Shamarree dargaggeessa Sa'udiin gudeedamuu jalaa miliquuf gamoorraa kufte, birmannaa gaafataa jirtu

Waziiraa Bayaan

Madda suuraa, Faayoo Bayaan

Waziiraa Bayaan jedhamti. Shamarree ol adeemtuu Harargee Bahaa Aanaa Dadar irraa karaa seeraan alaa gara Sa'ud Arabiyaa deemuun akkuma shamarran kaanii jireenya mo'achuuf carraaqxudha.

Karaa miilaa du'aafi jireenya gidduu gammoojjiifi galaana qaxxaamurtee erga achi geessee rakkoon bira achitti ishee eegde.

Manni jalqaba hojjechuuf itti qacaramte isheef ta'uu didnaan, dallaalaan ''bakka biraan siif barbaada'' jedhee dargaggoo dirqamaan ishee gudeedeuuf ture tokko harka galche.

Waan ishee mudateefi haala amma keessa jirtu obboleettishee achuma Sa'ud Arabiyaa jirtu Faayoo Bayaan BBC'tti himteerti.

Faayoon waggaa sadii dura karuma seeraan alaatiin Saawudii galte. Akka carraa bakka itti hojjattu manaa taate hojjattu kanatti carraan akkasii waan ishee hin muudanneef obboleettin ishee quxisuunillee akkuma isheetti hojjattee ofiifi maati ishee gargaaruuf gara Saawudii dhaqxe.

''Jalqaba na bira dhuftee wal argine dallaalaan tokko mana hojii tokko ishee galche, erga xiqqoo hojjattee naaf ta'uu dide mana biraatti qacaramuu barbaada jettee dallaala beeknu tokkotti himne,'' jette Faayoon.

Dallaalichi garuu bakka isheen hojjattu utuu hin taane 'Shabaaba'tti (dargaggeessa) geesse jette.

Erga mana hojii biraa osoo hin taane, 'Shabaaba' hin beekne harka erga galtee booda Waziiraan, obboleetti isheetti bilbiltee haala rakkisaa keessa akka jirtu itti himte.

Faayoon dallaalaa achi ishee geessetti bilbiltee akka ''hatattamaan achii ishee baasu itti himtullee dallaalichi bilbila narratti cufate,'' jetti.

Achiin booda ture Waaziraan dirqamaan gudeedamuu jalaa miliquuf osoo jettuu fooqii sadaffaarraa kan kufte.

''Dallaalichi geesse Shabaaba Arabaatti gurgurate, inni itti taphachuuf (gudeeduuf) jennaan natti hin taphattu jettee of darbite,'' jetti Faayoon waan obboleettiisheeerra gahe yeroo ibsiti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Dargageessichi waan isheen mana duraa keessatti hojjattellee (maallaqa) fi bilbila isheellee irraa fudhatee bade.''

Erga isheen gamoo sanarraa of darbattee eenyu akka hospitaala geesse beekamuu baatus achitti of bartee ammallee bilbila nama biraan obboleetti ishee kanaaf bilbiltee jirti.

''Natti bilbiltee 'rakkoon na muudateera, amma hospitaalan jira na qaqqabi' naan jettee turte'' jette.

''Ani garuu eeyyama sababiin hin qabneef deemuu hin dandeenye.''

Faayoon karuma seeraan alaa waan deemteef akkasumallee eeyyamaa mana keessa hojjatturraa waan hin arganneef hospitaalichattis dhaqxee akka ishee ilaaluu hin dandeenye himte.

Haata'u malee, karaa nama biraatiin qunnamtee wala'aansa argataa akka jirtu mirkaneeffatte.

''Qaamni ishee hedduu caccabee ture,'' jetti.

Ergasii bilbila yeroo isheen hospitaala jirtu bilbilameef irra deddebitee bilbiltullee deebitee obbooleettii ishee argachuu hin dandeenye.

Dallaalichis bilbila cufatee argachuu akka hin dandeenye himte.

Ergasii gara baatii lamaaf deemaa kan jettu Faayoon, obboleettin ishee maal keessa akka jirtu akka quba hin qabne himti.

''Amma waan isheen keessa jirtu waan beeku tokko hin qabu, lubbuun haa jiraattu haa dhiistuu hin beeku. Bilbila waan hin qabneef omaa argachuu hin dandeenye.''

Waziiraa Bayaan wayita hospitaalatti wal'aanamtu

Madda suuraa, Faayoo Bayaan

''Maatiin biyyarraa bilbilanii wa'ee ishee na gaafatu waan isheen keessa jirtu nutti himi jedhanii halkanii guyyaa boo'u. Anillee waanin ta'u dhabee maraataan jira,'' jetti Faayoon.

Taateen kun raawwatee baati lama ta'uufi ergasii waa'ee ishee odeeffannoon isheen qabdu akka hin jirrellee himte.

Suuraa obboleettiishee nama [lammii Sa'uudii Arabiyaa] hospitaala isheen jirtutti argerraa akka argatte kan himte Faayoon, qaamaan argitee haala isheen amma keessa jirtu hubachuu akka hin dandeenye himti.

Ofii isheefis dhiibbaa jala waan jirtuuf yoo manaa baatee hospitaalichatti argamte rakkoo hamaatu ishee eeggata.

Manumaas ba'uuyyuu akka hin dandeenye BBCtti himteetti.

Waaziraan umuriin ishee 18 akka hin gunnellee himti obboleettin ishee kun.

Dallaala obboleettiisheef maqaa bakka hojii jijjiiruu jedhuun dargaggeessa (shabaaba) ishee gudeedutti geesse akka beektuu fi dallaalli kun Sa'uudiitti maqaa Jabuutii jedhamuun akka beekamu himte Faayoon.

Wayita obboleettiinshee mana dargaggeessa kanaatti rakkoo keessa jiraachuu itti iyyachaa turte dallaala kanatti bilbiltee akka turte kan himtu Faayoon, inni garuu ''Obboleettiin kee yoo feete mootummaatti haa iyyattu,'' deebii jedhu akka kenneef himte.

Erga obboleettiinshee hospitaala seenuu itti himtees dallaala kanatti bilbilteetti, boodarra bilbila irratti cufe.

Ergasii argachuu hin dandeenye. BBCn bilbila dallaala kanaarratti bilbiluun argachuuf yaalii taasisus hin milkoofne.

Shamarran biyyoota Arabaa hojjatan hedduu irratti rakkoo wal fakkaataafi miidhamni adda addaa kan hojjachiiftota isaaniin irra ga'u ta'uu himatu.

Dalaalonni biyya keessaa jireenya fooyyeen akka jirutti gowwomsanii baasu, erga achi ga'anis sababa kanfaltii argataniif jecha mana tokko baasanii kan biraa galchuuf taasisaniin shamarran hedduun, gudeeddii, ajjeechaafi miidhaa qaamaa qalbiif saaxilaman heddudha.