'Dubartii horsiisee bulaa ta'ee akkasitti bahee hojjechuu kootiin baay'ee natti gammadu' - Kiiboordist Xummee

Kiiboordist Xummee Anoh

Xummee Anoh Godina Booranaa aanaa Yaaballoo keessatti dhalattee guddatte, yeroon ijoollummaashees jaalala muuziqaan kan guutame ture.

Waggoota 15 oliif meeshaa muuziqaa kiiboordii taphachuun kan dabarsite Xummeen, meeshaa muuziqaa yeroo baay’ee dubartoonni yemmuu taphatan hin mul’anne kana taphachuusheetiin beekamtii horatteerti.

“Uummanni baay’ee najaalata. Keessattuu akka Godina Booranaatti dubartii horsiise bulaa ta’ee akkasitti bahee hojjechuu kootiin baay’ee natti gammadu” jechuunis jaalala uummata biraa qabdu ibsiti.

Hosteelii Mana Amantaa Kaatolikii keessatti akka guddatte kan himtu Xummeen, jalqabbbiin ogummaa muuziqaashees achuma keessa ta’uu himti.

Haa ta’u malee yeroo ijoollummaasheetti wantoota miidiyaa irratti agartuun dhimmoonni gaafii itti ta’anis turan.

“Dhalootuma kiyyaan muuziqaa baay’een jaaladha. Miidiyaarratti yemmuun argus piyaanoo dabalatee meeshaa muuziqaa garagaraa kan taphatan warra dhiiraa qofa, dubartii keessatti hinargu. Keessa kiyyattis ‘dubartiin waan kana hojjechuu hin dandeessuu?’ jedhee yaadaan ture” jechuun himti.

Haata’u malee umriishee ganna 15’tti gargaarsa namaan meeshaa muuziqaa baay’ee jaalattu taphachuu eegalte.

“Qeesii Kaatolikii Aabba Reedoo jedhamantu Piyaanoo naaf bite. Ani durumaa waan jaalalasaa qabuuf ‘naaf biti” jedheenii naaf bite” jetti Xummeen.

Hawwisoo Gumii Gaayoo…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawwisoon Gumii Gaayoo garee Xummee Anoh namoota baay’een walbarsiisefii akka beekamtu taasisedha.

Meeshaa muuziqaa kennaan argatteen ofbarsiisaa, mana barnootaa keessatti Gumii Aadaa keessatti hirmaachuun ogummaa aartiishee cimsachaa kan deemte Xummeen, ALI bara 1998’tti kunneen Hawwisoo Gumii Gaayoo hundeessan keessaa tokko taate.

“Kutaa sagal yemmuun seenu Garee aadaatu ture. Gare sana keessatti waan aadaa hojjenna. Guyyaa tokko garuu osoo nuti hinbeekin mana barumsaatii nuyaamanii, aanaan Yaaballoo meeshaa muuziqaa bitee ‘sirba aadaa sirbuu dandeessu’ nuun jedhan” jetti.

“Hawisoon Gumii Gaayoo bara 1998 eegalte. Garee aadaa keessa seenee harka kiyyallee achitti hiikkadhe” jechuunis himti.

Hawwisoo kana keessatti Kiibordistii ta’uun kan hojjettu Xummeen, baandiiwwan fi artiistota beekamoo waliin waltajjiilee garagaraarratti hojjetteerti.

Dhiyeenya kanallee gara Keeniyaa lafa Turkaanaa deemuun hojii aartii dhiyeessuu himti.

Xummeen Hawisoon Gumii Gaayoo bara 1998 eegalte

Haata’u malee ,hawwisoon ogummaashee itti guddifatte Gumii Gaayoon qabbanaa’uusaatiin hojiinshees miidhamuu himti.

“Hawwisoon Gumii Gaayoo aadaa Booranaa, Gujii fi Gabraa kana sirriitti hojjetti. Aadaa biraas ni hojjetti. Hawwisoo cimtuu turte garuu namni jajjabeessuus hinjiru. Kan bira dhaabbatee abbummaan dhaabbatee qajeelchu hinjiru waan ta’eef bittinnooftee jirti” jetti.

Haa ta’u malee ogummaa meeshaa muuziqaa Kiiboordii taphachuu ofiif fi namarraa barte barnoota saayinsaawaan deeggaruuf naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti barachuu kan himtu Xummee Anoh, “Duraan akkasumatti ofumaan baradhe, saayinsii isaas hinbeeku ture. Kanaaf saayinsiisaa kollejjii deemee barachuun qaba jedhee Hawaasaa deemee baradhe” jetti.

Yeroo ammaas adda durummaan kiiboordii (Piyaanoo) taphachuun beekamtullee Beez Gitaarii fi Liid Gitaariis akka taphattu himti.

Ogummaa meeshaa muuziqaashee sagantaalee garagaraa qofarratti rarra’ee hafe gara sirboota qindeessuutti ce’uun babal’isuuf fedhii guddoo akka qabdu himuunis, “Ani bakkan hawwaa ture hingeenye. Ani bakka kanatti of hin eegu. Istuudiyoo dhunfaa kiyyaa banadhee aadaa saba kiyyaa as jiran Gujii, Boorana fi Gabraa muuziqaa hojjechuun fedha” jechuunis himti.