Harargeetti himatamaan ‘daa’imni kun kan kee miti’ jedhamnaan daa’ima mancaan ajjeese adabame

Madda suuraa, Reuters
Himatamaan yakka ajjeechaa cimaa raawwate Nuraddin Abdii Ibraahim jedhama. Godina Harargee Bahaatti jiraataa aanaa Qarsaati.
ALI Bitootess 21, 2016 guyyaa keessaa naannoo sa’aa 10:00 yemmuu ta’u ilmasaa waggaa torbaa kan ta’e Huzeefaa Nuraddin iddoo inni hiriyootasaa wajjin itti taphatuu sossobee ofitti waama.
“Koottu, oyruu deemnee barcaa (jimaa) finna” kan jedhu mala himatamaan kun daa’imasaa ofitti waamuuf fayyadamedha.
Sana boodas abbaafii daa’imni gara oyruu jimaa waliin qajeelan, taateen oyruu keessatti uumames kan daa’imni waggaa torbaa kun gonkumaa hineegne ture.
“Daa’imni abbaa kiyya jedheeti kan isa beeku, namiidha jedhee hin yaadu, kanaaf amanee wajjin deeme. Bakka namni hin argine oyruu jimaa geessee haala suukaneessaan ajjeese” jedhan Abbaa Seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa kan ta’an Ayyuub Haajii.
Oyruu erga geessee booda “mancaadhaan hidda mormaarra dhahee ajjeese. Erga ajjeesee boodallee boolla kompoostii itti qopheessuuf qotetti darbee kosii irratti gatee akka dhoksuufi awwaaluu godhee biraa bade,” jedhan Abbaan Seeraa.
“Yakkoonni akkanaa maatii gidduutti, abbaa warraafi haadha warraa, akkasumas abbaafi ilma gidduutti qabatamaan baay’achaa jira,” jedhu Abbaan Seeraa.
Haata’u malee, himatamaan kun hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin to’annoo jala oolee mana murtiitti akka dhiyaatu taasifame.
Seera Yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 539/1-a cabsuunis yakka ajjeechaa cimaa raawwachuun himatame.
“Hambifannaa tokko malee amane…”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Himatamaa Nuraddin Abdii himata ajjeechaa namaa cimaa irratti dhiyaate hambifannaa tokko malee guutumaan guutuutti amanuusaa galmeen himtaasaa hima.
Daa’imni kun miidhaa irratti qaqqabeen lubbuun akka darbes ragaan mana yaalaa ni mul’isa.
Himatamaan kun ajjeechaa kana raawwachuuf sababa kan ta’eef haati warraasaa “daa’imichi kan kee miti” jechuushee akka ta’e Mana Mutiitti hime.
“Daam’imni kan kee miti nama biroorraan dhale jettee yeroo heddu natti dubbachaa waan turteef aaree sababuma kanaan gadoo qabadheen daa’ima kana akkaataa jedhameen ajjeese,” jechuun himuusaa Ayyuub Haajii himu.
“Manni murtichaas jecha amantaa inni kenne kana dhugummaasaa waan nama shakkisiisu waan hin jirreef ragaa Abbaa Alangaa dhagahuun osoo hin barbaachisin keewwatuma ittiin himatame jalatti ‘balleessaa qaba’ jechuun murti balleessummaa kenne” jedhan.
Manni murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaas dhimmicha qorachaa erga tureen booda dhaddacha ALI Caamsaa 5, 2016 ooleen himatamaa Nuraddin Abdii Ibraahim irratti hidhaa cimaa waggaa 17 murteesse.
Keewwatni himatamaan kun jalatti himatame hidhaa umrii guutuu yookiin adabbii du’aa akka adabsiisu kan himan Abbaa Seeraa Ayyuub, sababa yaadonni adabbii salphisan jiraniif adabbichi gara hidhaa cimaa waggaa 17’tti gadi akka bu’e himaniiru.
“Fakkeenyaaf, himatamaan kun kana dura yakka raawwatee yakkaa irratti galmaa'eeru hin qabu waan ta’eef osoo yakka kana hin raawwatin dura amallisaa gaariidha jedhamee tilmaamni fudhatamee jira,” jedhan.
Dabalataan himatamaan kun abbaa maatii ta’uunsaas akka yaada adabbii salphisu kan biraatti akka fudhatame himaniiru.
“Yakkoonni akkanaa baay’achaa jiru…”
Yakkoonni maatii dhiyoo irratti raawwataman baay’achaa jiraachuu Abbaa Seeraa Ayyuub Haajii ni himu.
“Yakkoonni akkanaa maatii gidduutti, abbaa warraafii haadha warraa, akkasumas abbaafi ilma gidduutti ajjeechaan qabatamaan baay’achaa jira.
“[Fakkeenyaaf] Abbaan warraa dhaddacharratti haadha warraa waraanee ajjeesee jira, abbaan warraa haati warraasaa osoo isheen raftuu qottoon morma rukkutee ajjeesee jira, abbaafii ilmi wal ajjeesuun, ilmi abbaa ajjeesuun, abbaanis ilma ajjeesuun haaluma saniin kan mul’atudha,” jedhan.
Haata’u malee, sababni baay’achuu yakkoota kunneenii maali kan jedhu qorannoo mataasaa yookiin xiinxala kan barbaadu akka ta’es himu.












