'Abbaan-manaa isa waliin qunnamtii saalaa akkan godhu na dirqisiisaa ture'

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Abbaan-manaa isa waliin qunnamtii saalaa akkan godhu na dirqisiisaa ture'
'Abbaan-manaa isa waliin qunnamtii saalaa akkan godhu na dirqisiisaa ture'

Akeekkachiisa: Viidiyoon kun miira keessan jeequu mala.

Dubartoonni hedduun, keessumaa Afrikaa irraa gara biyyoota Galoo-Galaanaa akka Sa'udi Arabiyaa, Omaaniifi biyyoota Arabaa kaan deemuun hojii mana keessaatti qacaramanii hojjetu.

Kana kan godhaniif ammoo jireenya ofii foyyeeffachuu hawwii qabaniinidha.

Haata'u malee, dubartoonni kunneen hedduun isaanii gidiraa hamaa keessa jiraatu. 'Maadaam' mana keessa hojjechiifatturraa hanga abbaa-manaatti furii itti darbuun gidirsuun baramaadha.

BBCn haala dubartoonni Afrikaarraa biyya Galoo Galaanaa deemanii mana namaa keessa hojjetan dabarsanirratti qorannoo gadi fagoo hojjetee kana saaxileera.

Daawwadhaa.