Gidiraa lammii Ertiraa laggeen 12 ceetee Yugaandaa seentee

Lewaam osoo godaansa biraaf gara Yugaandaa imala osoo hin eegaliin dura Sudaan keessa jiraatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lewaam osoo godaansa biraaf gara Yugaandaa imala osoo hin eegaliin dura Sudaan keessa jiraatti (suuraa kuusaa keessaa)

Waggoota kurnan darban keessa lakkoofsi dargaggoota Ertiraa gara biyyoota ollaatti godaananii dabaluu isaa gabaasni Komishinara Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baase ni mul’isa.

Lammiilee Ertiraa sababoota adda addaatiin biyyaa bahan keessaa gariin isaanii yeroo gabaabaa keessatti deeggarsa firootaa fi maatii isaaniitiin bakka yaadan gahu.

Kaan immoo namni isaan gargaaru waan hin jirreef biyya ollaa keessa danqamanii hafu.

Lammileen Ertiraa kun biyyoota jiraatan keessatti rakkoo siyaas-dinagdee tasgabbaa’aa hin qabne fi geddaramurraa kan ka’e biyya biraatti godaanu.

Sababa waraana Sudaan keessatti adeemaa jiruun lammiileen Eertiraa kumaatamaan lakka’aman qabeenya isaanii dhiisanii baqataa jiru.

Gariin karaa irratti kan du’an yoo ta’u, kaan haala suukaneessaa keessa darbu.

Imala godaansaa

Seenaan kun waa'ee dubartii Ertiraa Lewaam jedhamtu, waraana Sudaan jalaa miliquuf rakkina hedduu keessa darbiteeti.

Waggaa jaha dura Ertiraa, Kaaren irraa gara Sudaan baqatte. Bara 2017'tti jalqaba gara Kasalaa, achiis gara Shegarab, sana booda Kaartuum qaqqabde.

Yeroo sanatti Sudaan keessa nagaan fooyyee qaba waan tureef, dhaabbata Kaartuum keessa jiru tokko keessatti hojjechuu eegalte.

Hanga waraanni garee Sudaanitti wallolan gidduutti ka’utti dhaabbata Sudaan tokko keessatti nama keessummaa simattu taatee hojjette.

Lewaam jireenya ishee gaggeessuuf dhamaatus, haalli nageenyaa Sudaan hammaataa dhufuun, humnoonni nageenyaa dhiibbaa irratti uuman.

Gaaf tokko ganama gara hojii osoo deemtuu konkolaataa keessaa buusanii hidhanii, doolaara 1,000 kaffaltee akka gadhiifamte dubbatti.

"Lammiileen Ertiraa maallaqa kaffalanii hidhaa bahuu danda’u waan jedhaniif bittimanii jiraatu.

''Namonni muraasni yeroo lama ykn sadii qabamuun doolara kuma tokkoo kaffalan jiru.

''Warri maallaqa kaffanii waajjira poolisii keessaa bahuu hin dandeenye gara mana hidhaa biraatti dabarfamu."

Jala bultii Faasikaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2023 jala bultii Faasikaatti Lewaam hiriyyoota ishee wajjin Bataskaana keessa osoo jiranii akka tasaa sagalee dhukaasa guddaa dhaga’an.

Dhukaasni sun dafee ni qabbanaa'a jettee waan yaaddeef, sababa dhukaasatiin hojii dhaquu akka hin dandeenye hogganaa hojiisheetti himuuf bilbilte.

Hogganaan hojiishee kun dhalataa Sudaan yoo ta’u, haala jiru sirriitti waan beekuuf, 'kun lola obbolaa gidduutti lolamu waan ta'eef of eeggadhu' jedheen.

'’Hanga siif bilbilutti as hin adeemiin’' jedhee ishee akeekkachiise.

Sana booda lolli hammaatee, jireenyi magaalattii hedduu ulfaataa waan dhufeef hanga haalli kun tasgabbaa'utti gara Kasalaatti qajeelte.

Akka isheen eegde osoo hin taane, yeroo buufata sakatta’iinsaa Talata Ashaar jedhamu geessu loltoonni Ertiraa lammiileesaanii paaspoortii hin qabne biyyatti galuu qabdu jedhanii addatti fo’an.

Lewaam kana hubattee yoo gara Eertiraa deebite loltummaa akka leenjitu waan beektuuf, daa'ima waggaa 8 dabalatee walumatti namoota sagal waliin miliqxee Kasalaa seente.

Kasalaatti Kaartuum caalaa nageenyi fooyyeen waan jiruuf ji’a sadiif dhokatanii turan.

Booda garuu dubartiin lammii Eertiraa waggoota dheeraaf Kasalaa keessa jiraatte tokko mana gatii isaan hin miiineen kireeffatanii keessa jiran kenniteef.

Haata’u malee, waraanni Sudaan naannichatti hammaataa waan dhufeef achitti isaaniis tasgabbii dhaban.

Namoota 10 daangaa Kasalaa keessa ishee waliin turan keessaa gariin gara Masrii, kaan gara Finfinneetti qajeelan.

Imala gara Matammaa

Fadaaltootaa fi namoota qurxummii seeraan alaa kiyyeesanitu isaan imalchisa waan ta’eef maal taana laata jedhanii yaadda’u.

Lammilee Itoophiyaa fakkaatanii karaarratti maallaqa kaffalaa Gedaarifirraan Matammaa seenan.

Garuu lammiileen Ertiraa hedduun Matammaa keessa waan jiraniif galmeeffamanii kaampii Humaraa geeffamu.

Lewaam fi hiriyyoonni ishee Doolara 600 kaffalanii guyyaa afur booda Finfinnee gahan.

“Sodaadheen ture” jette imala dadhabsiisa erga darbitee booda.

"Nuti akka namoota naannoo sanaa waan hin taaneef, namoonni konkolaataarraa bu’anii daandiirratti ciree nyaachuuf bu'u, nuti sodaannee nyaata dhiifne" jette.

Biyya Sudaanitti wal waraansi baatiiwwan saddeet dura eegale lammiilee miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqiseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyya Sudaanitti wal waraansi baatiiwwan saddeet dura eegale lammiilee miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqiseera

''Namoonni kaan eessaa akka dhufne gaafatu; lammii Itoophiyaati jenna. Garuu afaan naannichaa waan hin beekneef baay'ee rakkisaa ture."

Lewaam Finfinnee keessa jiraachuu feeti ture, Itoophiyaa keessatti hayyama iddoo jireenyaa ilaalchise rakkoon akka ishee mudatu waan hubatteef karaa Keeniyaa gara Yugaandaa ce'uuf murteessite.

Sana booda gargaarsa hiriyyaa isheetiin nama qurxummii kiyyeessu tokkoof doolaara 2000 kaffaluun walii galte.

Imalichi guyyaa sadii akka fudhatu itti himame.

Halkan keessaa naannoo sa'aatii 2:00tti Finfinneerraa ka'an. Roobii ganama konkolaataa fe'umsaatiin Bulee Horaa ga'an.

Guyyaa itti aanutti imala kana itti fufuuf yeroo karoorfatan, imalli kun balaa guddaa akka qabu namoota ishee dura imalan irraa dhageesse.

Warri qurxummii kiyyeessan kun namoota shan doqdoqqeen fe'anii saffisaan buufata sakatta'iinsaa akka qaxxaamuran itti himan.

"Akka waliigaltee keenyaatti maaliif eeyyamsiistanii karaa nageenya qabuun nu hin dabarsine?" jettee gaafatte.

Isaan ammoo 'waraqaa karaarratti nu ga'a' jedhanii deebisaafii, imala isaanii itti fufan.

Haata'u malee, kan warri qurxummii kiyyeessu jedhan sirrii waan hin taaneef ishiifi namoonni ishee waliin imalan akkuma Bulee Horaa irraa kiiloomeetira 100 deemaniin to'ataman.

Paaspoortii ykn sanada baqattootaa yeroo gaafatamtu Lewaam boossee, walitti bu'iinsa Sudaan keessatti uumamerraa kan hafte ta'uu qaamolee nageenyaatti himte.

Sanadoonni ishee hundi dhohinsa boombiin barbadaa’uU itti himnaan akka gaddaniif himte. Sana booda gara buufata sakkatta’iinsaatti gara duubatti deebifaman.

Dallaalaa seeraan alaa karaa isaan qaxxaamursu nama biraa ergeefi isaan miliqsee imala itti fufan.

Imala dheeraa booda daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa kan taate Mooyyalee gahan.

Dararaa itti fufe

Achitti ‘galatasaa, ammahoo dhihaanne’ jettee turte. Haa ta’u malee, waraqaan akka seentu itti kenname kan sobaa yookiinis foorjidii ta’uu hubatte.

Sodaa keessaa hinbaane. Liwaam dabalatee namoonni baay’ee qabamani. Achiitis dallaalonni gubboo kanfalanii isaan miliqsan.

Lammiilee Ertiraa 49 akkasaanii karaa seeraan alaa ce’uuf yaadan waliin guyyoota sagaliif mana tokko keessatti dhokatani.

‘’Maaliif akka duubatti hafneefi eessa akka jirru yeroo gaafannu akka hin miliqne jedhanii nutti hin himan. Ta’us, kan isin ceessisu (saamsaarii) nuuf bilbilee ture.

‘’Dhoqqeen waan jiruf imaluu hindandeenyu jedhu. Kanaaf mana tokko keessa 36, isa lammataatti 34, isa sadaffaa keessa 14 akkasumas isa kaanitti 7 turre.’’

Mooyyaleen magaalaa daangaa Itoophiyaa Keeniyaarratti argamtuufi godaantonni keessuma gara Afrikaa Kibbaa imaluuf jedhan keessa qaxxaamuranidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mooyyaleen magaalaa daangaa Itoophiyaa Keeniyaarratti argamtuufi godaantonni keessuma gara Afrikaa Kibbaa imaluuf jedhan keessa qaxxaamuranidha

Guyyoota sagal booda 46 kan ta’an yeroos kan dabalaman 17 waliin doqdoqqeen daandii fagoo akka geessaniifi karaa hafe hunda miilaan akka imalan yaadatti.

Nyaati gahaa hinturre. Guyyaatti si’a takka ruuzii kennuuf. Rooba walitti aansee roobaa tureen lolaan itti dhufe. Imaltoonni waliin jiran lolaa morma isaanii gahu isaan ceessisan.

Daandii gubbaa lammiileen Ertiraa 46 fi lammiileen Itoophiyaa 100 itti makaman. Godaantonni 200’tti siqan dhoqqee hamaafi lolaa balaaf saaxilu keesssa adeemuun dirqama itti ta’e.

‘’Yeroo rakkisaa ture. Kaan abbaa, haadha, daa’ima ganna 3, fi isaa gadi nu waliin turan. Nuti garuu baanee imala itti fufne. Bita mirga ilaallee iyyinuus nami dhagahu hinjiru.

‘’Gara fuulduraatti adeemuu malee filmaata hinqabnu ture,’’ jechuun yaadatti.

'Laggeen 12 ceene'

Waliigalteen isaaniifi wanti isaan mudate kan biraa ture. Maaliif jedhanii gaafatani

‘’Ganni reefu eegale. Waan turuuf isin teessisnee sooruu hindandeenyu. Dhoqqee kana keessammoo konkolaataan akka isiniif dhufu hin eeginaa.

‘’Nuyis hojii keenya hojjechaa jirra. Kanaaf deemsa itti fufaa,’’ akka jedhaman dubbatti. Haala kanaan guyyoota 16’f miilaan imaluu himti.

Dargaggoonni beelaafi kaaniin aaran rakkoo kana caalu akka nurraan hingeenye jedhanii yaadda’uu himti.

Kanneen ceessisan godaantota kana reebuufi doorsisuu akkasumas nyaata xiqqaa akka kennaniif dubbatti.

‘’Nyaata tokko dubartoota 12’f kennu. Dhiirotaaf garuu xiqqoo kennu. Akka isaan hin quubsine waan beeknuf xiqqoo hanbisnee kenninaaf turre.

‘’Nuyi dubartoonni garri caalu karaan waan dheeraa ta’ef tafi keenya qunca’eera. Kanaaf okkolaa deemna,’’ jetti Luwaam.

Rooba guyyaafi halkan roobuun dadhabaniifi qorri itti cimee akka ture himti.

‘’Laggeen 12 yeroo ceenu qeensi isaanii kan cabe, tafi isaanii kan ququnca’e, miilli isaanii kan madaa’eefi qaami isaani kan isaan hooksisu turan.’’

Anis dhiitoon narratti bahee rakkadheera jechuun BBC'tti himte.

Imala guyyaa 16 booda magaalaa Keeniyaa Neroo jedhamu gahanii konkolaattota xixiqqoon gara Naayiroobii seenan.

Keeniyaa guyyoota afuriif erga turan booda gara Ugaandaa qajeelan.

Imalli konkolaataanis ta’u beelaafi dheebuun osoo isaan qoruu namoota 17 kaan waliin magaalaa guddoo Ugaandaa, Kaampaalaa, seenan.

Yeroo ammaa Luwaam madaa ishee wal’aannachaa akka jirtu himte.

Haa ta’u malee, dargaggoota karaatti dhiisanii deemuu isaanii, maatiin tokko tokkommoo ijoolleen isaanii nagaa ta’u isaanii waan hin barreef dhiphuu keessa akka jiran dubbatti.