Godaantonni Ertiraa 53 konkolaataa raayyaa Itoophiyaan gara Keeniyaa adeemaa turan to'ataman

Konkolaataa Raayyaa Ittisa Biyyaa godaantonni ittiin imalaa turan jedhame

Madda suuraa, ALE ZONE COMMUNICATION

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa Raayyaa Ittisa Biyyaa godaantonni ittiin imalaa turan jedhame

Godaantonni Ertiraa konkolaataa gabatee raayyaa ittisaa Itoophiyaa qabuun gara Keeniyaatti osoo imalaa jiranii Naannoo Kibba Itoophiyaatti to'ataman.

Godaantonni seeraan alaa kunneen to'annaa jala kan oolan gaafa Dilbataa, Sadaasa 26 ta'uu Naannoo Kibba Itoophiyaatti itti gaafatamaa Waajjira Nageeenyaa Godina Alee kan ta'an Obbo Amsaaluu Angaatom BBC'tti himan.

Qondaalli mootummaa kun akka jedhanitti godaantoni seeraan alaa lammii Ertiraa ta'an kun dallaalotaan Finfinnee dabalatee bakkeewwan garaa garaatii kan walitti qabamanidha.

Dhimma kanarratti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ammatti waan dubbate hinqabu.

Godaantota kannneen keessa dubartoonnifi ijoolleen jaha jiraachuu kan himan Obbo Amsaalun, daa'imman erga dhalatanii ji'a muraasaa fa'aas akka argaman ibsan.

Lammiilen Ertiraa seeraan ala godaanaa turan jedhaman kunneen bakka godinoota Aleefi Koonsoo akkasumas Aanaa Bannaa Tsammaayi itti wal-daangessanitti to'annaa jala oolan jedhame.

Namoonni kun yeroo to'annaa jala oolan, paaspoortiifi sanadoota eenyummaa isaanii ibsu akka agarsiisaniif gaafatamanii kana raawwachuu hin dandeenye jedhan namni BBCn naannicharraa dubbise.

Itti gaafatamaa Waajjira Nageenyaa Godina Alee kan ta'an Obbo Amsaalun gamasaaniin poolisoonni naannoo sana turan shakkiidhaan konkolaataa godaantonni ittiin deeman erga dhaabsisanii booda to'annoo jala oolchuu himan.

Lammiileen Ertiraa kunneen konkolaataa raayyaa ittisaa Itoophiyaa "oraalii" jedhamuun imalaa kan turan ta'uu kan himan Obbo Amsaalun, dallaalaan konkolaataa raayyaa ittisaan kan fe'e shakkamanii akka hin to'atamneef ta'uu ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta’u malee, akkamiin konkolaataan raayyaa ittisa biyyaa godaantota seeraan alaa biyya biraatti geessuuf akka oole sirriitti akka hin beekamne BBC’tti himaniiru.

Konkolaachisaan konkolaatichaa gaafatamee ‘’hoogganaa kootu na ajaje’’ deebii jedhu kennuu isaa Obbo Amsaaluun dubbataniiru.

Dhimmichi kutaa raayyaa ittisa biyyaa dhihoo jiruutti erga ibsamee booda kaleessa [Wiixata] eegalee hooggansa waraanaa waliin mariin taasifamee konkolaachisaafi konkolaataa fudhachuu isaanii ibsaniiru.

Bulchaan Godina Alee Obbo Maagisee Guyyaale dhimmichi qoratamaa akka jiru BBC’tti himaniiru.

BBC’n dhimma kanarratti kutaa sab-qunnamtii Raayyaa Ittisa Biyyaarraa odeeffannoo dabalata argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Lammiileen Ertiraa 53 hanga ammaa godinichatti aanaa naannawa Kolaangootti galma keessa akka turan taasifamuu hoogganaan waajjira nageenyaa Obbo Amsaaluu himaniiru.

Bulchaan godinichaa Obbo Maagisee gama isaaniin godaantota kana buufata dhihoo jirutti galchuuf mari’atamaa akka jiru ibsaniiru.

Godaantonni lammiilee Ertiraa ta’an hedduu Itoophiyaa keessa jiraatu. Kaanimmoo Itoophiyaa keessa bahuun gara Keeniyaa ce’u.