'Haati manaakoo saalqunnamtii sodaatti, ani du'a sodaadha'

Namoonni USAID irraa deeggarsa argataa turan yaaddoo qaban himan

Madda suuraa, Mike Elvis Tusubira

Ji'a darbe erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gargaarsa biyya alaa dhaabsisanii as jireenyi Maayik Elvis guututti garagale.

Lammiin Yugaandaa kun doqdoqqee akka taaksiitti tajaajilu kan oofu yoo ta'u, HIV-AIDSiidhaan qabamaniiru.

Maayik, qorichi farra-HIV anti-retrovirals jedhamu waan fudhatuuf lubbuun jiraachuu ofii isaatiif sodaachuu qofa osoo hin taane - kana booda saalqunnamtii raawwachuu waan hin dandeenyeef haadha warraa isaa irraa adda ba'uu qaba jedha.

Haadhi warraasaa HIV hin qabdu, qoricha balaa HIV'n qabamuu hir'isu PrEP jedhamu fudhatti.

"Gaa'elli koolleen ni xumurama jechuudha, sababiin isaas tarkaanfii ittisaa malee, isheen hin haftu," jechuun BBC'tti himeera.

"Kondomii hin qabu, dibata [farra HIV] hin qabu, PrEP hin qabu, homaa hin qabu. Saalqunnamtii malee gaa'ela keessa turuu hin dandeenyu. Kophaa koo jirachuu qaba."

Asiin dura qoricha kanaaf kan ulfa ittisuu dhaabbata gargaarsaa mootummaa Ameerikaa isa guddaa USAID irraa argachaa turan.

Erga deeggarsii akka tasa addaan citee kaasee, qoricha kana argachuu hin dandeenye. Addaan cituu isaas miidiyaa hawaasaa irratti dhaga'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorichi haati warrasaa HIV irraa of eeguuf fudhachaa turte amma dhumeera. Kondomiin isaanii hamma tokko hafeera, garuu baay'ee balaa waan qabuuf fayyadamuu sodaatan.

Tiraamp guyyaa jalqabaa aangootti deebi'ee gargaarsii biyya alaa guyyoota 90'f akka dhaabatu ajaje. Sana booda ajajni hojii dhaabuu dhaabbilee USAID'n gargaaramaniif kennamuu jalqabe.

Yugaandaa keessatti dhaabbilee fayyaa dhibbeentaa 70 gargaarsa biyya alaa irratti hirkatu.

Akka ragaan mootummaa Ameerikaatti argisiisutti Yugaandaan bara 2023 ejensicha irraa maallaqa fayyaa doolaara miliyoona 295 (£234m) argatteetti.

USAID sagantaalee busaa, dhukkuba tiruu fi dhukkuba qurciis ni deeggara - akkasumas tajaajila fayyaa haadholii fi daa'immanii fi gargaarsa fayyaa hatattamaa gargaara.

Hojjettoonni fayyaa kumaatamaan lakkaa'aman ajaja Ameerikaa kanaan hojii dhabaniiru.

Dr Shamirah Nakittoo, ogeettii fayyaa dhaabbata hawaasaa amantii irratti hundaa'e waliin hojjettu. Isaanis Kampaalaa keessatti namoota HIV waliin jiraataniif deeggarsa yaalaa fi gorsaa kennu.

Guyyaatti dhukkubsattoota 200 HIV/AIDS fi dhukkuba tiruu qaban yaalaa turan. Garuu ajaja hojii dhaabuu booda hojjettoonni isaanii hundi hojiirraa ari'aman.

"Ajajni tasa ture. Kanaaf dhaabbaticha sirriitti hin dabarsine. Nutis akkuma tasaa hojii dhiifnee bane."

ARV

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorichootni HIV guyyaa guyyaan fudhatamuu qaba

Ministeerri Fayyaa Yugaandaa jeequmsa xiqqeessuuf mala barbaadaa jirra jedha.

Ministeericha keessatti hojjetaa mootummaa olaanaa kan taate Dr Diyaanaa Atwiin, hojjettoonni ''jaalala biyyaatiin akka tola ooltotaatti hojjechuu itti fufuuf fedhii qaban'' akka wal qunnaman gaafataniiru.

Dhaabbanni tola ooltummaa yaalaa Médecins Sans Frontières (MSF) balaa wal'aansa HIV addaan kutuun dhufu akeekkachiiseera.

"Qorichootni HIV guyyaa guyyaan fudhatamuu qaba ykn balaan rakkoo fayyaa du'uu uumuu danda'u". jedha

Sababa kanaaf Maayik egereensaa dukkanaa'aa akka ta'e dubbata.

Qoricha ARV guyyoota 30'f fudhatu qofa qaba. Sana booda Kampaalaa gadhiisee gara mana ganda isaa deemuuf murtesseera.

"Kunis salphaa ta'a. Yoon du'e, achumaatti na awwaalu, ummata koo as Kampaalaatti jeequu mannaa."

"Tajaajila ARV malee karaa ani as jiraachuu danda'u waan hin jirreef."

BBC

Seenaa akkanaa dubbisuuf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti BBC Afaan Oromoo hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.