun gaaffiisaanii dhiheeffatan.
Adeemsa mormii kana keessatti adda durummaan kan socho'aa turan Firaansiyaa Markez yoo ta'an, wanti siyaasatti isaan galches kamuma.

Madda suuraa, EBC
Hiriira mormii gaggeeffamerratti Firaansiyaa Markez namoota hiriira ba'an bakka bu'uun lagi Aviijaas namoota albuuda baasaniin faalamaa jiraachuu aanga'oota mootummaaf ibsan.
Tattaaffii fi qabsoo Pirezidant Firaansiyaa fi waahillansaanii booda mootummaan faalama laga kanarratti raawwatamu xiyyeeffannaan hordofuu eegale.
Dhamaatiin isaaniis dhumarratti ija godhate. Mootummaan seera faalama lageenii dhorku baase.
Seera kana baasuu qofa osoo hin taane namoota albuuda baasan humnaan bakka sanaa gadhiisiseera.
Tarkaanfii mootummaan namoota seeraan ala albuuda baasan irratti fudhate booda jireenyi Firaansiyaa Markez yaaddoo keessa gale.
Kanarraa kan ka'e bakka itti dhalatan gadhiisuun magaalaa guddoo biyyattii- Bogotaa keessa jiraachuuf dirqaman.
Pirezidant Firaansiyaa Markez hojiisaanii kanaan quuqamtoota eegumsa naannoo fi gareewwan adda addaarraa beekamtii fi badhaasa argataniiru.
Mirga dhala namaafi eegumsa naannoof quuqamuun sochiin Firaansiyaa Markez eegalan itti fufuun dhumarratti gara siyaasaatti isaan galche.
Haala kanaan bara 2021 Pirezidantii Itti Aantuu ta'uun seenaa Kolombiyaa keessatti dubartii gurraattii jalqabaa aangoo kana argatan ta'aniiru.





![Sr. Aster Ayyaanaa [bitaa gara mirgaatti sadaffaa irra kan jirtu]1960 UN jalatti nagaa kabchiisuuf Koongootti yeroo ergamte.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/a04f/live/036f7ab0-6326-11f0-af20-030418be2ca5.jpg.webp)









