KALLATTIIN, Hidhattoonni Huutii masaraa mootummaa Yaman irratti haleellaa raawwachuun namoota shan ajjeesan

Hidhattoonni Huutii masaraa mootummaa Yaman kan magaalaa Adenitti argamurratti haleellaa misaayelaa raawwachuun namoota shan ajjeesuun 16 madeessan jedhan qondaalli mootummaa Yaman.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaatti dhukaasa gurbaan ganna 16 raawwatteen barattoonni fi barsiisaan du'an

    Haleellaa kana oladeemaa umrii waggaa 16tu raawwate

    Ameerikaa bulchiinsa Oriigan keessatti oladeemtuun umrii waggaa 16 mana barumsaa sadarkaa jalqabaa irratti dhukaasa banuun barattoota sadii fi barsiisaa tokko ajjeesuu booda innis nama naannoo sana tureen ajjeefamuu poolisiin ibse.

    Shakkamaan maqaan hin eeramne kun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa Bend keessatti argamu humnaan seenuun kutaalee cufamanii jiran irratti dhukaasa bane jedhe qondaalli poolisii magaalattii Maayik Kiraanz.

    Yeroo gurbaan kun haleellaa raawwatu namni duubaan hordofaa ture tokko gurbicha rukutee ajjeesuu hime qondaalli poolisii kun.

    Daa'imman ajjeefaman umriinsaanii waggaa 5 fi 11 gidduudha.

    Daa'imni waggaa torbaa fi barsiisaan umrii waggaa 54 tokko daran miidhamuun hospitaala geeffamaniiru. Gurbaan haleellaa raawwate kun hidhati inni mana barumsaa kana waliin qabu ifa miti.

    Poolisiin namni haleellaa raawwate kun jiraataa naannawa sanaa oladeemaa umrii waggaa 16 ta'uu ibsuun ala odeeffannoo bal'aa hin kennine.

    Gurbaan balballi cufamaatti dhukaasuun humnaan cabsee seenuuf yaalaa akka ture ibse poolisiin.

    Taateen kun mudatee daqiiqaa sadi booda wayita poolisoonni bakkichatti argaman gurbaan haleellaa raawwate sun du'eera.

    Wayita inni haleellaa raawwachuuf deemu nama argetu hordofee ajjeese jedhe poolisiin.

    Mana barumsaa haleelame kanatti barattoota 450 ta'antu baratu.

    Hojjettoota ammoo 40 qaba.

    Ragaan K-12 School Shooting Database akka mul'isutti bara darbe haleellaawwan 235 ta'an manneen barnootaa Ameerikaa keessa jiran irratti raawwataniiru, barana ammoo hanga yoonaatti 140 kan ta'u raawwatameera.

  2. Huutiin masaraa mootummaa Yaman misaayelaan haleeluun shan ajjeese, 16 madeesse

    Haleellaa Huutiin masaraa motummaa Yaman irratti raawwate

    Hidhattoonni Huutii masaraa mootummaa Yaman kan beekamtii idiladdunyaa qabuu fi magaalaa Aden keessatti argamu misaayelaan haleeluun namoota shan ajjeesuu fi 16 madeessuu aanga'oonni mootummaa himan.

    Ministirri Odeeffannoo Moammar al-Eryani ministirri muummee fi ministiroonni kaan haleellaa misaayela baalistikii shan Huutiin masaraa al-Maashiq irratti raawwate jalaa hafaniiru jechuun BBCtti hime.

    Dubbi himaan humna waraanaa Huutii Yahyaa Saaree ''giddugala oppireeshinii diinaa Sa'uudiin durfamu kan Aden keessatti argamu haleelle,'' jedhe.

    Qindoominni waraanaa Sa'uudii Arabiyaan durfamu mootummaa Yaman bira dhaabbataa jira.

    Mootummaan Sa'uudii loltoota mootummaa Yaman hidhattoota Huutii kanneen deeggarsa Iraan qabanirratti duula gaggeessaniif deeggarsa humna qilleensaa taasisaa jira.

    Ministirri Fayyaa Yaman Qaasim Buhaayibeh kanneen haleellaa Huutiin ajjeefaman ''namoota eegumsarra turanii fi namoota nagaadha,'' jedhe.

    Haleellaa kana kan baleellafatan Ministirri Muummee Yaman Shaya Zindani, ''mootummaan oppireeshinii Huutii irratti gaggeessu cimsee itti fufuun hanga hidhattoota kunneen dadhabsiisee balleessutti hojiisaa itti fufa,'' jedhan.

    Kamisa erga qindoominni waraanaa naannawa Madiinaatti misaayeloota qolachuu fi fashalshuu ibsee booda Huutiin Sa'uudii Arabiyaarratti haleellaa raawwachuu haalee ture.

    Huutiin dhiheenya kana buufataalee xiyyaaraa fi giddugalaawwan oomisha boba'aa Sa'uudii misaayelaa fi dirooniin haleelaa jira.

    Kanas haleellaa Sa'uudiin daangaa fi magaalaa Sana'aa irratti qilleensarraan raawwattu haaloo ba'uuf akka raawwatu ibsa.

    Sambata darbe haleellaa misaayelaa Huutiin buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Riyaad jiru irratti raawwateen namoonni 13 yoo du'an 300 kan caalan madaa'aniiru.

    Sa'uudiin Iraan hidhattoota Huutiif humna ta'uun akka haleellaa raawwatan gochaa jirti jechuun himannaa dhiheessiteetti.

    ''Haleellaan Huutiin amma raawwataa jiru Iraaniin kan deeggarame akka ta'etti hubanna,'' jedhan Ministira Dhimma Alaa Itti Aanaa Sa'uudii Arabiyaa kan ta'an Rayed Krimly.

    Iraan himannaa Sa'uudii kanarratti hatattamaan deebii hin kennine. Duraan garuu Huutiif deeggarsa meeshaalee waraanaa akka hin taasisnee fi adeemsa siyaasaa isaa qofa akka deeggartu ibsitee turte.

    Ministirri dhimma alaa Iraan ''Sa'uudii fi Huutii gidduutti mariin nagaa akka eegalamuuf haala mijeessuu keessatti ni hirmaanna,'' yaada jehdu kennan.

    Waraanni Yamanii bara 2014 eegalee fi bara 2015 hammaate biyyattii kisaaraa guddaa keessa galcheera.

    Keessattuu qindoominni humna waraanaa Sa'uudii Arabiyaan durfamuu fi Ameerikaa hirmaachise biyyattiitti balaa hamaa fide.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waggoota afuriif ture Adoolessa keessa wayita Huutiin dooniiwwan Sa'uudii Arabiyaa irratti tarkaanfii fudhachuu eegalee guutummaatti ka'eera.

    Biyyattiin waraana Adoolessa keessa akka haaraatti deebi'ee ka'een raafama guddaa keessa seenteetti.

    Waraana kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 1,282 yoo du'an 5,890 kan ta'an madaa'aniiru.

    Namoonni kuma 201 ta'an ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti.

  3. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallatti eegalleerra.

    Huutiin mootummaa Yaman fi Sa'uudii Arabiyaa irratti haleellaa cimseera.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota Baha Giddugaleessaa akkasumas odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa gaggabaabsinee karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeeffannoo tamsaasa kallattiin dabarsaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!