Booranatti namichi haadha warraa ajjeesuun dhoksaan awwaalan adabaman

Burruusa mana murtii

Madda suuraa, Getty Images

Akeekkachiisa: Odeessa kana keessa qabiyyeen miira keessan jeequu malu jira.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Gumii Eeldallootti taateen Sadaasa darbe dhagahame waan safuu fi duudhaa ummataa cabsee fi hawaasa naannoo rifaasise ture.

Himatamaan umriidhaan ganna 70 ta'an Obbo Daalacha Halakee jedhamu.

ALI Onkololeessa 13, 2017 hanga jalqaba Ji'a Sadaasaatti Aanaa Gumii Eeldalloo bakka Bulbul jedhamutti haadha warraa fi haadha ijoollee isaanii kan ta'an Aadde Dukkallee Liiban jedhaman uleen erga rukutanii ajjeesaniin booda boolla qopheessan keessatti awwaalan.

Bakka Bu'aan Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Boorana Bahaa Obbo Qaasim Dureessaa BBCtti akka himanitti, himatamaan itti qophaa'aa turan.

"Ajjeechaa kanaan dursee boolla qotee qopheeffate. Achii erga uleedhaan duubaan rukutee lubbuu baaseen booda boolla sana keessatti awwaale," jechuun attamiin yakka kan akka itti raawwatan yaadachiisan.

Abbaan warraa kun haadha warraa isaanii ajjeesan kana akka irratti hin beekamneef namni isaan dursee 'badaniiru' jedhee barbaachaaf bahes hin turre jedhan.

"Yakki kun raawwatamee miidhamtuun kunu dhabamuun barbaacharra erga turanii booda nama bakka isaan boolla qotaa turan sana argetu eeruu kenne.

''Boolli isaan qotanii turan sun yeroo ilaalamu cufameera" jechuun attamiin gochaan ajjeechaa kun akka yakkamaa kana irratti barame himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Hawaasni naannoo bakka sana qotanii yeroo ilaalan reeffi haadha warraa isaanii guyyoota 28 booda achi keessaa argame" jedhan Obbo Qaasim.

Himatamaan kun to'annoo jala erga oolan booda ragaaleen walitti qabamee dhimmi isaanii mana murtii olaanaa Godina Boorana Bahaatti ilaalamaa ture.

Miidhamtuun dhuunfaa kun yeroo ajjeefamanitti ulfa akka turan kan himamaa ture ta'ulleen, reeffi isaanii guyyoota dheeraan booda waan argameef ragaan kana mirkaneessu akka hin argamne himan angaa'aan kun.

Dhimmicha kan ilaalaa ture Manni Murtii olaanaa Godina Boorana Bahaas dhaddacha ALI gaafa Bitootessa 25, 2017 ooleen maanguddoon haadha warraa isaanii haala sukaneessaa kanaan ajjeesanii awwaalan kun hidhaa cimaa waggaa 17tin akka adabaman itti murteesse.

"Himatamana kun sababoota adabbii hir'isuufii danda'an, dhukkubsataa ta'uu isaanii umuriidhaan kan deemanii [jaaran] fi maatii kan bulchan ta'uu erga caqasaniin booda, manni murtii murtii barsiisaadha jedhe hidhaa cimaa waggaa 17 kan itti murteesse" jedhan Obbo Qaasim.

Ajjeechaan suukaneessaa irra deddeebii booda kana bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti maatii irratti raawwatu yaaddoo uumeera.

Ogeeyyiin BBC'n dubbise ajjeechaan suukaneessaa dhagahamu dhimma fayyaa ijoo xiyyeeffannoo dhowwamerraa kan ka'edha amantaa jedhu qabu.