Xiyyaarri magaalaa itti balali'aa ture sehee magaalaa biraa qubate rifaatuu uume

Madda suuraa, @NigeriaCAA
Xiyyaarri magaalaa Naayijeeriyaa Leegosii ka'ee Abujaa qubachuu male magaalaa biraa Km 450 fagaattee argamtu qubachuusaa arge.
Imaltootni Abujaatti imalaa turan geenyeerra jedhanii yoo bu'an magaalaa biraa Asaabaa jedhamtu jiraachuu hubatan.
Kun Naayijeeriyaa keessatti miidiyaa hawwaasaa irratti tibbana ijoo dubbii taheera.
Namni siyaasaa xiyyaaricha keessa turan tokko daandii qilleensichaa dogogora hojjechuu isaaf dhiifama sirrii nu gaafachuu dhabuun isaa akkan ''arrabsametti'' natti dhagahame jedhe.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yuunaayitid Naayijeeriyaa magaala Leegos irraa ka'uun gara magaalaa teessoo mootummaa federaalaa taate Abuujaa imaluuf balalii jalqabe.
Daandiin qilleensichaa balalichi kan garas geeffameef Abujaa qubachuuf ''haala qilleensaa mijataa hin taane waan tureef'' jedhe.
Haa tahu malee, gaaffiif deebii imalaan maqaan isaa Saalihuu Taankoo Yakaasii jedhamu BBC Igbo waliin taasise irratti, ''samiin qulqulluu ture'' jedhe.
Paayileetiin xiyyaarichaas yeroo bakka dogogoraa bu'uu isaa baru ''karoora balalii dogogoraatu Leegosii naaf kenname'' jedhee imaltootatti beeksisuu hime.
Saalihuu Taankoo Yakaasii filannoo Naayijeeriyaa darbe irratti bulchaa mootummaa naannoo kaanoo tahuuf dorgomee ture.
Paayileetichi kan dubbate erga foddaan banamee imaltootni karaa foddaa ilaaluun Abujaa akka hin taane hubachuun rifatanii tahuu hime.
Dabalataan xiyyaarichi yeroo qubatu keesummeesitootnis baga gara Abujaatti nagaan dhuftan jedhanii imaltootatti beeksisuu hime.
Namni fuulli X [Tiwiterii] isaa kan imalaa kanaa fakkaatu tokkos, ''akkuma geenyeen keesummeesitootni xiyyaarichaa ofitti amanamummaa guddaan amma Abujaa geenyeerra nu jedhan, nuyi garuu magaalaa Asabaa jirra'' jechuun maxxanse.
Daandiin Qilleensaa Yuunaayitid Naayijeeriyaa garuu ''yeroodhaan paayileetichatti himameera,akka bakka biraa qubatus beeka ture'' jechuun ibsa baase.
''Haa tahu malee, keesummesitootni akkuma nagaan Asabaa gahaniin nagaan qubachuu yeroo ibsaan rifaatuun mudateera,'' jedhe.
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Naayijeeriyaa dhimmicha qorachaa jiraachuu himeera.












