Sannaayit Asaffaa: Shamarree dandeettii sarkasii qabduun 'qaamnishee lafee qabaa' jedhamtu

Madda suuraa, Senayit
Sannaayit Asaffaa sarkasiin ‘‘Anaaf addunyaakoos, jireenyakootis’’ jetti. Dhalattee kan guddattee naannoo Tigraay Wuqiroo kan Maqaleerraa fageenya km 45 irratti argamutti. Amma garuu Biritaaniyaa jiraatti.
Sannaayit agarsiisa sarkasii kana biyyoota akka Ameerikaa, Ingilizii, Ispeen, Siwiizarlaand, Dubaay, Chaayinaa, Jarmanii, Romaaniyaa, Belaaruus fi Awustiraaliyaatti tqaasifteen leelifamtee jirti.
Shamarreen kun sadarkaa leellifamuu kanarra gahuun duras bu'aa bahii jireenyaa hedduu keessa darbuu BBCtti himte.

Madda suuraa, Senayit
‘Dubara mitii maaliif mana hin teenye!‘
Sannaayit wayita waggaa 11 jirtu ture kan sarkasii Tigraay waliin hojjachuu eegalte. Sarkasiin Tigraay akka koo namoota baayyee horate. Anis miseensasaanii waanan ta’eef carroomtuudha.
Sannaayit jaalala sarkasiin kan hawwatamte osoo maatiin ‘Sitti haa hafu, barnootakeerratti xiyyeeffadhu” jedhamtuufi dhiibbaa hawaasaa hunda dandamatee ta’uu dubbatti.
‘‘Itoophiyaatti maatiikeef ni aboomamta. Maatiin koo sarkasiirra barnoota siif wayya” jechaa dhiibbaan narraan gahaa ture. Maatiikoo caalaas hiriyaakoorraa dhiibbaa cimaan narra gahee ture.
“Ati dubara mitii manakee hin teessuu?' naan jechaa turan. Ani garuu sarkasii waanan jaaladhuuf hin fudhanneen ture,” jetti.
Gama biraatiin ammoo fedhii maatii guutuuf osoo yaaltuu sarkasii hojjataa turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Guyyaa gutuu barataa ooleen, galgala ammoo nan qo’adha jedhee sobuun manaa bahee sarkasiichaaf deema ture. Taayitii sarkasii ittiin hojjadhu akka hin mul’anneef ufata jalaan uffadheen kitaabaafi dabtarii baadhee baha ture. ”
Maatiinis sababii fedhii Sannaayitiin qalbiinsaanii bakka lamatti qoodamee ture. ‘‘Haatii kiyya barsiiftuu waan taateef, ‘yoo barbaadde sarkasiitti fufuu dandeessa’ jetteen abbaakootiin. Abbaankoo garuu hin fudhatu’’ jetti.
Achiisnis haatikoo ‘gabaattan erge’ jechaa naaf dhoksiti turte. Guyyaa tokko garuu dhimmi abbaakoo dura akka dhaabbatu taasise tokko uumame.’’
“Guyyaa agarsiisaaf shaakallu tokko achuman bule. Abbaankoo galgala hojii galee rafe. Ganamasaa ka’ee ‘Sannaayit eessa?’ jedhee gaafate. Haatiikoo ‘nan erge’ jette. Obboleetiinkoo yoo gaafatamtu ammoo ‘mana hin bulle’ jette.
‘‘Abbaankoos gaafatee bakkan sarkasii itti hojjadhu dhufe. Yoo isa arguu bishaanan ta’e. Attamiin barbaadee akka na argate bitaa natti gale. Na fuudhee manatti galee dhukkee narraa kaase. Reebichi sun garuu akkan caalaa sarkasicha jaaladhu na taasise’’ jetti.
Maatiinkoo akkan sarkasichatti hin deebinee kan danda’ame hunda raawwatan. Mana barnootaa dhunfaa na galchan.

Madda suuraa, Senayit

Madda suuraa, Senayit
‘Taatee abjuunkoo akka dhugoomu taasise’
Sannaayit milli abbaashee manaa bahu eeggachuun gara shaakala sarkasii deemti turte. Manaa yoo dhabamte lolli abbaashee ittuma fufe.
Guyyaa tokko lammiin Mongoliyaa tokko shamarran sarkasiirratti hirmaatan adda baasuuf Maqalee dhufte.
Kunis Sannaayitiif taatee abjuunshee akka dhugoomu taasisedha. Wal dhabdee maatiishee waliin qabdus yeroo dhumaatiif dhaabuudhaan waan qalbiishee keessa jiru hordofuuf onnee argatte.
‘‘Abbaakoon kun carraa guddaa waan ta’eef akkan sarkasii keessa hojjadhuuf naaf hayyamuu qabda. Mana barnootaas deemuu hin barbaadun jedhen. Ni dide…Torban lamaaf manaa badeen leenjii cufaa dubartii Mongoliyaatiin qophaa’e fudhachuuf kaampii deeme. ’
Sannaayit manaa baduunshee abbaanshee Obbo Asaffaan fedhiishee akka kabajaniif dirqisiise.

Madda suuraa, Senayit
‘Kan na mormaa turan hundi na deeggaruu eegalan’
Shamarreen waggaa 14, Sannaayit leenjii lammii Moongoliyaatiin kennameefiin booda, gara Chaayinaa deemuun yeroo jalqabaatiif agarsiisa sarkasii idil-addunyaarratti hirmaatte.
‘‘Imalli Chaayinaakoo baatii lamaa gaariifi milkaa’aa ture. Isaan booda warri na mormaa turan hundi ‘sarkasiin daandii jireenyasheeti’ jedhanii akka naaf fudhatan waan ta’eef waltajjii sana hin irraanfadhu,’’ jetti.
Imalli Chaayinaa sunis karrawwan biyyoota biraa baneef. Isaan boodas gareewwan sarkasii Dubaay, Ispeen fi Siwiizarlaanditti argaman waliin agarsiisa dhiyeessite. Isaan booda dhunfaadhaan carraawwan hedduun dhufaniif.
‘‘Dhugaa dubbachuudhaaf gareedhaan hojjachuun akka qofummaan sitti hin dhagahamne taasisa. Haata’u malee, dhunfaan hojjachuun ammoo, ofitti amanummaa waan qabaattuuf caalaa cimtuu si taaisa. Garee caalaa hojiin dhunfaan hojjadhe caalaa milkooftuu akkan ta’u na taasiseera jedheen yaada,’’ jetti.
Sannaayit biyyoota garaa garaatti sarkasii agarsiisuuf wayita deemanitti hiriyoonnishee achumatti hafuuf yoo yaadan, isheen garuu sana hin filanne.
‘‘Bakkan bahetti hafuu hin barbaanne. Sababiinsaas dandeettiikootiin milkaa’uu osoon danda’u maaliifan hafa jedheen yaada. Biyya barbaaddu keessatti hafuun salphaa ture, garuu sarara jireenyaa kee keessaa si baasa.”

Madda suuraa, Senayit
‘Dhuguma qaamnishee lafee qabaa?’
Sannaayit waltajjiiwwan dorgommii ‘Ameerikaa Goot Taalant’ irratti Lees Veegaas, Niiw Yoork, Jarmanii, Romaaniyaatti ‘Romaaniyaa Goot Taalenti’, Beelaarus, Awustiraaliyaa- ‘Siidiinii Oof ZeHawuus’ fi Ingiliizitti Landan Paalaadiyoo irratti dawwattoota ajaa’ibsiiftee turte.
Gosti sarkasii Sannaayit kan ‘Kontiroshiin’ jedhamuun beekamu yoo ta’u, agarsiisawwan waltajjiirratti agarsiiftuufi bu’aa kalaqasheetiin qalbii dawwattootaa hawwachuu dandeessee jirti.
‘Dhuguma qaamnishee lafee qabaa?’ yoo jedhan dhagahamu. Qaamnishees akka laastikiitti dadacha’a.
Sannaayitis kun salphaa akka hin taaneefi qaamashee dadachaasuuf guyyaan shaakala akka gootu dubbatti.
‘‘Ijoolluummaakootii kaasee yoon sarkasii hojjadhu waan dhukkubbiin natti dhagahamu hin se’un ture. Dugdiikoo umamaan baayyee dadacha’aa ture. Ta’us hojiicha wayita cimsan xiqqoo cimaa adeema. Kanaaf, qaamnikoo akkuma dadacha’usaa itti fufuuf guyyaatti sa’aatii lamaaf nan shaakal,’’ jetti.
Sochii qaamaa guyyaa guyaatiin alattis haalli soorataas gahee waan qabuuf of eegdi.

Madda suuraa, Senayit
‘Hojiikeetu si kabachiisa’
Sannaayit biyyoota addunyaa garaa garaa irra naannoftee sarkasii agarsiiftulleen ALI bara 2013tti garuu taateen akka Tigraay gadhiiftee baatu taasise ishee mudate.
Waraanni Tigraay osoo hin eegaliin guyyaa lamaan dura Finfinnee turte. Akkuma tasaa wanti hundi jijjirame…Isaan boodas guutuummaan gara Ingiliziitti imalte.
Biyyaa bahamee jireenyi salphaa ta’uu baatulleen, caalaa cimtuu ta’uun ala filannoo biraa hin qabdu turte.
Biyya haaraa keessatti aadaafi afaan danqaalee mudatan keessaayi. Sannaayit danqaalee kanneen hundaa ogummaasheetiin kutannoo waan qabduuf irra aanuu dubbatti.
‘‘Sarkasiidhaaf jaalala olaanaan qaba. Qormaata hunda darbee sadarkaa kanarra akkan qaqqabu na taasiseera. Hojii keetu si kabachiisa. Kanaaf, qormaata hunda dandamachuun ogummaa qabduutti fayyadamuu barbaachisa,’’ jetti.

Madda suuraa, Senayit
Karoora gara fuulduraa
Sannaayit sarkasiin alattis indastirii fiilmii keessa galuu barbaaddi. Kana dhugomsuuf ammoo ammatti magaalaa Landanitti taatoofi mookaappiirratti koolleejjii barataa jirti.
‘‘Sarkasiin alatti taatoo nan jaaladha. Kontirooshiiniin wal qabatee fiilmii keessa seenuun barbaada. Biyya kanaaf mijataa ta’e keessa waanan jiruuf fedhiikoo cimsataan jira’’ jetti.
Sannaayit ogummaa sarkasiitiin wagga 13’f biyyoota garaa garaa keessatti agarsiisarratti hirmaattee jirti.
‘‘Qormaatawwan hedduu keessa darbee sadarkaa kanarra gahukootti, leenjiiftoonni kiyya akka fakkeenyaatti yoo na ibsan arguutti, warra kaaniif waanan fakkeenya ta’eef baayyeen gammada. Dubartoonni cimuu qabaatu,’’ jetti.
‘‘Waaqni biyya keenya nagaa yoo godhe, carraafi milkaa’inan ani sarkasiidhaan argadhe kana shamarran kaanis akka argatan gochuuf mana barnoota sarkasii Tigraayitti banee dubartoota barsiisuuf hawwiin qaba’’ jechuun BBCtti himte.












