Dhugaatii alkoolii baay'isuun dhibee kaansariif nama saaxilaa?

Nama dhugaatii harkatti qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Dhugaatiin alkooliifi dhibeen kaansarii walitti dhufeenya qaba jettanii yaaddanii beektuu?

Qarannoo haaraan walitti dhufeenya dhugaatii alkoolii fi kaansarii irratti gaggeeffame tokko waan haaraa qabatee as bahe.

Qajeelfamni dhaabbata odeeffannoo fi qorannoo alkoolii gaggeessuu kan Scottish Health Action on Alcohol Problems (SHAAP jedhamuun ifa ta'e kun akka jedhutti, dhugaatiin alkoolii gosa kaansarii hedduuf akka nama saaxiluu danda’u hima.

Akka qajeelfamni kun ibsutti ogeeyyiin fayyaa, dhukkubsattoonni dhugaatii alkoolii akka xiqqeessan gargaaruun kaansarii alkoolii irra argamu hir’isuu danda’u.

Hogganaan dhaabbatichaa Dr. Alasteeyin Maak Gilkrist akka ibsutti, dhibee fayyaa Iskootlaandiin qabdu keessatti miidhaan dhugaatii alkoolii madda isa guddaadha.

Bara 2015 Iskootlaanditti duuti dhibbeentaa 6.5 ta'u dhugaatii alkoolii waliin kan walqabate ture, san keessa dhibbentaan 28 kaansariidhaan lubbunsaanii darbe.

Bara 2016 mootummaan UK qajeelfama dhugaatii alkoolii daangessu baasuun, dhiironni torbanitti alkoolii litira 3.31 caalaa akka hin dhugne ajaje.

Akka qajeelfama haaraa kanatti, dhiironni daangaa dhugaatii torbaniif kaa’ame kana caalaa dhugan kan dubartoonni dhugan irra harka lama caalu.

Bara 2019 dhiironni dhibbeentaa 32 daangeffama torbaanitti kaa'ame caala dhugan. Dubartoonni garuu dhibbeentaa 16%n kan dhorkame caalaa dhuguusaanitu ibsa.

Akkasumas namoonni daangeffame torbanii kana caalaa dhuguun of-gabaasan sooreyyii taʼu ibsa.

Baruma san keessatti bakki dhugaatiin alkoolii balaa fi miidhaa fidu itti babal’ate naannoo hiyyeessotaa (30%) fi iddoo namoonni hedduun jiraatan (17) ture.

Haata’u malee, namoonni alkoolii dhuguun hospitaala galanii fi kan du’an hedduunsaanii namoota naannolee sochii hawaas-diinagdee hin qabne jiraataniidha jedha qorannoo haaraan kun.

Qorannoon haaraan kun maal hima?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhata dhugaatii alkooliifi kaansariin qabu ilaalchise, odeeffannoon ogeessonni fayyaa Ingiliiz bara 2016 baasan akka ibsutti, sadarkaan dhugaatii alkoolii kan balaarraa nama eegu hin jiru.

Akka Dr. Alasteeyin himutti, odeeffannoo haaraan kun yaadawwan ijoo walitti dhufeenya kaansarii fi dhugaatii alkoolii ogeessota fayyaatiif kenna.

Kana malees, Iskootlaand keessatti fayyadama alkoolii fi miidhaasaa to’achuun namoota umurii, uumama fi iddoo hawaas-diinagdee keessatti qabaniin adda baasuun ibse.

Akkasumas karaawwan addaaddaa kan namoonni ittiin miidhaa dhugaatii alkoolii irraa ittiin of dhorkanii fi yaalii miidhaa alkoolii geessisu irratti argatan ibsa.

“Dhugaatiin alkoolii dhibee kaansarii gosa hedduuf akka nama saaxilu ragaa ifa ta’etu jira,” jedha Dr. Alasteeyin.

"Walitti dhufenyaa dhugaatii alkoolii fi dhibee kaansarii dhukkubsattootatti himuuf ogeeyyin fayyaa carraa qabu. Kunis kaansarii alkooliirraa argamu hir’isu ni dandeessisa'' jedha qorannichi.

“Qajeelfamni haaraan kunis akkaataa ogeeyyiin fayyaa rakkina kaansarii alkooliirraa nama qabu ittisanii fi namoota rakkoo dhugaatii qaban akka gargaaran fayyadu abdii qabnas” jechuun ibsa.