Ajjeechaan suukaneessaa dhageenyu waa'ee hawaasa Itoophiyaa maal nutti hima?

Madda suuraa, Bishoftu Communications
Erga yeroo dhihooti ajjeechaa suukaneessaa maatiin dhala ofiirratti raawwatu, ilmi abbaarratti yookiin haadharratti raawwatu ibsan irra-deddeebiin dhagahuutti jirra.
Ajjeechaan gurratti ulfaatan kunneen hammi isaa dabalaa jiraachuufi dhabuu hubachuuf qorannoo bal’aa barbaada.
Ammoo gabaasa miidiyaalee nama hordofuuf garuu hammachuu mul’isa. Ajjeechaan gurrattuu dhagahuuf nama sururan kuni hawaasa bir'achiisa.
‘‘Bara akkamiitu dhufe,?’’ namoonni akka jedhan taasisa. Safuun Waaqaafi ummata gidduu ture eessa dhaqee kan jedhan jiru.
Taateen duudhaa hawaasarraa maqe kuni hawaasa ‘Abbaakoo gaaddisakoo, hadhakoo dandeessuukee’ jechuun ibsu keessa maaliif mudate?
Keessumaa hawaasa amantii jabeeffatu keessa akkamin ta'e?Kanneen waa’ee hawaasaa qoratan waan kana akkamiin ilaalu?
Waan kuni haala hawaasichaa maal nutti hima?
Ogeeyyiin BBC’n dubbise ajjeechaan suukaneessaa dhagahamu dhimma fayyaa ijoo xiyyeeffannoo dhowwamerraa kan ka’edha amantaa jedhu qabu.
Hayyuun soshiyolojii Yaraaswarq Adimaasee (PhD) akkasumas ogeessi xiin-sammuu Indaalk Asaffaa rakkoon ijoo fayyaa sammuurraa dhufa jedhu.
Dhimmi kuni ‘’ijoollee dhiiraarratti’’ jabaata jechuun Dr Yaraaswarqa ibsu. Keessumaa ‘’jimaafi araqeen’’ kanaaf akka gumaachan eeru.
Hayyuun saayinsii hawaasaa kuni yakkawwan irra-deddeebiin dhageenyu qoricha sammuu hadoochuunis walqabsiisu.
‘’Araadi [adda addaa] miidhama sammuurratti dabalamanii sababoota hammeessan keessaati,’’ jedhu.
Wanti ijoo gaaffii kaasu tokko hawaasa Itoophiyaa keessaa 90% kan ta’u ‘ummata amantii jabeessu’ jedhamu keessatti waan akkanaa mudatuu isaati.
‘’Oduuwwan gurra nama quuqan [dhageenyu] akka hawaasaatti xiyyeeffannoon fayyaa hawaasaaf kennine xiqqaa waan ta’eefi,’’ jedha Indaalk.
'Madaa sammuu hin fayyine'
Hayyuuleen kuni fayyaa sammuurratti hubannoon hin kennamne, inumaa hanqinni jira jedhu.
Keessumaa bakkeewwan jimaafi araqeen itti baay’atutti yakkooti dhagahuufi namatti ciman dhagahuu kan himan Dr Yaraaswarq ‘’jimaan gara alkoliifi hashiishii nama geessa,’’ jedhu.
Akka isaan jedhanitti, keessumaa maatii keessa yakki jajjabaa raawwatuu isaaf sababi akkaataa itti fayyadama qorichoota sammuu hadoochanii akka ta’e amanu.
Rakkoon fayyaa sammuu sababa garagaraan mudata kan jedhatu ogeessii xiin-sammuu, Indaalk, gama isaan ‘’kanneen keessaa madaan sammuu [‘trauma’] tokkodha.
‘’Namoonni madaa sammuu garagaraaf saaxilamu. Madaa kanarraa kan ka’e wantoota sirnaan raawwachuuf yeroo rakkatan arguu dandeenya,’’ jedha.

Madda suuraa, AFP
Ammoo madaa sammuu namoonni ijoollummaatti horatan yeroon wal’aanamuu dhabuu, akkasumas ga’umsa itti dandamatan dhabuun yakkoonni akkanaa akka baay’atan gumaache jedhu.
‘’Lammiileen Itoophiyaa tooftaawwan rakkoo hawaasummaa, xiin-sammuu, amantii itti dandamannu jiru. Tooftaa kana dhiifnee wanti raawwannu yakka jabaa akkanaa keessa nu galchuu danda’a.’’
Dr Yaraaswarq rakkinooti hawaasa keessa jiraniifi qoricha sammuu hadoochu waliin walqabatan ‘’manaa manatti dhokataniiti malee’’ dargaggoon hedduu miidhamuu isaanii dubbatu.
Keessumaa dargaggoonni qoricha hadoochuuf saaxilaman bakka jiraatanitti wiirtuuwwan deeggarsa yaalaa kennaan dhibuun rakkinicha hammeessuu eeru.
Yeroo qorannoof gara Harargee deeman aangawoonni dubbisan ‘’hospitaalonni yaala sammuu Finfinneerra Harargeetti akka barbaachisu’’ akka isaanitti himan yaadatu.
'Hawaasni rakkoo hedduun xaxame'
‘’Hawaasi keenya amma jiru [rakkoo hedduun] haalaan hubameera,’’ jedhu rakkinooti baay’ee akka jiran kaasun.
Rakkoo nageenyaa, tasbabbiin dhibuu, qaala’insa jireenyaa, hojiin dhibuufi kaan hawaasi abdii akka kutu, sammuun dargaggootaa akka jeeqamu, akkasumas guddinni isaanii akka hin qajeelle taasisa amantaa jedhu qabu.
Dabaluunis, maatiifi hawaasa isaan guddiserraa amantaan qaban akka xiqqaatu ni taasisa jechuun ibsu.
Sababa kanaan dargaggoonniifi ol adeemtonni qorichoota nama si’eessan gara garaa fayyadamuutti akka deeman eeru.
Ogeessi xiin-sammuu gama isaaniin namni tokko qofaa isaa osoo hin taane akka hawaasaatti madaan sammuu qooddatu yookiin keessummeessu jira jedhu.
‘’Akka hawaasaatti sababoota garagaraan madaa sammuu waloo ta’e nu qunnamuu danda’a. Hawaasni madaa sammuu waloo keessa darbu tooftaawwan waloo itti dandamatu fayyadamuu qaba.
‘’Dhimmoota kana sirnaan fayyadamuu dhabuun keenya yeroo madaan sammuu mudatu deebiin kenninu akka gahaa hin taane taasiseera.
‘’Dhimma biyya keenyaa itti dhiheenyaan yoo ilaalte akka biyyaatti, akka amantiitti, akka jaarmiyaatti gahaa miti,’’ jedhu.
‘’[Akka biyyaatti] rakkoowwan gurguddoo keessummeessina. Haa ta’u malee, rakkoowwan gurguddoo dandamachuuf daandiifi tooftaan hordofnu gahaa miti.’’
Gahee amantii
Amantiin hawaasni Itoophiyaa Waaqa akka sodaatu, mootummaa akka kabaju taasiseera kan jedhan Dr Yaraaswarq, ‘’rakkinawwan amma jiru waliin qormaatni amantaa ni cima ture,’’ jechuun ibsu.
Kanaaf, amantii hordofuun inumaa hawaasa gargaare jedhanii amanu.
Ta’us, namoonni qe’eerraa buqqa’uun, ollaa cimaa dhibuun, fi kaan hawaasa gidduu hariiroo yeroo dheeraaf ture akka laaffisu, dargaggootas yakkaaf akka saaxile himu.
Hariiroon maatiifi hawaasa gidduu laaffate ittuu laaffachuun rakkinichaaf qormaata biraa akka uumes dubbatu.
Amantiin naamusa, namni akka wal hubatu, maatiifi hangafa akka kabaju barsiisa.
Haa ta’u malee, oduuwwan ‘’gurratti nama ulfaatan erga dhihoo baay’inaan dhagahaa jirra,’’ jechuun gumaacha isaa xiqqaatu kan kaasummoo Indaalikadha
'Mootummaanu araada jimaa qaba'
Rakkoon walxaxaa hawaasa keessatti uumame furmaata waaraa barbaada.
Mootummaan daldala jimaarraa galii guddaa argata. Haa ta’u malee, to’annoo laaffise jedhanii amanu hayyuun saayinsii hawaasaa.
‘’Mootummaan mataan isaa araada jimaa qaba…. Dhorkuu hin danda’u garuu to’achuu qaba,’’ jedhu Dr Yaraaswarq.
Keessumaa qaamoleen mootummaa isaan ilaallatu daldalli jimaa manneen barnootaa, amantaafi kaanirraa akka fagaatan gorsu.
Dabaluunis, dargaggoonni daldala jimaa keessa akka hin seenne to’annoon akka jiraatu dhaamu.
Kanneen araadicha qabaniifimmoo jaarmiyaa wal’aansaafi itti bayyanatan akka barbaachisuf eeru.
Akkuma waraqaa tamboon gurguramuurratti miidhaa akka qabu ibsamu, kan jimaafis alkoolis akka barraa’u akkasumas sirna barnootaa keessa akka seenee baratamu gorsu.

Madda suuraa, GW POLICE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessi xiinsammu Indaalk gama isaan hawaasi miidiyaa keessa hojjetu madaa sammuu hawaasichaa xuxxuquun gahee bu’aa qabeessa hin taane gumaacha jechuun qeeqa.
Odeeffannoon miidiyaaleen dabarsan furmaata ibsuu waliin kan dabaalame ta’u akka qabuufi waanuma mudate qofa ummatatti himuun sirrii akka hin taane waan taajjaberraa ibsa.
‘’[Akka biyyaatti] daandiin irra dhufne salphaa miti. Garuu akkuma keenya biyyoonni dabarsan jiru. Isaan rakkoo isaan qunname keessa bahuuf tooftaawwan garagaraa fayyadamaniiru.
‘’Isa keessaa haqaafi dhugaa barbaachuurratti dalaguun ni barbaachisa,’’ jechuun dubbata.
Madaan sammuu dhalootarraa dhalootatti darbu akka jiru kan ibsu Indaalk, ‘’…. Dhimmoota keessa dabarre [gad teenyee] gurra itti kenninee furreerraa?’’ jechuun gaafata.
Kuni ta’u dhabuu isaatu yakkoota gurratti namatti jabaatan dhagahuuf nu saaxile jedha.
‘’Kanaaf mootummaan dirqama guddaatu irra jira. Boru biyya tasgabboofteefi dhalootni fooyyee qabu akka dhufu yoo barbaadame jaarmiyaaleen qooda olaanaa qabu.’’












