Kutaa Magaalaa Yugaandaa baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa addatti 'dhuunfatan' kana beektuu?

Yugaandaan waggoota dheeraaf addunyaarratti biyyoota imaammata baqattootaaf banaa ta’e qabu jedhaman keessaa tokko.
Biyyattiitti kaampiiwwan baqattoonni keessa dahatan 13 kan jiran yoo ta’u, magaalaa guddoo biyyattii Kampaalaa keessa ammoo lammileen Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaarraa dhaqan hedduun yeroofi dhaabbataan keessa jiraatu.
Bakkeewwan Kabalaagaalaa, Kansaangaanaa fi Bungaa jedhamuun waamaman keessa lammileen Itoophiyaafi Ertiraa bakka jireenyaa isaanii taasifachuurra darbee hojii daldalaa gara garaa irratti bobba’anii jiraatu.
Bakkeewwan kanneen keessa afaan ittiin waliigalan afaanota Itoophiyaa gurguddoo waan ta’e fakkaata.
Daandii Gaabaa
Yugaandaan biyyoota Afrikaa Bahaa keessaatti biyya tajaajilli geejjiba doqdoqee akkaan itti baayyatudha. Geejjibni dodoqee namaafi meeshaa deddeebisuun beekamu kun biyyattiitti ‘Bodaa bodaa’ jedhame beekama.
Doqdoqeen afaan Siwaahiliitiin ‘Bodaa Bodaa’ jedhu. Gaabaan daandii guddaa Kaansaan gaatidha.
Daandii kanarratti konkolaachiftoonni ‘Bodaa Bodaa’ kallatti hundarraa dhufan Itoophiyaanotaafi Ertiraanota yeroo argan bifa isaaniitiin waan adda baasaniif afaan Itoophiyaatiin ‘Bodaa’ barbaaddaa? jedhu.
Hoteelotaafi maneen nyaataa bakka kana keessa jiranitti dargaggoonni Itoophiyaafi Ertiraarraa ta’an walitti qabamanii tapha gara garaa taphatu.
Dubartoonni baayyeen ammoo manneen uffataa, manneen nyaataa, mana bunaafi suuqiiwwan keessa yeroo keessummeessan mul’atu.
Yeroo lafti gara dhihuutti deemu ammoo manneen hedduun ‘Shiishaa’, biiraafi dhugaatiiwwan alkoolii birootiif walitti dacha’anii mul’atu.
Yeroo hedduu oduun isaanii namoota jaalataniifi jireenya Itoophiyaatti dhiisanii dhufan, maatiisaanii Awurooppaafi Ameerikaa jiranii, waa’ee baqattoota karaan isaanii qajeeleefi hin qajeelleef akkasumas imala jireenya godaansaa isaanii dhuma hin qabne kan ilaallatudha.
Ji’a ja’a dura gara Yugaandaa akka deeme kan dubbatu Solomoon Kibirom, Daandii Gaabaa irratti mana rifeensaa ‘Solomoon Saloon’ jedhu qaba.
Solomoon osoo gara Yugaandaa hin dhufiin dura Sudaan jiraataa ture. Sudaan wal waraansaan gaaga’amnaan gara Yugaandaatti baqate.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Solomoon akka jedhutti, yeroo Sudaan gadhiisee bahetti godaantotarra saalaafi miidhaawwan kaan osoo irratti raawwatamuu argeera.
"Karaarratti wantonni hedduun nu mudataniiru; Waawu (magaalaa Kaaba Lixa Sudaan Kibbaatti argamtu) erga darbinee booda dubartoonni humnoota nageenyaatiin miidhaan irra gahe na mudateera.
Osoon isaaniif qabsaa'uu fuula keessa rukkutameera; godaannis isaa ammallee fuula kiyyarra jira. Isaan qabadhee ergan Jubaa galee booda imala kiyya itti fufee as gahuun jireenya tokko jedheen jalqabe."
Haata'u malee, waraana sana booda hiriyyoonni isaa hedduun maallaqa dhabuun Sudaan keessaa bahuuf rakkachuu isaaniitiin haala yaaddessaa keessa jiru kan jedhu Solomoon, "ummanni Sudaan ummata gaariidha; waa'eesaanii yeroon yaadu garaatu na hammaata," jedha.
Ta'us Solomoon carraa Kampaalaatti argateefi imaammata baqattootaa ilaalchisuun gammadaa ta'uu isaa dubbata.
"Wallaahi, biyya gaariidha. Bilisummaa kan qabudha. Eenyu ati? Ati maalidha? biyya siin hin jennedha.
Sudaan keessatti maallaqa osoon qabuu waraqaafi wantota biroo waan barbaachisuuf bakkeewwan itti hojjechuu hin dandeenye hedduu turan. Asitti garuu akka dhufteen haala ittiin hojjechuu dandeessuti jira."
"Guyyaatti sa'aatii 17 hojiirran jira. Saatiin itti rafu xiqqaadha," kan jedhu Solomoon, Itoophiyaanota, Ertiraanotaafi Sudaanota hedduu maamiltoota godhachuu dubbata.
Jireenya abdiifi yaaddoon itti wal fure
Waggoota darban keessa Ertiraanonni baayyeen magaalaa Kampaalaafi naannawaasheetti sochii daldalaa hedduu keessatti hirmaataa turaniiru. Isaan keessaas, akka rabsaa boba'aa, mana qorichaa, kilinikoota, hoteelotaa, jijjiirraa sharafa alaa, suppar-maarkeetiifi hojii invastimantii biroo keessatti abbootii qabeenyaa ta'uun hojjetu.
Waggoota dhiyoo asitti ammoo, waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf tureen kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessaa dhalattoonni Tigraay gara Yugaandaa dhufan hojiiwwan daldalaa walfakkaatan banataa jiru.
Kanaan alattis Yugaandaa akka karaa ittiin biyya sadaffaatti ittiin ce'anitti godhachuun kan keessa turanis jiru.
Dubartiin Itoophiyaa Gabaa Kabaalagaalaa keessaa suuqii xiqqaa qabduufi maqaan ishee akka hin eeramne barbaaddu Finfinneerraa akka dhufte BBCtti himti. DUbartiin kun gara biyyasheetti deebiyuudhaaf garuu fedhii hin qabdu.
Nagaan biyyashee keessatti dhabe Kampaalaa keessatti argadheera kan jettu dubartiin kun, kun ammoo Yugaandaa keessa turuu akka filattuuf sababa isheef ta'uu himti.
"Yugaandaa keessatti wantin jaalladhu yoo jiraate nagaa isaan qabanidha; ati eenyudha? ANa cinaatti suuqii hin baniin... jechuun kan si rakkisu hin jiru," jetti.
Erga waraanni waggoota lamaaf kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamuun lubbuu namoota hedduu galaafate waliigalee Piritooriyaatiin fala argatee booda dargaggoonni Tigraay waraana sana keessatti hirmaataniifi kanneen biroon karaa seeraan alaatiin Tigraay gadhiisanii bahaa jiru.
Nigus Kidaanuun humnoota Tigraay (TDF) keessa ta'un waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaatus, erga waraana sana keessaa gaggeeffamee booda kallattiin gara Yugaandaatti qajeele.
"Haala biyya keenyaafi ummata keenyaati jireenya godaansaa kan na filachiise. Jireenya gaarii, hojii gaariifi galii gaariin qaba ture. Kilaba ispoortii keenya [Sabaa Indartaa] waliin hojii gaariin hojjechaa ture. Waraanarraa yeroo deebine garuu akkuma nama kaanii zeeroottin deebii'e. Haalli ittiin deebii'ee hojii jalqabu hin turre," jedha.
Baqattoonni haaraa haala "rakkisaa" ta'e keessa akka jiraatan kan ibsu Nigus, baayyeen isaanii hoji-dhabdootaafi maatiisaanii biyya alaa jiraatanirraa maallaqa ergamuun kan jiraatan waan ta'eef hojii mataasaanii uummachuuf ni rakkatu jedha.
"Kiraa manaarraa kaasee, nyaataaf wanti barbaachisu hunda rakkisaa waan ta'eef ana dabalatee baayyeen rakkoo keessa jiru. Daraggeessa ta'anii hojii dhabuun ulfaataadha.
''Kanaaf, hedduun jireenya yaaddoo keessa jiru. Ani isaan keessaa tokkodha. As keessa yeroo dheeraaf turanii waan hedduu kan hojjetan jiru. Baqattoota haaraaf garuu ulfaataadha," jedha.
Haala Tigraay keessa jiruun dargaggoonni baayyeen gara jiruu baqannaatti deebiyuu danda'u yaaddoo jedhu qabaachuus hima.
"Liibiyaa, Sa'ud Arabiyaaa, Yaman irraa ergaawwan hedduun na qaqqabu. Viidiyoowwan namoonni haala rakkisaa keessa jiran dubbatan akka jiran, namoota seeraan ala godaanisaniin qabamanii yeroo reebamaniifi maallaqa kaffalaa jedhaman agarsiisu baayyeetu naaf ergama. Sababa kanaan yaaddoo keessan jira," jechuun karaa godaansi ittiin dhaabbachuu danda'u osoo falli argamee hawwiisaa ta'uu dubbata Nigus.

‘Jireenya nutti qaalessan' - himannaa warra Yugaandaa
Afrikaa keessatti baqattoonni baayyeen kan keessa jiraatu Yugaandaan, waggoota muraasa dura Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa (UNHCR) "imaammata tarkaanfataa ta'e qabdi" jechuun dinqisiifatee ture.
Baqattoota biyyattii keessa jiran miliyoona 1.6 ta'an keessaa harka dhibba keessaa 60 kan ta'an lammilee Sudaan Kibbaa yoo ta'an, kuma 300 ammoo Dimokiraatik Rippablik Koongoorraati.
Ertiraaninni 40,000 ta'an, Itoophiyaanonni kuma kudhaniin lakkaa'aman, akkasumas biyyoota ollaa biroorraa ta'anis sadarkaa gara garaatiin biyyattii keessa jiraatu.
Yugaaandaa biyyoota Afrikaa biroorraa wantota adda taasisu keessa tokko, baqattoota kallatiinfudhattee shakkiifi gaaffii tokko malee dahoo kennuusheeti.
Waggoota 20 darban keessa biyyoonni ollaa Yugaandaa ta'an hunduu- Dimokiraatik Rippabilik Koongoo, Ruwaandaa, Keeniyaafi Sudaan Kibbaa walitti bu'insawwan godaansaaf sababa ta'an isaan mudateera.
Lammileen Yugaandaa baqattoota biyyoota ollaarraa dhufan kanneen waliin firooma sanyiifi afaanii hanga tokko waan qabaniif baqattoota kanneen waliin salphaatti walitti madaquudhaaf hedduu hin rakkatan.
Lammileen Yugaandaa baayyee BBCn dubbise akka jedhanitti, biyyisaanii lammilee Ertiraafi Itoophiyaarraa dhufan afaaniifi aadaatiin firooma hin qabneef iddoo baqaa ta'uu isaaniittti ni gammadu.
Haata'u malee, erga dhiyootii asitti, lakkoofsi baqattootaa dabalaa dhufe, akka gatiin nurratti dabalu taasisaa jira jedhu, keessumaa ammoo kiraa manaa.
Lammileen Itoophiyaafi Ertiraa naoota biyyattii waliin walitti madaquurratti carraaqiin taasisan murtaawaa ta'uun isaa ammoo mufii akka isaanitti uumeeru baayyinaan dubbatu.
Shufeerri Yugaandaa maqaan isaa Feestoo jedhamu akka fakkeenyaatti yeroo kaasu, baqattoonni baayyeen maallaqa biyya alaatii isaaniif ergamuun waan jiraataniif nama jireenyasaanii guyyuu ilaaluuf maallaqa qabu jedhee waan yaaduuf warri mana kireessan isaan ilaalanii kiraa manaa dabaluuf sababa ta'eera jedha.
"Kiraa manaatiif dolaara 100 ture kan kaffalu. Amma garuu bayyee dabalaa jira waan ta'eef dolaara 300 ykn isaa ol ta'eera. Nutti makamanii nu waliin jiraataa hin jiran.
''Kun ammoo warri kireessanillee akka garaa hin laafne taasisa. Sagantaa baqatummaafi maatii isaanii biyya alaa jiraniiin akka gargaaraman ni beekama. Isaaniif maallaqa kana argachuun salphadha. Salphaattis balleessaa jiru. Kun anaan na hin gammachiisu," jechuun dubbata.
Kun namoota akkakoorratti dhiibbaa olaanaa uumeera kan jedhu Feestoon, waggoota sadiifi afran darban keessa taatee dabalaa dhufe ta'uu kaasa.
Lammileen Itoophiyaafi Ertiraa Daandii Gaabaa kan gara naannawaa sooressotaati geessurra' qubatan kan jedhu Feestoon, kun ammoo jireenya akka qaala'uuf saba ta'a jedhee amana.
Kansangaan darbee bakkeewwan akka Bungaa, Muniyenyoo fi Muziigaa bakka jireenyaa sorressotaafi jireenya foyyaa'aa ta'e qabaniiti jechuun dubbata Feestoon.
"Kanaan dura manni abbaa kuta aciisichaa lama dolaara 200n kireeffamaa ture, yeroo ammaa dolaara 500 hanga 600tti kireeffama. Garaagarummaa isaa argitee?
Warri Sudaan yeroo as turanitti wanti hunduu qaala'ee akka ture nan yaadadha. Bilisummaan booda (Sudaan Kibbaa) gara biyyasaaniitti yeroo deebiyan gara duraan turetti deebiye. Amma ammoo Ertiraanota hedduuti jira; baayyinaanis dhufaa jiru.
Rakkoon isaa dhufuu isaanii miti- anaaf addunyaan tokkittiidhuma. Mootummaan keenya osoo lammummaa isaaniif kenneeyyu jibba hin qabu. Haata'u malee, yoo xiqqaate sirni dinagdee walqixa ta'e hoj-maanni taasisu jiraachuu qaba," jedha.

Nagaa dargaggoonni hawwan
Lammileen Itoophiyaafi Ertiraa manasaanii Yugaandaa godhatan egeree isaanii keessatti hojjetanii jijjiiramuufi nagaa barbaaduuti irraa mul'ata. Biyyattii keessa hundaa ol nagaan jiraachuun namni nagaafi jaallaan akka jiraatuuf sababa ta'uu dubbatu.
"Qaxanaa waraanaa sana keessaa baqataan dhufe salphaa miti. Nagaan as jiru nama inaafsisa. Osoo biyyikoo akkas ta'ee kan jedhu nama hawwisiisa.
Biyya kootiif kanan hawwu kanumadh," kan jedhu dargaggoo igus, "daraggeessi Tigraay gara hojiitti deebiyee, godaansi dhaabbatee gidiraan guyyaa guyyaan arginurraa adda baanee maatiin keenya guyyaa itti boqotan arguun hawwa," jechuun gara Tigraayitti deebiyuu akka barbaadu dubbat.
Mana rifeensaa kan qabu Solomoon ammoo imalli isaa kan itti fufudha, hundaa ol of bulchuun waan narra jiruuf hojii kamiyyu hojjechuun maallaqa argachuun qaba jedha.
"Namni hojii hin qabne akka kootti akka hojjetun barbaada; asitti baqattoonni baayyeen rafaa oolu. Tokko tokkoon keenya ammoo hojiillee ni tuffanna. 'Hanga maallaqni naaf ergamutti' kan jedhan baayyeedha.
''Biyya bilisummaan jiru keessatti hojjechuuti nurra jiraata. Ani osoo hojiin kun na jalaa qabbanaa'eellee hojji qulqullinaarrattin hojjedha," jechuun aadaan hojii guddachuu qaba jechuun gorsa.
Erga Ertiraatii bahee waggaa kudhanii ol kan ta'e Solomoon, godaansa keessatti wal danda'uu, wal kabajuufi jaalalli baayyee barbaachisoo ta'uu dubbata.
"Asitti hundi keenya tokkodha; jireenya baqaarratti abbaanis, haatis hin jiran. Namni hunduu akkamiinan jaalalaan jiraachuu danda'a? kan jedhudha.
Amma nagaa nuuf haa fidu; ummanni godaansaan bittinnaa'aa jiru guyyaa inni itti nagaa argatu akka dhufu hawwii kooti.
Jireenya baqaatiin waan hedduu waanan argeef nagaaf baayyeen dhimmama.












