Baqattoonni Ertiraaa Keeniyaatti achi buuteen isaanii dhabamuun maatii yaaddesse

Madda suuraa, Eritrean Refugee Network - Canada
Baqattoonni Ertiraa lama baatii jahaan dura harka warreen namoota seeraan ala daddabarsaniin erga fudhatamaniin booda achi buuteen isaanii dhabamuun maatii yaaddessee jira.
Dubartoota lamaan badan keessaa abbaan Raaheel Maraawwii sagalee intala isaanii kan dhagahan, Bitootessa darbe akka tahe BBCtti himaniiru.
Yeroo hiriyyaashee Salaamaawiit Ambaasar jedhamtu waliin Itoophiyaadhaa bahanii Mooyyalee galuufi Naayiroobiitti wal-arguufis beellama qabatanii turan.
‘’Bilbilaan Moyyalee akka jirtu natti himtee turte,’’ jechuun abbaanshee boo’aa BBCtti himaniiru. ‘’Naayiroobii geessi jedhee otoon eeguu achumaan badde,’’ jedhan.
Abbaanshee intallisaanii erga baddee harka maratanii hin teenye. Barbaachashee Mooyyalee deemanii ishee iyyaafatanis argachuu hin dandeenye.
Obboleessi Salaamaawiitis akkasuma yaaddooma wal-fakkaataa keessa akka jiru dubbata. ‘’Obboleettii koo bilbilaan argachuu dadhabnaan nama gara Naayiroobii ishee fiddi jedhamteef bilbile. Isheenis ni deebiti naan jettus garuu homaa ishee argachuu hin dandeenye,’’ jedheera.
Obboleettiinsaa Naayiroobii dhufuu didnaan barbaachashee Mooyyalee deemus hin arganneen.
Godaantonni lameen Naannoo Tigraay godaantummaan jiraachaa turanii baatii Sadaasaa keessa yeroo waraanni ka’u baqatan.
Gareen godaantota Ertiraa tokko dhiyoo kana baduu dubartoota kanaa ilaalchiseefi gidraa godaantotaa biyyattii fuula Tiwiitarii isaarra gabaasa kaa’eera.
Cunqursaa siyaasaafi dirqama loltummaa biyyasaanii baqatanii, godaantonni Ertiraa 100,000 tahan Naannoo Tigraay jiraatu ture.
Akka Raaheliifi Salaamaawiiti lubbuu isaanii oolfachuuf jecha godaantonni baayyee baqannaa lammataaf saaxilamaniiru.

















