Dubartiin miidhaa saal-quunnamtiin ilma mootii UK himataa turte akkamiin duute?

Madda suuraa, Getty Images
Virginia Giuffre ilma mootii UK Andiriiw fi Jeferii Ipisteeyin miidhaa saal-quunnamtiin himataa turte.
Amma umriishee waggaa 41tti lubbuunshee darbuu maatiin himan. Dubartiin kun ofiin lubbuushee akka balleessite himan.
Virginia Giuffre namoota miidhaa saal-quunnamtii raawwachuun yakkamtoota jedhaman kanneen akka Epstein fi jaalalleesaa duraanii Ghislaine Maxwell himachuun namoota maqaansaanii jalqabarratti ka'u keessaati.
Umriishaa waggaa 17tti gara Duke of York geeffamuun achirraa eegalee miidhaan saal-quunnamtii irra ga'aa akka ture himatte, ilmi mootii Andiriiw himannaa kana yeroo garaagaraatti haalaa tureera.
Maatiin ishee Jimaata akka dubbatanitti ''dubartiin kun miidhaa saal-quunnamtii dura dhaabbatee loluun beekamti.''
Ammoo gaaga'amni lubbuu sababa kanaan ga'u kan callisanii ilaaluu nama dandeessisu miti jedhan.
''Yeroo hedduuf miidhaa saal-quunnamtiif saaxilamaa turte. Quunnamtii saalaaf bakkaa bakkatti daddabarfamaa turte. Kanumaan jireenyishee bade. Lubbuunshee gaaga'ame,'' jedhan maatiin.
Akka ibsa maatiin baasanitti dubartiin kun haada ijoollee sadiiti. Jimaata Lixa Awustiraaliyaa ooyiruu qonnaashee keessatti duute jedhan.
Poolisiin Lixa Awustiraaliyaa Jimaata galgala wayita gara mana dubartii kanaa deeman, hafuurri keessa hin jiru jedhe.
Ameerikaatti kan dhalatte Virginia Giuffre abbaa warraashee fi ijoolleeshee waliin handaara Kaaba Perth jiraataa turte.
Ammoo gabaasi dhihoo kana ba'e maatiin kun gaa'ila waggaa 22 booda gargar ba'uu hima.
Torban sadi dura Virginia Giuffre balaa konkolaataa guddoo akka miidhamte Instagram isheerratti ibsitee turte.
Maatiin akka jedhanitti taatee sana hawaasatti baasuuf fedhii hin qabdu turte.
Sana booda poolisiin naannoo waa'ee hammeenya balaa sanaa salphisuun dubbateera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo dheeraaf dubbi himtuu Virginia Giuffre kan turte Dini von Muefflin ''jireenya koo keessatti dhala namaa akkasii argee hin beeku,'' jechuun kabaja guddaa akka qabuuf ibsite.
Vriginia Giuffre erga miidhaa saal-quunnamtii isheerratti raawwatamu hawaasaaf ifa gootee booda gama kanaan duula gaggeessuun beekamte.
Sochii miidhaa saal-quuunnamtii qolachuurratti taasifamu- Me To jedhamu waliin qindoominaan hojjechuu eegalte.
Giuffre wayita umriinshee waggaa 17 namoota quunnamtii saalaaf nama daldalan, Epstein fi Maxwell'n ilma mootii Andiriiwuuf geeffamuu himatte.
Yeroo dheeraaf himata irratti dhihaatu haalaa kan ture ilmi mootii kun himata ishee waliin walqabatu keessaa bara 2022 ba'e.
Epstein waliin hariiroo qabaachuusaa qofatti gaabbuusaa ibsuurraa kan hafe yakka jedhame raawwachuu yookiin dhiiifama gaafachuun ilma mootii kana bira hin turre.
Bara 2000 dubartii Biriteen keessatti beekamtuu taate Maxwell waliin walitti dhufuu kan himtu Virginia Giuffre umriishee kurna keessa wayita jiru miidhaa saal-quunnamtiif saaxilamuu akka eegalte ibsite.
Achirraa ka'uun abbaa qabeenyaa Ameerikaa Epstein waliin walitti fidhamuu fi namoota isatti dhihaataniin miidhaa saal-quunnamtiif saaxilamuu himatte.
Epstein bara 2019 balleessaa daldala saal-quunnamtiin osoo murtii eeggatuu mana hidhaatti lubbuusaa galaafate.
Bara 2008 ijoollee xixiqqoo irratti miidhaa saal-quunnamtii raawwachuun hidhamee ture.
Maxwell yakkoota Epstein raawwatu keessaa harka qabaachuunshee erga bira ga'amee booda hidhaan waggaa 20 itti murtaa'ee mana hidhaa US turte.












