Yaadni ummataa sirna federaalaafi heera mootummaa irratti walitti qabame maal agarsiise?

Alaabaa Itoophiyaa

Dhaabbanni Afroo Baaroomeetir bara 1999tti kan hundeeffame yoo ta’u, teessoonsaa mummeen biyya Gaanaa magaalaa Akiraadha.

Marsaa jalqabaatiin biyyoota 12 keessatti ture hojii kan eegale. Amma marsaa salgaffaarra gaheera. Biyyoota 40 haguugas.

Dhaabbatichi biyyoota keessatti socha’utti yaada ummataa walitti qabuun qaamolee imaammataafi seera baasan, kanneen murtee kennan akkasumas qaamolee sagantaaleefi pirojektoota wixineessaniif ragaa akka kennu ibsa.

Dhaabbanni kunis dhimmoota 12 irratti xiyyeeffachuun hojjata.

Yeroo tokko tokko ammoo haaluma qabatamaa biyyootaan kan dursaan filataman ni jiraata.

Itoophiyaa keessattis haala qabatamaa jiru hubannoo keessa galchuun ‘‘dhimmoota lamarratti xiyyeeffachuun qorannoon gaggeeffamaniiru’’ jechuun Baaroo Meetiriitti deeggaraan biyyaaleessa Itoophiyaa Obbo Muluu Takkaa BBCtti himan.

Dhimmoota gurguddaa lamaan keessaa tokko dhimma federaalizimiiti.

Itoophiyaaf sirna mootummaa federaalaamoo sirna qeenxeetu barbaachisa?

Dhimma jedhu kan dhaabbatichi dursaan yaada ummataa irratti walitti qabeedha.

Dhimmi lammaffaan ammo, heera mootummaa amma hojiirra jirurratti kan xiyyeeffateedha.

Kanaanis yaadni ummanni keewwatawwan wal falmisiisoo ta’an tokko tokkoorratti qaban maal fakkaataa jechuun qoratamee ture.

Qorannoo dhiheenya kana taasifameen kan walfakkaatu kana dura gaggeeffame kan ture yoo ta’u, ammas ‘‘jijjirama adeemsa yeroo keessa jiru adda baasuuf kan qoratamedha’’ jedhu Obbo Muluun.

Sirna mootummaa federaalaamoo kan qeenxee?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaanni ummataa Itoophiyaaf sirna federaalaamoo sirna qeenxeetu barbaachisa? Kan jedhurratti walitti qabame, ‘‘kennitoonni yaadaa %54 ta’u Itoophiyaan mootummaa sirna dimokiraasii akka qabaatuuf filannoo kennan.’’

Qorannoo bara 2020 gaggeeffameen ammoo ‘‘kan deeggare %61 ture. Amma qabxii torbaan gadi bu’ee agarra’’ jedhu Obbo Muluun.

Kanneen %42 ta’an ammoo mootummaa sirna qeenxee filatan. Kunis kan bara 2020 irraa parsantaa shaniin daballii agarsiise jedhu.

Akkasumas Itoophiyaan sirna federaalaa yoo hordofte sirna federaalaa akkamii haa hordoftu? Gaafiin jedhus dhiyaatee ture.

‘‘Akkuma amma jiruutti kan sabaafi sablamiileerratti hundaa’e immoo kan teessuma lafaarratti hundaa’e ykn kan dhimmoota biyyaa hubannoo keessa galchuun tolfamuu haata’u kan jedhu akka ture kaasu Obbo Muluun.

Kan sirni federaalaa Sabaaafi sablammiilee irratti hundaa’un haa ta’u jedhu %49 yoo ta’u, lakkii teessuma lafaarratti haa hundaa’u kan jedhu ammo %48 jedhan.

Gaaffiin kunis jiraattota magaalaa biratti haala teessuma lafaarratti haa bu’urreeffatu kan jedhe kan filatan (%54), naannoo baadiyyaatti ammo sabaafi sablammiileerratti haa bu’uureffatu kan jedhu kan filatan (%51) jedhan haala qorannichaatti.

Haala caasaa sirna federaalaa ummannii akka jiraatu yaadurratti kan bara 2020 gaggeeffameen jijjiramni baayyeen hin mul’annee jedhame.

Kana malees gaaffiileen heera mootummaa itoophiyaa gara wagga 30 guutuuf deemurrattis yaada ummataa argachuuf gaaffiileen dhiyaataniiru.

Heera mootummaafi keewwata 39

Dhimmoota heera mootummaa keessatti hamataman keessaa keewwatawwan gaaffiin irratti dhiyaate keessaa 39 kan duraa ta’u dubbatu.

Obbo Muluun akka jedhaniitti, ‘‘Keewwanni 39 akkuma namoota siyaasaatiin irratti waliin hin galamne, ummata yaada kennaniinis irratti waliin hin galamne. Ummanni yaada kennanis haala wal qixa jedhamuun deeggarsaafi sagalee mormi kennan.’’

Keewwanni 39 Saboonni, sablamiileefi ummatoonni hiree ofiisaanii ofiin murteeffachuuf mirga daangaa malee kan qaban ta’u fi mirga kanaanis hanga biyya walabaa hundeeffachu kan dandeessitu ta’un ni beekama.

Dhimma kanarrattis mormii barootaaf gaggeeffameen, heerri mootummaa mirgoonni akka kabajaman gochuun biyya waloon keessa jiraatamu ijaaru malee yaada gargar bahu calaqisiisuu qabaachuu hin qabu kan jedhan akkuma jiran hunda, kaan ammo keewwatichi wabii kabaja mirga ummattootaatii jechuun deeggaraa turan.

Yaada ummataa amma dhaabbata kanaan walitti qabameen kanarratti garaagarummaan kun akka calaqise ibsu Obbo Muluun. Haaluma kanaanis, ummanni yaada kenne kaan keewwatichi heera mootummaa keessaa akka bahuuf yoo barbaadu, kaan akkuam jiruutti akka itti fufuu fedhii qabaachu beeksiisuu himan.

Kanaafu haala wal qixa jedhamuun deeggarsaafi mormiin irratti dhiyaate jedhu.

Akkasumas ummanni yaada kenne %67 heerri mootummaa akka fooyyeeffamu kan barbaadan yoo ta’u, kanneen %16 haaraadhaan akka jijjiramu, %16 akkuma jiruutti akka itti fufu fedhii qabaachu agarsiisan.

Daangaa bara aangoo

Dhimmoota dhaabbanni kun yaada ummataa irratti gaafate keessaa tokko bara aangoo ministira mummee daangeessuu kan ilaalatudha.

Haala heera mootummaa Itoophiyaatti, barri aangoo pirezidantii biyyattii bara aangoo lama qofaan yoo daangeeffamu, turtiin aangoo Ministira Mummee garuu daangaa hin qabu.

Kanaafuu namoota yaada kennan keessaa %66 kan ta’na barri aangoo MM akka daangeeffamu ibsan. Kanaafuu harka lama sadii kan ta’u bari aangoo ministira mummee akka daangeeffamu gaafatan.

Gama Afaan hojii mootummaa federaalaa ilaallatunis kanneen lakkoofsa olaanaa qaban afaan gara biraa akka dabalamu fedhii akka qaban beeksiisan.

‘‘Afaan Amaaraa afaan hojii mootummaa federaalaatiin alatti afaan gara biraa mootummaa federaalaaf ni barbaachisa yaada jedhu kan kennan %67dha. Qorannoo bara 2020tti gaggeeffameen kun %69 ture’’ jedhu Obbo Muluun.

Akkasumas dhimma magaalaa Finfinnee ilaalchisee gaaffii dhiyaateerratti, ‘‘kanneen %53 ta’na Finfinneen akkuma naannoolee biraatti of dandeessee naannoo ta’un miseensa federeshinichaa akka taatu barbaadu. Kunis kan bara 2020 ture irra %18 caalmaa agarsiiseera,’’ jedhan.

Dhimmoota kamirratti xiyyeeffata?

Dhaabbanni Afroo Baaromeetir marsaalee garaagaraatiin dhimmoota ijoo 12 irratti yaada ummataa irratti bu’ureeffachuun qorannoo gaggeesseera.

Fakkeenyaaf dhimma dimokiraasii, bulchiinsa, sabboonummaa, hawaasummaa, lamummaa, diinagdee, tajaajila ummataa fi kkf irratti Itoophiyaa dabalate biyyoota 40 keessatti qorannoo gaggeesseera. Akkasumas haaluma qabatamaa biyyootaatiin dhimmoota wal falmisiisaa ta’na irratti qorannoo ni gaggeessa.

Kanaanis dhaabbatichi yaada ummataa walitti qabuudhaan bu’aaleefi ragaalee lakkoofsaa argatan xinxaluun dhiyeessuun, mariiwwan qopheessuun bu’aalee argaman tamsaasa.

Akkasumas qaamooleen dhimmisaa isaan ilaalatu hojiiwwan raawwatan keessatti akka hubannoo keessa galchaniif hordoffii akka taasisan Obbo Muluun BBCtti himan.

Saamudni hangam hunda bakka bu'aadhaa?

Qorannoo dhaabbata kanaa keessatti saamudni walitti qabamu kan yaadaafi fedhii jiraattoota magaalaafi baadiyaa calaqisiisuu ta’u himu Obbo Muluun.

Dhaabbatichi qorannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa keessatti gaggeesseen, akka kan naannoolee hunda hammatu akka ta’uf naannoolee biyyattii 12 fi bulchiinsa magaalaa lama duraan turan hammateera.

Saamni kun kan ramadame haaluma baayyina ummataatiin ta’u kan dubbatan Obbo Muluun, kanaanis naannoon ummata hedduu qabu gahee saamudaa olaanaa fudhata jedhan.

Gama koroniyaatinis haala dubartootaafi dhiiroota 50, 50 haguguutti hojjatamu kaasu.

‘‘Ummanni Itoophiyaa garaagaraa. Saamunni kunis sab-daneessa akka ta’u taasifneerra. Saamudni keessa sadarkaa biyyaaleessaatti kan bakka bu’u jenna’’ jedhan.

Saamudni kan fudhatames ALI Caamsaa 18-Waxabajjii 15, 2015tti. Qorannichi kan gaggeeffame mala saamuda osoo itti hin yaadiin (rondam sampling) hordofuun raawwatame.

‘‘Namoonni yoo filataman buufataaleen walitti bu’insa qaban muraasni nu mudataniiru. Kunis saamuda %1 kan ta’udha. Sababii walitti bu’insi osoo jiruu bilisa ta’anii yaadasaanii nu kennuu hin dandeenyeef, isa qofaaf caraan buufamuun bakka buufamuun qorannoon gaggeeffameera. Akka carraa ta’ee saamudni keenya harki 99 kan ture naannoolee walitti bu’insi hin turreetti’’ jechuun attamiin naannoolee walitti bu’insi keessa jiruutti saamudni akka itti fudhatame ibsan.

Bu'aa argametti eenyutu fayyadama?

Dhaabbanni kun qorannoon Itoophiyaa keessatti taasise kun sadaffaadha. Qorannoo bara 2020 gaggeessaniin bu’aalee argamaniin keessattuu paartileen siyaasaa sagantaalee saanii ittiin fooyyeessuuf itti fayyadamaniiru jedhu.

‘‘Paartiileen siyaasaa fi dhaabbileen sirna mootummaa federaalaafi sirna qeenxeetu akka dhaadannoo saaniitti tarkaanfachiisan, lakkoofsicha ilaaluudhaan ummanni irra caalaan akka gara yaadasaaniitti dhufuuf sadarkaa murtaa’een ta’us yoo faayiidaarra oolchan agarreerra’’ jedhan Obbo Muluun.

“Itti aansinee bu’aa kana mana maree federeshiniifi mana maree bakka bu’oota ummataaf kenniina. Dhiibaa qabaatus waliin kan ilaallu ta’a,’’ jedhan.