Iraan seera uffannaa hijaabaa hojiirra oolchuuf dirooniifi app fayyadamaa jirti

Dubartoota Iraan

Madda suuraa, EPA

Iraan seera uffannaa rippabilika Islaamaa biyyattii hordofuu dubartoota didanirratti tarkaanfii fudhachuuf dirooniiwwaniifi dijitaal tekinooloojii [appilikeeshinii] mirga dhuunfaa namaa cabsan fayyadamaa jiraachuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Qorattoonni akka jedhanitti, qondaalotonni nageenyaa Iraan tooftaa "hordoffii mootummaan deeggaramu" akka namoonni appilikeeshinii bilnbilaa addaa fayyadamuun dubartoota seera uffannaa cabsuun konkolaaataawwan dhuunfaafi ummataa kanneen akka taaksiifi ambulaansii keessatti argaman eeruu erganiif jajjabeessaa jiru.

Gabaasichi akka agarsiisuttis, Tehraan fi kibba Iraan keessatti dubartoonni hijaaba uffachuufi dhiisuu hordofuudhaaf dirooniiwwaniifi sekiwuuriitii kaameraa fayyadamuun dabalaa jira.

Dubartoota seera kana cabsan ykn isaan morman ammoo tarkaanfii hamaa akka to'atamuu, reebamuufi bakka to'atamanii jiranitti gudeedamuu dabalatee kan isaan eeggatudha.

Aragannoon qorannoo dhaabbata Independent International Fact-Finding Mission jedhamu Rippablika Islaamaa Iraan irrratti gaggeesse kun kan dhufe erga waggaa darbe seerri rakkisaa maqaa amantaatiin (theocracy) biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiru "miidhaa qaamaa" akka dubartiin Mahsaa Amiinii jedhamtu bara 2022 keessa to'annoo jala osoo jirtuu duuteef sababa ta'uu murteesseeti.

Akka warri ijaan argan jedhanitti dubartiin gosa Kurd taateefi umuriin ishee waggaa 22 ture yeroo to'atamtutti poolisoota moraaliitiittin akka malee reebamteetti. Aanga'oonni garuu akka maleetti qabamteetti kan jedhu haaluun du'aatiisheef rakkoo onneedha" jedhan. Ajjeefamuun ishee kun ammoo reebichi hamaafi hidhaan jiraatus mormiin jabaa hanga har'aatti akka itti fufu godheera.

"Erga waggaa lamaafi walakkaa dura Fulbaana 2022 mormiin jalqabee, dubartoonniifi ijoolleen durbaa Iraa keessa jiran seeraafi gochaan moggeessuun itti fufeera. Keessumaa ammoo seera hijaaba uffachuu dirqama ta'e hojiirra oolchuurratti dhiibbaan isaanirra gahu guutummaa jireenyasaanii miidhaa jira," jedha gabaasichi.

Tehiraan Yuniversiitii Amirkabiir keessatti aanga'oonni sooftiweer fuula namaa adda baasu galma Yuniversiitihcaarratti tolchaniiru. Kun ammoo dubartoota hijaaba uffataniifi hin uffanne adda baasuu akka ta'e gabaasni UN kun eereera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaameraawwan hordoffii taasisanis daandiiwwan gurguddoo Iraan irratti tolchuun dubartii osoo hin haguuggatiin argamte ittiin soqaa jiru.

Qorattoonni UN dubartoota miidhaan irra gaheefi ijaan argan 300 waliin gaaffii deebii kan taasisan yoo ta'u, sirni haqaa Iraan walabummaa hin qabu jedhanis miidhaa isaanirraa gahaa jiraachuu dubbatu.

Qorattoonni kunneen hiraarsuufi miidhaawwan bifa garaa garaa isaanirratti raawwatamuun alattis, maatiin isaanii "tooftaa garaa garaatiin doorsifamaa jiraachuu dubbatu, akka gabaasni kun mul'isutti.

Dabalataan qorattoonni kunneen ragaa daa'imman sadii fi namoota gaheessota ta'an sadii mormiirra turan ajaja mana murtii malee akka ajjeefaman qorattoonni kunneen qorannoo isaaniitiin bira gahaniiru. Haata'u malee, aanga'oonni Iraan gocha kana haaluun daa'immaniifi gaheessota ajeefaman kanneen akka ofiin of ajjeessaniitti fudhatan.

Gabaasni kun dabalataan miidhaan saal-qunnamtii mana hidhaa ykn bakka to'atamanii jiranitti raawwachuu adda baaseera.

Kanaaf ammoo dhimma dubartii to'atamtee reebichi cimaa irratti raawwatamee 'si ajjeefna jechuun itti ga'isan, gudeedamte,noodarra ammoo gareeniyyu gudeedamtee akka fakkeenyaatti kaasuun ture gabaasichi kan ifa godhe.

Gabaasni kun Bitootessa 18 Mana Maree Mirgoota Namoomaatiif dhiyaachuuf jira.