Baqataan Ertiraa koloneelii Israa'el rukuttaa Hamaasiin du'uurra oolche hayyama jireenyaa argate

Madda suuraa, INTERIOR MINISTRY
Ji'a Onkoloolessaa keessa yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa bane baqataan Ertiraa koloneelii Israa'el rukutamee ture lubbuu oolchee ture mootummaan Israa'elirraa hayyama jireenyaa argate.
Hamaas magaalaa Israa'el Sideerot jedhamturratti haleellaa banee yeroo turetti loltuun Israa'el kun rukutamee du'aaf jireenya gidduu osoo jiruu baqataa Ertiraa Mulugeetaa Tsaggaay jedhamuun baraarame.
Baqataan Ertiraa kun lubbuusaa balaarra buusee, lubbuu loltuu Israa'el baraaruusaatif mootummaa Israa'el irraa hayyama jireenyaa dhaabbataa argachuu danda'eera.
Ministira Dhimma Biyya Keessaa Israa'el kan ta'an Mooshee Arbeel 'kana booda ati baqataa miti' jechuun Mulugeetadhaaf hayyama jireenyaa dhaabbataa kennuufii miidiyaan Israa'el gabaase.
Israa'elitti qindeessaa hawaasa Ertiraa kan ta'an Obbo Birhaane Nagaasii dhimmicha itti dhiyeenyaan akka beekaniifi baqataan kun dhuguma koloneelii Israa'el du'a oolchuusaatin hayyama jireenyaa mootummaa Israa'el harkaa fudhachuu BBC Tigrinyaatti himan.
Gaafa Onkoloolessa 7, Hamaas Israa'el irratti haleellaa yeroo banu magaalaa Sideroot keessatti koloneelin Israa'el kun garaa keessa rasaasaan rukutamee heddu miidhame. Boodarra baqataan Ertiraa kun lubbuusaa oolchee mootummaa Israa'elin jajame.
Mulugeetan haleellaa Hamaas jalaa baqatee ture. Karaarratti koloneelin Israa'el rukutamee baay'ee osoo dhiigni dhangala'uu argee biratti hafe.
Sa'aatii dheeraaf bira turuun dhiigni akka dhaabatuuf deeggarsa gochaafii erga tureen booda gareen lubbuu baraaru qaqqabee du'a oole.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koloneelin Israaa'el kun erga hospitaala geeffamee torbanootaf yaalamaa turee manatti galee booda baqataa Ertiraa lubbuusaa oolche galateeffachuu akka barbaaduufi mootummaan Israa'el hayyama jireenyaa akka kennuufis gaafachuu hime.
Gochaa baqataan Ertiraa dalage kana kan dinqifatan Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Israa'el Mooshee Arbel, "Miseensa waraana Israa'el oolchuf jedhee nama lubbuusaa balaarra buuse Israa'el keessa kabajaan jiraachuu akka danda'u gochuun waan xiqqaa nuyi gochuufii dandeenyudha" jechuusaanii miidiyaan biyya keessaa gabaase.
Israa'el biyya baqattoonni dhaabbataan hayyama jireenyaa argachuuf itti rakkataniidha. Lammiilen Ertiraa kuma heddu ta'an hayyama jireenyaa argachuuf iyyatanii waggootaf eeggataa jiru.
Mulugeetaa Tsagaayis isaan keessaa tokko yoo ta'u, lubbuu loltuu Israa'el waan oolchef dhaabbataan hayyama jireenyaa argachuu danda'eera.
Hamaas ji'a Onkoloolessaa keessa haleellaa Israa'el irratti gaggeessuu hordofee magaalotaafi mandaroota Israa'el keessatti loltoota dabalatee lammiilee Israa'el 1400 ajjeessee 240 kan ta'an ammoo fudhatee Gaazatti gale.












