Abbaan warraa haadha warraa ulfaa ajjeesanii owwaalun akkamiin shakkaman?

Ajjeechaan suukaneessaa maatii irratti raawwatu yaaddoo uumeera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeechaan suukaneessaa maatii irratti raawwatu yaaddoo uumeera

Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa qalbii keessan jeequu mala.

Godina Boorana Bahaa, Aanaa Gumii El-dallootti abbaan warraa haadha waarraa isaanii ulfa taate ajjeesuun shakkaman mana murtii dhihaatan.

Akka maatiifi abbaan alangaa BBCtti himanitti, namni kuni erga ajjeechaa raawwatan booda boolla qootanii awwaaluun dhoksaniiru.

Mana murtii Boorana Bahaatti abbaa alangaa kan tahan Obbo Qaallichaa Bilisuu shakkamaan to'annoo jala ooluun booda yakka kana waakkachuu himan.

''Du'uusheetu amma dhagahe jedhe, '' jedhan erga to'annoo jala oolan booda.

Manni murtii dhimma kana qoratee murteessuuf ilaaluu eegaleera.

Miidhamtuun kuni yeroo ajjeefamte ulfa tahuu ragaa namaa malee waan saayinsiin qoratame akka hin jirrees abbaan alangaa dubbatani.

Akka Obbo Qaallichaa jedhanitti, shakkamaan tilmaamaan nama ganna 70 tahan ALI Onkololeessa 16, 2017 ajjeechaa raawwachuun booda 'barbaacha' bahan.

Obboleessi miidhamtuu Biduu Liiban jedhaman immoo akkaataa du'a obboleettii isaanii yoo ibsan abbaan warraashee ''bultii 28f ishee hin argine jedhee nutti himee'' jedhan.

Dubbii kana dhagahuun booda maatiin ummatatti iyyachuu dubbatu Biduun.

''Abbaan kiyya, namni kuni maaliif dhabamte jedhee hin barbaanne, hin iyyanne, birmannaa hin taasisne jechuun naa to'atamuu qaba jedhee ummatatti iyyee,'' jedhan.

Kana booda qaamoti seeraa barbaachatti akka ka'an dubbatu maatiin.

Yeroo kanatti shakkamaan ''waan godhe beekaaf baqachaa turuu,'' himu maatiin.

Akka BBC'n maatiirraa odeeffatetti, shakkamaan kuni ALI Sadaasa bultii 9/2017 to'annoo jala oolan.

'Owwaalamtee argamte'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga shakkamaan to'annoo jala oolan booda maatiin dubartii kanaa reeffa barbaaduu eegaluu Biduun himu.

Barbaacha kanarratti milishaafi qaamoti nageenyaa bobba'anii barbaadaa akka turan dubbatan.

Barbaacha booda ''lafa isaan qubatanirra km2 kan hin fagaanne bo'oo lafaa keessatti awwaalamtee argamte,'' jechuun BBC'tti himan.

Miidhamtuun ulfa ji'a saddeetiifi haadha ijoollee sadii akka taate himu maatiin.

Akka obboleessi himanitti, abbaan warraa kuni qabeenya irratti miidhamtuu kana wajjiin dhibdee qabaachaa turan.

''Re'een isaaniif hortee gara 60 qabu, garuu namni kuni haadha warraa hangafaa(jalqabaa) waan qabuuf ijoollee ishee kanaa deeggaraa, ishee kana (miidhamtuu) hin deeggaru. Kanaaf wal-dhabiiin jira.''

Obboleettiin keenya naannoo isaan qubatan jiraattu araarsuuf yaalaa turuu himu.

''Guyyaa ishiin araarsitee galte galgala ajjeesee awwaalee, guyyaa 27 booda akka ishee dhabeefi imaltuu ergateetti dhufee nutti himee,'' jedhan.

Abbaan alangeenis shakkamaan wal-dhibdeen jiraachuu amanuu BBC'tti himaniiru.

Shakkamaan kuni yeroo boolla qotan namni isaan arguu dubbatan.

Dabalataan ''maatiin ishii yoo iyyaafatan ollaa gara iddoo Hadheessaa jedhamu deemte jedhi'' jedhee namatti himan jedhan.

Kanas akka ragaa tokkootti qabachuu dubbatu Obbo Qaallichaan.

Maatiin dubartii kanaa, abbaan warraa ajjeechaa ''itti yaadee raawwate'' jedhanii akka amanan himu.

''Boolli inni ishee keessatti awwaale yoo xiqqate ji'a lamaaf oliif qotame, itti yaadee, karoorfatee ajjeese,'' jedhu obboleessi.

Dhimma kanarratti BBC'n poolisiirraa hin odeeffanne.

Yeroo isaan boolla qotaa turan namni arge isaaniif eeruu kennuu akkasumas, ''naannoo sanattis huccuun citaa kan ishee argame'' jedhan obboleessi.

Boolli isheen keessatti awwalamtee biyyeefi lolaan haguugamee akka tures dubbatan.

Miidhamtuun kuni ''bolla sanaa baafamtee iddoo seer-qabeessaatti awwaallee,'' jedhan obboleessi.

Ajjeechaan suukaneessaa irra deddeebii booda kana bakkeewwan Itoophiyaa adda addaatti maatii irratti raawwatu yaaddoo uumeera.

Ogeeyyiin BBC'n dubbise ajjeechaan suukaneessaa dhagahamu dhimma fayyaa ijoo xiyyeeffannoo dhowwamerraa kan ka'edha amantaa jedhu qabu.