Waggoota 10 darban doolara biliyoona 9 kan argatte Itoophiyaaf adda cituun USAID maal jechuu ta'a?

Deeggarsa namoomaa karaa USAID Itoophiyaaf dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images

Miseensi Kongireesii Ameerikaa Joon Garamendi waggoota 60 har'aa qaama deeggarsa idila addunyaa Ameerikaa, USAID ta'uun Itoophiyaatti weerara maariyyee balleessuuf haadha warraa isaanii waliin duulaniiru.

Pirezidant Doonaald Tiraampifi gargaaraan isaanii Eloon Maask dhaabbata gargaarsaa guddicha bara 1961 hundeeffamee guutuu addunyaatti socho'u hojiisaa akka dhaabu murteessuutti namoota mormii guddaa dhageessisan keessaa Garamendiin tokko.

''Gara waggaa 60n har'aa Itoophiyaatti aniifi haati warraakoo dhibee maariyyee dhabamsiisuuf guutuu biyyattii keessa duulleerra. Waggoota hanga kanaaf, barkurneewwan darban kana keessa, USAID achitti gargaarsa godhaa jira'' jedhan.

Dabaluunis qaama kana cufuudhaaf yaalii Tiraampiifi Maask gochaa jiran mara dhaabsiisuuf duuluu qabna jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii gubbatti barreessan.

Ajaja Pirezidant Doonaald Tiraampiin gargaarsi karaa ejensii kana biyyoota addunyaa maratti godhamu ji'oota sadiif akka dhaabatu murtaahuu hordofee, Itoophiyaa keessattis hojiin deeggarsa namoomaa, deeggarsa misoomaa qonnaa, misooma humna namaa, hojiilee damee fayyaa deeggaran martuu danqamaniiru.

Waajira Haajaa Alaa US jalatti damee deeggarsa idila addunyaarraa ragaan argame akka agarsiisutti bara bajataa 2023 keessa biyyoota Afrikaa karaa USAID deeggarsa olaanaa argatan keessaa sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu Itoophiyaadha.

Akka ragaa dhaabbaticharraa argameen bara 2023 keessa Itoophiyaan doolaara biliiyoona tokkoofi miliyoona 600 ol karaa ejensii kanaa argatteetti.

Kun ammoo biyyoota addunyaarratti US bara sana maallaqa guddaa itti baastee gargaarte ishee lammaaffaa taasisan.

Akka ragaalee biroon agarsiisanitti sadarkaa jalqabaarra kan ture biyya waraana keessa jirtu Yukireeni. Bara 2023 deeggarsi Yukireen argatte $16 billion ta'a. Lammaaffaan Itoophiyaadha. Joordaan , Afgaanistaaniifi Somaaliyaan itti aanu.

Ammoo deeggarsa alaa(karaa USAID ala) bara 2023 keessa US biyyoota Afrikaaf kennite keessaa doolara biliyoona 1.7 ol argachuun sadarkaa tokkoffaarra kan argamtu Itoophiyaadha. Masrii fi Somalaiyaan itti aanu.

Biyyoota Afriikaa Ameerikaa irraa deeggarsa olaanaa argan
Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota Afriikaa Ameerikaa irraa deeggarsa olaanaa argatan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gargaarsi US biyyoota biroof kennitu bifa adda addaa qaba. Odeessi kun kan irratti xiyyeefatu karaa dhaabbata gargaarsaa USAIDn argamu qofadha.

Gargarsi USAID kun harka caalu maalirra oola? adda cituu isaatiinoo Itoophiyaa keessatti qaamole kamtu caalatti miidhama?

Akka ragaa Ministeera Haajaa Alaa damee deeggarsa idiladdunyaatti maallaqa karaa ejensii kanaa bara 2023 keessa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiif dhiyaate keessaa doolaarri biliyoona 5.5 tau deeggarsa namoomaaf oole.

Dhiyeessii midhaan nyaataa uummata beela, waraanaafi rakkoolee uumamaai namtolchee biroon nyaata dhabaniif deeggarsa gochuutu maalla isa guddaa fudhate.

Sadarkaa lammaffaa irratti ammoo deeggarsa damee fayyaa irratti godhameedha. HIV AIDS dabalatee dhibeewwan daddarboofi kaan rakkoo fayyaa hawaasaa ta'an to'achuufi ittisuuf doolaarri biliyoona 3.8 ol ta'u bara 2023 keessa baheera.

Deeggarsa sagantaalee misooma diinagdee, ijaarsa dimookraasii mirga namoomaafi Bulchiinsa, Barnootaafi Hawaasummaa akkasumas eegumsi naannoo ni argama.

Biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii

Itoophiyaan bara 2023 keessa biyyoota addunyaa 10 karaa USAID deeggarsa damee fayyaa isa olaanaa argatan keessaa tokko.

Akka gabaasa mootummaa UStti bara sana keessa Itoophiyaan damee fayyaaf qofa doolaara miliyoona 196 argatteetti.

USAID Itoophiyaa keessa kallattiin deeggarsa godhuun cinaatti sagantaalee waldaalee siviliifi dhaabbilee miti mootummaa biyya keessaa biroo deeggara.

Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa kan waldaalee 5, 300 of keessaa qabu deeggarsi kun adda cituun kallattiin hawaasaa fi dhaabbilee waldaalee siivikii irratti ''miidhaa guddaa'' akka fidu BBC'tti himeera.

Uggurri akka tasaa kun keessumaa damee lubbuu baraaruu fi fayyaa uggura kana irraa bilisa hin taane irratti dhiibbaa guddaa kan qabu ta'uu preezdaantiin mana marichaa obbo Ahmad Huseen himaniiru.

''USAID kan damee fayyaa harka caalu deeggarudha,'' jedhan pirezidaantichi. Dhaabbileen akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Giddu-galli To'annoo fi Ittisa Dhukkuboota (CDC) deeggarsa guddaa akka argatanis ibsaniiru.

Ejensichi dhibeewwan akka HIV/AIDS fi TB, akkasumas nyaata biyya alaatii galfamaniif deeggarsa bal'aa ni taasisa jedhameera; Miiliyoonaan lakkaa'aman kan miidhu yoo ta'u, dhukkubni kun keessumaa daa'immanii fi haadholii irratti miidhaa guddaa geessisa jedhamee eegama.

Ejensiin UN gabaasa isaa keessatti deeggarsa USAID Itiyoophiyaa keessatti addaan cituun keessumaa tattaaffii HIV/AIDS to'achuurratti godhamu irratti dhiibbaa akka qabaatu ibseera.

Itoopihyaa keessa sababa waraanaafi hongee uummatni miliyoonaan lakkaa'amu deeggarsa nyaataa alaa dhufu kan eeggatu yoo ta'u, USAID gama kanaanis sochiinsaa daanga'uun lubbuu namoota miiliyoonotaa yaaddoo keessa galcheera.

Kana malees, hojjettoonni jaarmiyaa waldaalee siivikii kallattiin USAIDn qacaramanii fi ejensichaan maallaqaan gargaaramanis hojii irraa ari'amaa jiru.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.