UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN akka aangoo gadhiisan gaafatan. Kunis, erga Gutareez haleellaan Hamaas ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne’’ jedhan boodadha.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hordoftoota keenya!

    Odeeffannoo lola Israa'elHamaas asiin nu hordofaa!

    Galatoomaa!

  2. 'Ibiddatti boba'aa hin naqinaa' - Biliinkan

    Antonii Bilinken

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waraana Gaazaa fi Israa'eliin adda waraanaa biraa banuurra biyyoota ykn gareewwan kaan dhaabuuf ergaa tokkummaa akka dabarsan gaafatan.

    Ergaa kanas miseensota UN walgahii Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaarratti hirmaataa jiraniif dabarsan.

    ''Ibiddatti boba'aa hin naqiinaa'' jechuunis dubbatan.

    Biliinkan haleellaa kamiifuu US tarkaanfii ''murteessaa fudhatti'' jechuun Iraan akeekkachiisan.

    ''Dogongora hin raawwatiinaa, ummata keenya ni ittifna, saffiisaafi haala murteessaadhaan nageenya keenya ni ittifanna.''

    Haata'u malee, Bilinkan deeggarsi akka gara Gaazaa seenu gochuuf deeggarsa namoomaa dhaabuun hubannoo keessa galfamuu qabaata jedhan.

  3. 'Nu butuuf sirriitti waan qophaa'an fakkaatu' - Maanguddoo Hamaas gadhiise

  4. 'Yoo boba'aa hin arganne deeggarsa boru dhaabna' - UNRWA

    Eejansiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baqattoota Filisxeem gargaaru (UNRWA) yoo boba’aa hin arganne boru hojii deeggarsa kennuu dhaabuf akka dirqamu hime.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Gaazaan kan duraa caalaatti bakka rakkoo fi abdii kutannaa ta’aa jirti jedhee akeekkachise.

    Dubbii Himtuun UNRWA, Juuliyeet Tumaa, akkas jedhan: "Gaazaaaf gargaarsi akka dhiyaatu barbaanna, kanaaf boba'aan nu barbaachisa."

    ‘‘Dhaabbatichi hojii isaa yoo dhaabe jiraattonni Gaazaa ''kan duraa caalaa rakkatu, abdii kutatu'' jedhan.

    Dubbii himaan waraana Israa'el Joonaataan Konrikas ammoo Hamaas boba’aa kuusaa jira jedhu.

    Juuliyeet Tumaa hojjeettoonni UNRWA jaha ajjeefamuu isaanii ibsuun, lakkoofsi hojjettoota dhaabbatichaa Gaazaatti du'anii 35 qaqqabuu dubbatan.

    ''Du'a miiltoowwan keenyaatti ni gaddina,'' jedhan.

  5. UN'tti ambaasaaddarri Israa'el Gutareez aangoo akka gadhiisan gaafatan

    UN'tti ambaasaaddara Israa'el

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, UN'tti ambaasaaddara Israa'el

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa’el kan ta’an, Gilaad Erdaan, dureen UN Antooniyoo Gutareez akka aangoo gadhiisan gaafatan.

    Kunis, erga Barreessaan Olaanaa UN haleellaan Hamaas ''lafaa ka’ee hin raawwanne'' jedhan boodadha.

    Tiwiitara gubbaa ‘’atattamaan akka aangoo gadhiisan [Gutareez] nan gaafadha,’’ jechuun X (kan duraan Tiwiitara jedhamuurratti) barreessan.

  6. Haleellaan Hamaas 'lafaa ka'ee hin mudanne' - Duree UN

    Antooniwoo Gutareez haleellaa Hamaasi, akkaataa Israa'el Gaazaa keessa raawwataa jirtuus qeeqan

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Antooniwoo Gutareez haleellaa Hamaasi, akkaataa Israa'el Gaazaa keessa raawwataa jirtuus qeeqan

    Walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Barreessaan Olaanaa dhaabbatichaa ‚ haleellaan Onk. 7 Hamaasiin Israa’elirratti raawwate ‘’lafaa ka’ee hin raawwanne‘‘ jedhan.

    Antooniyoo Gutareez ‚‘Ummanni Filisxeem waggoota 56’f hacuuccaan to’ataman. Lafi isaanii qubsumaan yeroo kaanitti dabarfamu arganiiru, hookkara keessa dabarsaniiru.

    ‘‘Diinagdeen isaanii danqameera. Ummanni isaanii buqqa’eera, manni isaaniis jigfameera. Rakkoon isaan furmaata/fala siyaasaa argata jedhanii eegan gu'eera,‘‘ jechuun dubbatan.

    Dabaluunis, ‚‘mufiin ummata Filisxeem garuu haleellaa Hamaas raawwate sirrii hin jechisiisu. Haleellaan rifaasisaa kunneen ummata Filisxeem walumatti miidhuu sirrii hin taasisu,‘‘ jedhan.

  7. Haleellaa rokeetiin Israa'elitti namoonni shan miidhaman

    Haleellaa giddugala Israa’elitti raawwateen namoonni shan miidhamuu tajaajilli atattamaa Israa’el beeksiseera.

    Shanan keessaa lama caccabaa dhuka’een yoo miidhaman sadii biroo immoo lafa dahootti osoo fiigan miidhamuu ibse.

    Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, haleellaan kuni erga Onkololeessa 7 Hamaas daangaa ce’ee haleellaa tasaa raawwateetii kanneen guddaa jedhaman keessaati.

  8. 'Hospitaalonni guututti hojii dhaabuf deemu' - Qondaala fayyaa Gaazaa

    Hospitaalonni Gaazaa jiguun yaaddoo uume

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu ibsa Telegiramirratti maxxanseen, hospitaalonni Gaazaa ''guutumaan guututti hojii dhaabuuf deemu'' jedhe.

    "Hospitaalonni 12 fi buufataalee fayyaa 32 tajaajila ala ta'uu mirkaneessina.

    ''Sababa haleellaaf irratti qiyyaafatameefi boba'aan dhumuurraa kan ka'e sa'aatii muraasa keessatti kanneen biroo tajaajila ala ta'u jennee yaaddofna," jedha ibsichi.

    "Balballi hospitaalaa banamuun namoota danuu garasitti yaa'an tajaajilaa jiru jechuu miti" jechuun akeekkachiise.

    Ibsichi hawaasni addunyaa hospitaalotaaf boba'aa akka dhiyeessu, " jila ispeeshalistoota yaalaa addaa namoota weerara Israa'el keessatti madaa'an baraaran" akka ergu gaafanna jedha.

    Kana malees, "ogeeyyiin soorama bahanii fi tola ooltonni hundi atattamaan hospitaalotatti akka tajaajila kennan" gaafate.

  9. Sa'aatii 24 darbe namoonni 700 ol ajjeefaman: Hamaas

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu eega Onkololeessa 07 jalqabee yoo xiqqaate namoonni 5,791 ajjeefamaniiru jedhe.

    Kuni lakkoofsa kaleessa ibsamerraa 700’n caala.

    Israa’el bakkeewwan Hamaas qofarrattiin xiyyeeffadha jechuun ibsite sa’aatii 24 darbe Gaazaa keessa qiyyaafannoo 400 ol rukutuu ibsiteetti

  10. Yeroo hospitaalonni boba'aa dhabuu himan, Israa'el Hamaas kuufataa jira jette

    Deeggarsi fayyaa yeroo Gaazaa seenu

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Deeggarsi fayyaa yeroo Gaazaa seenu

    Israa'el boba’aa hospitaalotaafi lammiilee nagaaf Gaazaa keessatti barbaachisu ol kuufataa jira jechuun himatte.

    Waraanni Israa’el suuraawwan saatalaayitii taankaroonni 12 kan Hamaasiin hoogganauufi daangaa Masrii gubbaa yoo dhaabbatan mul’isu jedhe miidiyaa hawaasummaa gubbaa maxxanseera.

    Dubbiin Israa’el kuni yeroo hospitaalonni Gaazaa keessaa hanqina boba’aa ibsuun yaaddoo himataa jiranitti dhagahame.

    Gaazaa keessa soorati, bishaaniifi deeggarsi namoomaa kaan karaa Masrii seenaa jiraatus, boba’aan garuu akka hinseenne Israa’el dhorkiteetti.

    Kunis, harka Hamaas seena yaada jedhuuni.

    Haleellaan Hamaas Israa’elirratti eegaluu dura Israa’elitu shuboodhaan anniisaa elektirikii Gaazaaf dhiheessa. Innuu citeera.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu boba’aan hospitaalonni guyyoota lamaaf qofa isaan gahutu hafe jedhee ibseera.

  11. Gaazaatti konkolaataa daa'ima madoofte hospitaalatti fiigsisaa jiru

  12. 'Yeroon harka Hamaas ture si'ool keessa waanin jiru natti fakkaate' - Manguddoo Hamaas gadhiise

    Manguddoo gadi lakkifaman

    Lammiilee Israa'el lama Hamaas kaleessa gadi lakkise keessaa maangudoo ganna 85 kan ta'an Aadde Lifshiiz "Harka Hamaas yeroon ture si'ool keessa waanin ture natti fakkaata" jedhan.

    Gaafa Onkoloolessa 7 yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa gaggeesse kan butaman mangudoon kun motoraan fudhatamanii akka deemaniifi hafuura baafachufillee rakkachuu himu.

    Dabaluunis Israa'el daanga Gaazaa irratti dallaa maallaqa biliyeena heddu itti baastee ijaartus Hamaas dallicha cabsee seenee akka isaan dabalatee lammiilee heddu bute himan.

    Hamaas namoota butee ture uleen reebaa akka tureefi ulaa lafa jalaatti geessuufi ulaan Hamaas lafa jalatti ijaare wal-xaxaafi mandhee sarariitii fakkaata jechuun miidiyaatti dubbatan.

    Manguddoon Hamaas gadi lakkise kun amma Hospitaala Israae'el keessatti wallaansa argataa jiru.

  13. Waraanni deeggarsi Hamaasiif taasifamu akka dabalu godheera- qorattoota Filisxeem

    Deeggarstoota Hamaas

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroo waraanni Hamaasiifi Israa'el gidduutti gaggeeffamu hundumaa uummata Filsixeem biratti deeggarsi Hamaasiif taasifamu akka dabalu BBCtti himan daarektara Giddu-gala Qorannoo Poolisiifi Tarsiimoo Filisxeem kan ta'an Kaliil Shikaakii.

    Giddu-galii qorannoo kun magaala Ramaalatti kan argamu yoo ta'u, deeggarsi Hamaasiif taasimu West Baank caalaa Gaazaatti akka ta'e himu Kaliil.

    Hawaasni Filisxeem Gaazaa jiraatan kan West Baank caalaa "amantii kan leellisan" ta'uu himuun warri West Baank jiraatan ejjannoo waa leellisuu ykn dhaadhessuu kan hin qabne akka ta'an himu qorataan Filisxeem kun.

    Osoo waraanni ammaa kun hin eegalin deeggarsi namoonni Hamaasiif qaban baruuf qorannoon Gaazaatti gohame akka agarsiisutti, Hamaas Gaazaa keessatti deeggarsa 225 qofa qaba ture.

    Haata'u malee, erga waraanni kun egalee deeggarsi Hamaasiif taasifamu dabaluu himu Kaliil Shikaakii.

  14. Waraannii Israa'el sa'aatii 24 darban keessatti Gaazaatti bakkeewwan 400 haleeluu beeksise

    Humni Waraana Israa'el Gaazaa keessatti sa'aatii 24 darbe keessatti bakkeewwan bakkeewwan Hamaas mandheeffate jedhe 400 ta'u haleeluu beeksise.

    Kaleessa ammoo ibsa kenneen bakkeewwan hanga 320 ta'an haleeluu beeksisee ture.

    Humni waraana biyyattii fuula X gubbaatti akka maxxansetti, bakkeewwan haleelaman jedhe, iddoowwan Hamaas rokkeettii irraa gara Israa'eitti dhukaasu, ulaawwan lafa jalaa Hamaas gara daangaa Israa'elitti ittiin cehuu fa'aadha.

    Akkasumas, buufanni ajaja Hamaas itti fayyadamuufi kuusan meeshaa masjiida keessa jiru rukutamuus beeksise.

    Nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuf haleella kana cimsee akka itti fufus beeksise waraanni Israa'el.

  15. Maakiroon Netaaniyaahuu waliin wal arguuf Israa'el deeman

    Pirezidantiin Faransaay Emmaanu'eel Maakiroon ganama kana Israa'el deeman. Kaayyoon Maakiroon garasitti imalan ammoo har'a gara boodaarra Ministira Muummee Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu waliin wal arguufidha.

    Kaayyoon daawwannichaas Faransaay deeggarsa Israa'eliif qabdu agarsiisuun, namoota hanga ammaa Hamaasiin qabamanii turan gadhiisuu keessatti tumsuu, akkasumas walitti bu'insi amma jiru kun akka daran hin hammaanne gochuu akka ta'e gorsaan pirezidaantichaa Reuters'tti himaniiru.

    Maakiroon pirezidantii Israa'el Isaaq Herzoog, akkasumas paartii mormitootaarraa ammoo dursitoota kan ta'an Beenii Gaanziifi Yaa'ir Laapid waliinis wal argu jedhameera.

    Torban lama dura erga walitti bu'insi Baha Giddu-galeessaatti dhalatee dureewwan biyyoota Lixaa Israa'eliin daawwachuu itti fufaniiru.

    Kanaan dura pirezidantiin US Joo Baayidan, akkasumas Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak Israa'el daawwataniiru.

    Pirezidant Emmaanu'eel Maakiroon

    Madda suuraa, Reuters

  16. Amerikaan Israa’el ittisuuf fageenya hangam deemuu dandeessi?

  17. US waamicha dhukaasa dhaabuu mormite

    Joon Kirbiiy

    Madda suuraa, Getty Images

    Israa'eliifi Hamaas gidduu amma yeroo dhukaasni dhaabachuu qabu mitii jedhan aanga'onni Waayita Haawusiifi Ministeera Haajaa Alaa.

    Dubbii Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessa Joon Kirbiiy ''amma yeroo dhukaasni dhaabachuu qabu isa sirriidha jennee hin amannu'' jedhan.

    ''Israa'el mirga balaa ofirraa qolachuu qabdi. Ammallee hooggantoota Hamaas adamsuun hojiin ishee hafu jira'' jedhaniiru.

    Dubbii Himaan Waajira Haajaa Alaa Maatiiw Miiler ammoo ''wanti gochuu itti fufnu Gaazaa keessa gargaarsi namoomaa galuusaarratti xiyyeeffachuudha'' jedhan.

    Ergamaan addaa US waraanicha hordofuuf ramadde, Deevid Istaaterfiild haala deeggarsi namoomaa qaqqaburratti jabeessanii hojjechaa jiru, ''Gaazaa keessatti bakka namootni nagaa balaarraa eegaman uumaa jirra'' jedhan.

  18. Farra sanyi warra Seem jechuun maali? Farri sochii Tsiyonootaa hoo?

  19. Hamaas namoota Israa'el bute keessaa lama gadhiise

    Maanguddoonni Hamaas torban lama dura butee Wiixata kaleessaa gadhiise Israa'el magaalaa Tel Aviiv gahan.

    Maanguddoonni ganna 79 Nuriit Cuuperiifi kan ganna 85, Yochaaveed Lifshiiz kan gadhiifaman sababa namoomaafi rakkoo fayyaa qabanirraa kan ka'e akka ta'e Hamaas ibseera.

    Maanguddoonni lamaan Tel Aviivitti waldhaansa fayyaa argachuuf jiru.

    Israa'el Namootni lamaan kun akka gadhiifaman jaarsummaa kan teesse Masrii galateeffatte. Dhaabbatni Fannoo Diimaa maanguddoota lameen qe'eetti deebisuuf gahee guddaa taphateefis galateeffatte.

    Abbootiin warraa maanguddoota gadhiifaman kanaa kan umriinsaanii ganna 85 fi 83 garuu ammallee harka Hamaas jiru jedhu qondaaltotni Israa'el.

    Maanguddootni Israa'el Hamaasiin gadhiifaman Tel Aviiv gahan

    Madda suuraa, Getty Images

  20. Gabaasni kallattii Kibxataa eegalame

    Ashamaa hordoftoota keenya!

    Lola Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeefamaa jiru ilaalchisee odeessaalee wayitawaa guyyaa Kibxataa ammaa qabee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.