Giddugalli yaalii kaansarii Yunivarsitii Jimmaa imala gara biyyoota alaa hambisaa laata?

Maashina carallaa kaansarii ittiin wallaanan

“Yoo Rabbi biraa dide malee karaa isaanii dhibamaa harkaan qabanii lafaa kaasu” jechuun giddugalichatti yaalarra kan jiran Obbo Mulaatuu Gammadaa waa’ee wallaansa jiddugalicha BBC’tti kan himan.

Jiraataa Magaala Sabbataa kan ta’an Obbo Ahimad Obaadii daa’ima isaanii umurii waggaa torbaa dhibeen kaansarii sammuu irratti argame, ji’oota torba dura gara biyya Taayilaand magaala Baankok geessuun yaalchisan.

“Achii deebinee ji’a sadaffaarratti yoo qorachiisnu lafee dugdasaa irratti kaansariin argame. Mucaan haala rakkisaa keessa ture. Taa’uu, deemuu, ciisuu hin danda’u fi liqimsuus hin danda’u ture,” jedhan.

Wayita kana Obbo Ahimad daa’ima fi maatii isaanii qabatanii gara biyya Taayilaand osoo hintaanee gara magaala Jimmaatti imalan.

Giddugala yaalii dhibee kaansarii Yunivarsiitii Jimmaa deemuunis haala fayyaa mucaa isaanii ogeeyyii fayyaa giddugalichaa hubachiisuu BBC’tti himan.

Yaala dhibee kaansarii namoota 4,500 ta’aniif

Dr. Abiyyuu Laggasaa ispeeshaalistii wal’aansa kaansariifii hogganaa Giddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaati.

“Tajaajilicha erga eegallee gara waggaa afurii ni ta’a. Yeroo jalqabnu tajaajila yaalaa kaansarii medikaal onkolojiin (tajaajila yaalaa lilmoon kennamuun) eegalle.

''Inni jalqabee erga cimee waggoota lama fi walakkaa booda immoo maashiniin carallaa ebbifamee tajaajila yaalaa carallaa eegalee jira” jedhan.

Itoophiyaa keessatti wal’aansi dhibeee kaansarii carallaan kennamu (radiotherapy) Hospitaala Xiqur Anbassaa qofatti kennamaa ture.

Guiddugalli Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaa immoo dhaabbata yaala kana kennu isa lammaffaadha.

“Yaaliin nuti laannu ummata naannoo Jimmaaf qofa osoo hintaanee dhukkubsattoota guutuu biyyattii irraa dhufaniifi,” jedhu Dr. Abiyyuun.

“Dur biyya alaa Taayilaandifaa deemanii kunneen yaalamanfaa wal’aanaa jirra.”

Waggoota afran darban keessatti lammiilee 4,500 ta’aniif yaala dhibee kaansarii kennuu himan.

Erga eegalamee ji’oota torba kan ta’e yaaliin carallaa (radiotherapy) immoo dhukkubsattoota kaansarii 725 ta’anif kennamuu himaniiru.

Jidduugala yaalii kaansarii UJ

Imalawwan biyyoota alaa hafan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Babal’achuu dhabuu wal’aansa dhibee kaansariin kan ka’e lammiileen Itoophiyaa dhibichaan qabaman ji’ootaaf beellama yaalaa Hospitaala xiqur Anbassaa eeggatu.

Kunneen sadarkaa diinagdee fooyyeerratti argaman immoo gara biyyaalee akka Turkiyee, Hindii fi Taayilaand imaluun yaalamu.

Jiraataan magaala Sabbataa Obbo Ahimad Obaadii ilma isaanii dhibeen kaansarii sammuu irratti argame biyya Taayilaand geessuun yaalchisan.

Haa ta’u malee, gara biyyaa erga deebi’anii ji’oota muraasa booda lafee dugdasaa irratti kaansariin argamuu isaatiin gara Giddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaa geessan.

Haalli fayyaa daa’ima isaanii sadarkaa hamaarra gahee akka ture kan himan Obbo Ahimad, “Jimaata isaan bira deemee haala addaan naaf ilaalanii guyyaa sadaffaarratti Kibxata yaala carallaa naaf laatan” jedhan.

“Yaala carallaa 15tu ajajameef. Isa keessaa torba fudhateera. Yaala torba kanaan bu’aa aja’ibsiisaa agarre. Tokkoffaa rakkoon miilasaa fi taa’umsarra ture furameera” jedhan.

Qulqullinni giddugalichaa fi haalli kennaa tajaajilaa ogeeyyii fayyaa giddugalichaa sadarkaasaa kan eeggate akka ta’es Obbo Ahimad Obaadii himu.

“Biyya alaatti yaalamuun qaaliidha; waan irra hin deebi’amnedha” kan jedhan Obbo Ahimad, yaaliin biyya alaa kallattii garagaraan ulfaataa ta’uu himu.

“Tokkoffaa tikkeettin xayyaaraatuu qaaliidha. Kan biraa aadaa keenya keessaa baateeti biyya biraa seentee kan rakkattu. Kan kaffaltu sharafa biyya alaatiini.

Nuti sharafa biyya alaa hinqabnu. Baankiin sharafa biyya alaa baasii hoteelaa uwwisuyyuu naaf hin laatu. Kanaafuu yaala biyya keessaafii biyyaa alaa gonkumaa waan wal dorgomsiistu miti” jedhu.

Yaalawwan dhibee kaansarii biyyoota akka Turkiyee, Hindii fi Taayilaanditti kennaman qaalii ta’uu Dr Abiyyuunis himu.

Giddugalli isaanii taajaila yaalaa sadarkaa olaanaa kennaa akka jiran dubbatan.

Kunis dadhabbii lammiillee biyyattii gara biyyoota biroo deemuun wayita yaalamanitti isaan mudatu kan hambisu ta’uu dubbatu.

Dabalataan sharafa biyya alaa gama hambisuutiinis gummaacha olaanaa akka qabu ibsan.

Beellama yaalii dheeraa

Kanaan dura dhukkubsattoota guutuu biyyattiirraa dhufaniif tajaajila wal’aansa dhibee kaansarii kennaa kan ture Hospitaalli Xuqur Anbassaa, baay’achuu dhukkubsattootaarraa kan ka’e yaala carallaaf namootni beellama yeroo dheeraa akka eeggatan ta’aa tureera.

Kaanaanis namoonni yeroon beellama isaanii osoo hingahin lubbuun isaanii darbu akka jiran dubbatama.

Giddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaatti yeroo amamatti yaala carallaa argachuuf dhukkubsattootni beellama ji’a sadii ykn afur eeguu akka danda’an Dr. Abiyyuun himu.

Kunis dhukkubsattoonni kutaalee biyyattii garagaraarraa dhufuun kan itti yaalaman ta’uu isaatiin akka ta’e dubbatan.

“Hanga nuuf danda’ame garuu akka duraan Xuqur Anbassaatti barame waggaa tokkoo ol akka eegaa turanitti hin turu. Dhukkubsattoonni kaansarii dhibichi akkuma irratti argameen yaalamuu qabu” jedhan.

Jiraataa magaala Baatuu kan ta’an Obbo Mulaatuu dhibee kaansarii irratti argameef yaala kemoteeraappii magaala Hawaasatti erga fudhatanii booda yaala carallaaf gara Jimmaa imalan.

Kana dura yaala carallaaf Hospitaala Xiqur Anbassaatti galmaa’anii akka turan kan himan Obbo Mulaatuun, “Xiqur Anbassaa namatu baay’ata. Yaala carallaaf ergan galmaa’ee waggaa tokkoofii ji’a lama booda dheengadda ergan asii eegalee booda na yaaman” jedhan.

Giddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaatti garuu erga deemanii guyyoota 10 booda yaala carallaa akka eegalan himu.

“Tajaajilli isaanii na dhiba. Baay’ee nama gargaaru, baay’ee namatti dhiyaatu. Yoo Rabbi biraa dide malee karaa isaanii dhibamaa harkaan qabanii lafaa kaasu” jechuunis waa’ee tajaajila giddugalichaa dubbatu.

Jidduugala yaalii kaansarii Jimmaa

Waa’ee giddugala yaalii kaansarii Jimmaa

Gosootni yaalaa ijoon dhibee kaansarii wal’aanuuf kennaman sadiidha jedhu Dr. Abiyyuun.

Isaaniis: baqaqsanii yaaluu, yaala lilmoofii qorichaan taasifamu akkasumas yaala carallaa ta’uu himu.

Giddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaattis tajaajilawwan ijoo isaan lamaan; yaaliin lilmoofii qorichaa fi yaaliin carallaa (radiotherapy)'tu kennama.

Maashiniin yaala carallaa Gidddugala Yaalii Dhibee Kaansarii Yunivarsiitii Jimmaa namoota naannoo Jimmaa jiran (catchment) miliyoona 20 ol ta’aniif tajaajila kenna.

“Maashinii tokko qabna. Gama maashiniifii meeshaleetiin hanqina qabna. Haaraa ta’uu isaafii tajaajilichis guddaa ta’uu isaatin hanga danda’ame waliin gahuuf yaalamaa jira” jedhu Dr. Abiyyuun.

Yeroo ammaas maashinii dabalataaf iddoo mijataa ta’e akka qaban himaniiru.

Giddugalichi ispeeshaalistoota yaala kaansarii lama, ogeessa maashinii carallaa irratti hojjetu (medical physicist) tokko akkasumas narsoota fi ogeeyyii raadiyoo teeraappist jedhaman qaba.

Gama biraatiin gosoonni dhibee kaansarii baay’inaan namoota wal’aansaaf gara giddugalichaa deeman irratti argaman kaansarii fiixee gadaamessaa, kaansarii harmaafi kaansarii mar’immaan guddichaa akka ta’an Dr. Abiyyuu himu.

Isaanitti aansuunis kaansariin maashaafi lafee akkasumas kaansariin dhiigaa baayi’naan kan mul’atan ta’uus himaniiru.