Namichi fayyisaadha ofiin jedhu buqqee mataa namaa 24 waliin qabame

Namicha Ugaandaa keessatti buqqee mataa namaa waliin argame

Madda suuraa, Noeline Nabukenya

Namni Yugaandaa buqqee mataa dhala namaa 24 waliin argame jedhame kun nama aarsaaf itti fayyadamuu mala jechuun Poolisinn BBC'tti himeera.

Dubbi-himaan poolisii Paatriik Oniyaangoo shakkamaan Damuliiraa Goodfiree jedhamu kun seera Ittisaafi Dhorkaa Namaa Aarsaa Gochuu (Prevention and Prohibition of Human Sacrifice Act) jalatti himatama jedhan.

Hafteen bineensotaa fi gogaan isaaniis ‘mana qulqullummaa’ Goodfiree naannoo magaalaa guddoo Yugaandaa, Kaampaalaatti argamu keessatti argameera.

Poolisiin ammallee reeffa namaa dabalataa argachuuf abdii jedhu qabaatee ‘mana qulqulinaa’ Goodfiree sakatta'aa jira.

Akeekkachiisa: Oduun kun suuraawwan namoota tokko tokko dhiphisuu dandaʼu of keessaa ni qaba

“Nuti jalqaba seera Ittisaafi Dhorkaa Namaa Aarsaa Gochuu jalatti himannaa irratti banaa jirra. Kunis namni tokko qaama dhala namaafi meeshaalee ittiin nama aarsaa godhan qabachuu [dhorka],” jedhan Mr Oniyaangoon.

"Himannaa kanaan yoo balleessaa ta'ee argame hidhaa umurii guutuun adabama."

Mr Goodfireen ogeessa fayyaa aadaafi baala mukaarraa nama qorsa hojjetu akka ta’e himata.

Haata’u malee, Waldaan Ogeessota Fayyisaa Aadaa biyyattii nama kanarraa of fageessaniiru.

Torban darban keessa argannoon nama rifachiisu akkasii Yugaandaa keessatti yeroo jalqabaaf miti.

Ji'a darbe poolisiin mataa dhala namaa 17 bakka 'mana qulqullummaa' jedhame giddu galeessaa Mpigi, Kampaalaa irraa gara km 41 fagaatee argamu keessatti argateera.

Argannoowwan lamaan aarsaa namaa sirnaaf (waaqeeffannaaf) jecha aarsaa gochuu wajjin kan walqabatu ta’uu ibsameera.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti namoonni tokko tokko falfalaa qaama namaa irraa hojjetame carraa gaarii akka isaaniif fidu amanu, fakkeenyaaf dureeyyii ta’uuf ykn filannoo biraatiin diina isaanii abaaruuf kan jedhuun itti gargaaramu.