Namoonni ‘sooramuuf jecha’ awwaala keessaa buqqee mataa baasan shan adabaman

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Naajeeriyaa yakka bakka awwaalchaa keessaa qotuudhaan buqqee mataa namoota du’anii baasuudhaan himataman shan hidhaa wagga 12n adabaman.
Namoonni kunneen sirna waaqeeffannaa soorreessa isaan taasisa jedhameef barbaachisa jechuun mana falfaltuu geessuuf jecha, buqqee mata namootaa lafa awwalchaa keessaa qotuun fudhachuuf yaadaniiru jedhamuun himataman.
Namoonni himataman kunneen hunduu dhiiraa yoo ta’an, erga buqqee sammuu namootaa korojootti qabatanii to’annaa jala oolfamanii booda balleessaa qabaachuu amananiiru.
Abbaan alangaa mana murtiitti akka himanitti, namoonni kunneen wagga sadiin dura bulchiinsa jiddugala Kaaba Naajeeritti kan argamu awwaalcha Islaamaatii qotuudhaan lafee mataa namootaa fudhatan.
‘‘Falfaltuunis qabeenyaa gochaa yakkaa kanaan argamu akka qoodatu waadaa galuufiin lafee mataa namoota du’an kana akka barbaadan itti hime," jechuun ture gaazeexaan biyyattii Deeyilii Paanch jedhamu abbaa alangaa eeruun kan gabaase.
Jalqaba baatii Fulbaanarratti ture dargaggoonni umuriinsaanii wagga 18-28 jidduutti argamu kunneen ajaja falfaltuutiin lafee mataa namoota du'anii kana karaa nama sadaaffaa biraatiin osoo daddabarsanii qaamoolee nageenyaatiin to’annoo jala kan oolfaman.
Manni murti magaala guddoo bulchiinsa Naajeeriyaatti argamu namoota kanneeniin yakkaaf qophaa’uun, ulfina bakkeewwan awwaalchaa xiqqeessuufi karaa seeraan alaatiin lafee mataa namaa qabachuun yakkamtoota jedheeniira.
Gochaawwan kana hundaaf itti gaafatamaa kan ta’e namni hojii falfalaa hojjatu kan hin to’atamne yoo ta’u, himannaanis irratti akka hin banamne himameera.
Juujuu ykn falfalatti amanuun Naajeeriyaa keessatti barmaata babal’ateedha. Gochaa kanas hedduunsaanii amantaa Kiristaanaa ykn Islaamaa waliin walitti firomsanii akka gaggeessan gabaasni Wiirtuu Qorannoo Piiwu bara 2010 bahee ibseera.
Haaluma walfakkaatuun, keessattuu kutaan qaamoolee namaa maallaqa argamsiisuu danda’a jedhamuun Naajeeriyaa keessatti ajjeechaa sukkanneessa yeroo dhiyoo keessa babal’ateef sababii ta’era.
Kanaaf, baayyinaan kan irratti xiyyeeffatamu ammoo daa’imman, dubartoota, shamarran hin heerumneefi namoota miidhaa qaamaa qaban fi haala salphaatti balaaf saaxilaman ta’uun barameera.
Aanga’onni naannichaa akka jedhanitti, sirna waaqeeffannaa kutaaleen qaama namootaa qabeenya argamsiisa jedhamutti gurgurtaaf dhiyaata.
Odeeffannoon Baankii Addunyaa akka agariisuutti, Naajeeriyaan biyya namoota 10 keessaa namoonni afur iyyummaa keessa jiraatutti, rakkoon diinagdee yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe maallaqa argachuuf jecha gochaan falfalaa akkasii kun babal’ataa dhufeera.












