Miseensi Raayyaa Ittisaa Wallagga Lixaatti jaalalleeshee biraa ari'uun dubartii gudeede adabame

Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa aanaa Haaruutti yakka gudeeddii raawwate hidhaa waggaa torbaan adabame.

Madda suuraa, Mootii Addunyaa

Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tokko Wallagga Lixaa aanaa Haaruutti dubartii jaalallee ishee waliin turte biraa ari'ee gudeeduudhaan hidhaan adabamuu manni murtii aanichaa BBCtti hime.

Miidhamtuun jaalallee ishee waliin buluuf hoteela deemuun erga kutaa ciisichaa qabataniitii booda miseensi raayyaa ittisa biyyaa maqaansaa, Ajajaa dhibbaa Fiqaad Siisay jedhamuun adda baafame kun, jaalallee ishee humnaan biraa baasee ari'uun gudeede.

Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Haaruu Obbo Mootummaa Addunyaa akkasiin BBCtti himaniiru.

Yakki kun Wallagga Lixaa aanaa Haaruu magaala Jiituu jedhamtu keessatti ALItti gaafa Bitootessa 08, 2017 galgala keessaa tilmaamaan sa'aa 2:00 yeroo ta'u raawwate.

Gochi kun kan raawwatame miseensa raayyaa ittisa biyyaa ajajaa dhibbaa taheeni.

Guyyicha galgala gara sa'a 2:00 yeroo tahu miidhamtuun dhuunfaa [iccitii ishee eeguuf jecha maqaa dhahuun kan hin barbaachisne] hiriyaa dhiiraa [jaalallee] ishee waliin siree kireeffatanii buluuf hoteela tokko deemti.

Erga kutaa ciiisichaa kireeffatanii booda hiriyyaan ishee kutaa ciisicha isaanii cufee nyaata ittiin bulan fiduuf bahe.

Jaalalleen miidhamtuu kanaa nyaata bitee feestalaaan qabatee yoo dhufee balbala banu, himatamaan ajajaan dhibbaa Fiqaad Siisay jedhamu uffata rayyaa raayyaa ittisa biyyaa uffachuun, loltuu biraa uffata siivilii uffatee tokko waliin tahuun, hoteelicha deemanii balbalatti isa eegan.

Jaalalleen miidhamtuu kun furtuudhaan yoo kutaa ciiisichaa banu loltuun maqaan isaa Mahaammad jedhamu ajajaa dhibbaa sana waliin ture balbala irratti mudhii keessaa shugguxii baasuun itti qabee doorsisee birrii 3,000 irraa fudhate.

Sana booda ajajaan dhibbaa sun kutaa miidhamtuun keessa jirtutti seenuun hiriyyaa ishee saggoo qabee gadi darbatee furtuudhaan keessaan cufachuun ishee gudeeduuf irra deddeebiin yaale.

''Hiriyaan qaba. Waan akkasii narratti hin raawwatiin'' jettee iyyitus didee Ishees doorsisee humnaan qabuun yakka gudeeddii ishee irratti raawwate.

Sana booda ammoo bilbila gosa Itel tahe irraa fudhatee bahe jedhan Pirezidaantiin Man Murtii Aanaa Haaruu Obbo Mootummaa Addunyaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin kun miidhaa xiin-sammuuf saaxilamuu kan himan pirezidaantiin mana murtichaa, lamaan isaaniiyyuu erga yakkicha irratti raawwatanii booda hoteelichaa baqatanii bahuu himan.

Yeroo sana jaalalleen miidhamtuu yeroo isaan gadi isa ari'an ajajaa poolisii aanaa Haaruu Inispeekter Biraanuu jedhamaniif bilbiluu himan.

Guyyaa itti aanu ganama isaa hordoffii taasisuun miseensa raayyaa ittisa biyyaa yakka gudeeddii kana raawwate Fiqaad Siisay to'atamuu BBCtti himan.

Loltuun biraa yakka kana kessatti hirmaate Mahaammad jedhamu ammoo yeroof miliqee akka jiru Obbo Mootummaan himaniiru.

''Dubartii gaa'ila hin dhaabbanne irratti yakka gudeeddii raawwate. Xiin-sammuudhaan baay'ee miidhamteetti.''

Yakkamaan kun kutaa ciisichaa banatee itti ol seenuun osoo isheen iyyituu reebee, dhiitee, kabaluun dirqisiisee gudeedeera jedhamuun qorannoon karaa abbaa alangaa aanichaa fi poolisiin gaggeefamaa ture.

Galmeen qoratamee xumuramuun Abbaan Alangaas himannaa yakkaa Seera Yakkaa bara 1996 ba'e keewwata 620 (1) cabseera jechuun Mana Murtii Aanaa Haaruutti bane.

Manni Murtichaas ragaa dhimmicha ofitti fuudhuun ilaalee, ragaa bitaa fi mirgaan dhaga'ee falmii gaggeessaa tureen booda yaada adabbii cimsu gama Abbaa Alangaatiif yaada adabbii salphisu ammoo, gama Abukaatoo Ittisaa himatamaatiin ka'e seeraan wal bira qabee erga xinxalee booda murtee dabarse.

''Dhaddacha guyyaa Jimaata ALitti Bitooteessa 26, 2017 ooleen himatamaa fi fakkaattota isaa ni barsiisa, kaayyoo waliigalaa seera yakkaas galmaan ga'a'' kan jedhuun himatamaa hidhaa cimaa waggaa torbaatiin(7) adabee jira jechuun Obbo Mootummaa Addunyaa BBCtti himan.

''Ragaa mana yaalaa fi namaa irratti dhiyaate yakka kana raawwachuu isaa irratti mirkanaa'eera. Ragaa ittisaa miseensuma raayyaa ittisa biyyaa keessaa dhufe inumaayyuu ragaa abbaa alangaa ol yakkicha raawwachuu kan irratti mirkaneessu tahuu hubanne,'' jedhan.

Duraan hariiroo jaalalaa qabuu?

Dubartii yakki gudeeddii irratti raawwate barnoota fayyaan eebbifamtee hojii waan hin arganneef baadiyaa keessa jiraatti kan jedhan Obbo Mootummaan, jaalallee ishee dhiiraa ammoo magaalaa aanaa Haaruu keessaatti hojii daldalaa hojjataa akka jiru himan.

Miidhamtuun kun ammoo jaalallee ishee waliin turuuf gara magaalichaa deemte. Nama miidhaa irraan gahees ta'e wal ta'aa isaa duraan tasuma akka wal hin beekne dhugaa bahuu ishee dubbatan Obbo Mootummaa Adunyaa.

''Ragaan akka dhiyaatetti waliyyuu hin beekan. Isuma dubbisuuf baadiyaa irraa dhufte malee. Miseensi Raayyaa Ittisa biyyaa yakkicha irratti hojjeteyuu dhiyeenyadha aanaa Sayyoo Noolee jedhamu irraa gara Haaruutti kan jijjiirame. Dhalootaanis naannoo biraati.''

Miidhamtuun kun mana yaalaatti qoratamuu kan himan Obbo Mootummaa Adunyaa, ''ammatti qorannoo HIV irraa bilisa jedha. Garuu dhibee kun qorannoon kan baramuuf ji'a sadii eegamuu qaba waan jedhamuuf amma beekamuu dhiisuu mala. Garuu ulfa irraa bilisa tahuu qorannoon agarsiisa'' jedhan.

'Imaanaa biyyaa cabsuudha'

Dhaddacha Aanaa Haaruutti yeroo murtiin miseensa raayyaa ittisa biyyaa irratti darbu argaman

Madda suuraa, Mootii Addunyaa

Humni nageenyaa heeraa fi seera biyyaa kabachisuuf imaanaa guddaa qaba. Keessumaa mirgaa fi nageenya hawwaasaa tiksuuf, heera mootummaa tiksuuf qaama dhaabbatedha.

Haatahu malee, imaanaa isaanitti kenname duubatti dhiisuun ajajaan dhibbaa yakkicha raawwate uffata siivilii uffatee, loltuun isa waliin ture ammoo uffata danbii raayyaa ittisa biyyaa uffachuun yakkicha raawwatan jedhan Obbo Mootummaan.

''Miseensi raayyaa ittisa biyyaa kun osoo mirga namoomaa lammiilee kabajee kabachiisuu qabuu, osoo nama warra isa jala jiranis gorsee deebisuu qabu yakkicha hojjete,'' jedhan.

''Yakka safuu fi heera biyyaa faallessu waan hojjeteef yakka ulfaataa hojjete'' jedhan Obbo Mootummaan.

Itti dabaluun, ''hiriyyaan yakkamaa kanaa Mahaammad jedhamu jaalallee miidhamtuu dhuunfaatti shugguxii qabee doorsisee birrii harkaa fudhate. Kuticha keessaa isatu gargaaree gadi isa baase'' jedhan.

Shakkamaan kun ammaaf to'annoo jala akka hin oolle himuun, fuulduratti yoo to'atamu seeratti akka dhiyeessan dubbatan.

Obbo Mootummaan akka gabaasaalee adda addaa arginutti biyya kanatti yakki dubartootaa fi daa'imman irratti raawwatu dabalaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

"Yakki inni kun waan saaxilameef malee gara seeraatti kan hin dhiyaanne, kan dhokatee hafe baay'ee jiraachuu danda'a. Uummanni yakka akkasii yoo argu eeruu kennuun saaxiluu qaba,'' jedhan.

''Haqaan uummata tajaajiluuf waadaa gallee hojichatti waan galleef nuyis sodaa malee hojicha hojjechaa jirra'' kan jedhan Obbo Mootummaan kanumaaf sadarkaa aanaatti murtii barsiisaadha jedhan akkasii miseensa raayyaa ittisa biyyaa yakkamaa tahee argame irratti fudhachuu himan.

Akkasumas abbootii amantaa dabalatee, qaamoleen hawwaasaa adda addaa yakka dubartoota irra gahu dhaabsisuuf hojjechuu qabu jedhan.