Ogeettiin seeraa UN hojjettuu manaa akka garbaatti qabatte hidhaa buute

Madda suuraa, Thames Valley Police
Haati seeraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hojjettuu manaa ishee akka garbaatti akka hojjettu dirqisiisuun hidhaa waggaa ja'aan adabamte.
Liidiyaa Mugaambee nama ganna 50, Yuunivarsiitii Okisfoorditti barnoota PHD hordofaa yeroo jirtutti shamarree lammii Yugaandaa hojii mana keessaafi daa'ima kunuunsuu kaffaltii malee akka hojjechiiftu poolisiin bira gahe.
Mugaambeen daanyaa mana murtii olaanaa Yugaandaa yoo taatu dhaddacha duratti gochaa garbummaa bara ammayyaan balleessaa tahuunshee erga irratti murameen booda, Jimaata kaleessaa UK, Oxford Crown Court bakka jedhamurraa hidhamteetti.
Yeroo murtoon dubbifamu, Daanyaa Deeviid Fookistan ''gochaa isheef gaabbii tokkollee hin qabdu,'' waan tahe hundaaf ''miidhamtuu'' qeequu barbaaddi jedhan.
Mugaambeen shamarree kanaaf irra deddeebiin viizaa kutuufi mana UK'tti komishinarii gargaaraa duraanii Yugaandaa, Joon Mugeerwaa akka hojjettu itti himtuutu ibsame.
Akka abbaan alangee jedhanitti Obbo Mugeerwaan immoo adeemsa viizaa kan ficcisiisan shamarreen kuni Liidiyaa Mugaambee tajaajiluu akka deemtu otoo beekaniiti.
Mugaambeen deebii kanaaf dhimma mana murtii biraa Yugaandaatti Obbo Mugeerwaan qabaniif akka isaan gargaartu waliigaluushee dhaddachi kuni dhagaheera.
Mugaambeen shamarree kana baasii imala xiyyaaraa kaffaltee, buufata xiyyaaraa irraa ishee simattee - garuu boodarra intalli mana haadha seeraa naannoo Okisfoord jirutti hojjettuu manaa taatee akka garbaa tajaajilaa turuu dhaddachi dhaggeefateera.
Daanyaan Deeviid dhimma kana ''gaddisiisaa'' jechuun kan ibsan yoo tahu gama seeraafi eegumsa mirga dhala namaan milkaa'ina Mugaambeen qabdu eeraniiru.
Yaadi hojjettuun manaa barreefamaan kenname haadha alangee Kaarolaayiin Haagliin dubbifame akka ibsutti Mugaabeen Yugaandaatti iddoo guddaa waan qabduuf mana isheetti hojjechuun ''yeroo hunda sodaa keessa jiraachuu dha,'' jedha
Hojjattuun manaa sababa hojimaata seeraan maqaanshee hin dhahamne waan isheerra gahuu gatii hin beekneef ''gara Yugaandaa deemuu akka hin dandeenyee fi haadhashees lammata arguu hin danda'u'' sodaa jedhu akka qabdus himteetti.
Haati alangee Kaarolaayiin, Mugaambeen shamarreen kuni waa'ee mirga hojjetaa beekumsa dhabuusheetiin itti fayyadamuu dabalataan dhimma gara UK itti deemte irratti waan sirrii hin taane itti himtee jedhan.
Mugaambee fi miidhamtuu gidduu ''wal-caalmaan aangoo ifaafi murteessaa tahe ture,'' jedhan haati alangee.
''Akka gatii hin qabnetti ilaalamuu''
Tajaajila Abbaa Alangaa, Obbo Mugeerwaan akka himatamu ajaja baasus, mirga himatamuu dhabuu dippiloomaatummaan argate mootummaan Yugaandaa hin kaasneefi.
Mugaambeen shamarree Yugaanda kana hojii mana keessaa akka dalgadu dirqisiisteen akka hin beekne inumaa ''yeroo hunda'' jaalala, kunuunsaafi obsaan akka ishee qabattu himte.
Poolisiin Mugaambeen yakka akka rawwachaa turte akka beektu ''shakkiin tokkollee hin jiru,'' jedhe.
''Garbummaan ammayyaa yakka hin gabaafamne yoo tahu, jabinni miidhamtuu kanaa namoonni garbummaa wal-fakkaataa keessa jiran gara fuulduraatti dhufanii akka duabbatan gargaara,'' jedhan haati alangaa.
Dubbiihimaan Yunivarsiitii Okisfard dhaabbatichi yakka barattuun dalagde jedhameen ''akkaan rifachuu'' himeera.
''Yunivarsiitichi adabbii naamuusaa adeemsa ittiin kennu qaba, kunis aangoo barattoota yakkaan itti murtaa'e barumsarraa arii'uu,'' dabalata jedhan.












