'Barattoota kootu Deepfake'n waan hin taane narratti hojjetan'

Lee Gaa'un Magaala Kooriyaa Kibbaa Busaan jedhamtu keessatti waggootaaf gammachuudhaan hojii barsiisummaa kan hojjechaa turte.
Garuu ta'iin bara darbe ji'a Bitootessaa keessatti ishee mudate jireenyashee guutumatti bifa biraatti kan jijjiire. Barataan ishee tokko suurashee morma nama biraarratti suphamee fi teeknolojii 'Deepfake'dhaan hojjetame itti agarsiise.
Suuraan kun ammoo garee Telegiraamii kan namootni 1,200 ta'an irratti 'hashtag'n 'Barsiistuu naamusa hin qabne' jechuun qoodan.
"Gaa'un (Maqaanshee kan jijjiirame barattootnishee suurashee telegram irratti qoodame kana arganiiru jettee yaadde.
"Yeroo isaan ijasaanii Narra kaa'anii nalaalan, suura sana arganii ka'anii ana ta'uu hubachuuf waan nalaalan natti fakkaata. Kanaaf haalan ija isaanii ilaalaa barsiisuu hin dandeenye" jetti.
Sababuma kanaanis heyyama yaala fayyaa ji'oota torbaaf fudhachuun hojii barsiisummaarraa boqonnaa fudhatte.
"Ani Ijoollummaakoorraa barsiistuu ta'uu baayyeen hawwa abjuukoos ture. abjiuunkoo sun ammalleen hin jijjiiramne."
"Amma garuu sababa dhiphina keessa seeneef guyyaatti kiniinii shan fudhadha. Akkanumayyuu ta'ee humnan dhaba. Kanaaf akkakoo duriitti deebi'uun yeroo waan natti fudhatu natti fakkaata" jetti.
Ta'ii kanaan waggaa tokko dura barsiistuun Ingiliffaa tokkos suurashee akka hin taanetti tolfame weebsaayitii Dcinside jedhamurratti duraa gadhiifamee ture.
Suuraan ishee akka hin taanetti tolfame kuni fuula miidiyaa hawaasummaa kan isheen barattootashee waliin walqunnamtuun irraa kan fudhatame.
Fuulashee dhiirota eenyummana isaanii hin beekamne waliin ta'uun fuula jaldeessaa irratti tolfamee yeroo gocha saalqunnamtii raawwattu mul'isa.
Jala isaatti ammoo barreeffama 'Park seheen mucaashee waliin qunnamtii yeroo gootu" kan jedhu barreeffamee jira.
Akka isheen jettutti suura kana battala argite hedduu naate. Hafuurayyuu baafachuuf rakkatte. "yeroo hedduuf halkan hirriibarraa dammaqeen aariidhaan boraatiikoo tumaa ture. aariikoo too'achuu hin dandeenye. Isumaa mucaa kiyyas kana keessatti dabaluun isaanii hedduu namiidhe" jetti.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Kutaa tokkorraa kaaseen ijoollee kana waliin ture. waggaa sadii waliin tureera. Ani waa'ee isaanii baayyeen yaada isaaniis najaalatu. Hariiroo gaarii qabna. Barattoota jaalataman akka ta'anitti beekamu. Baayyee rifaasisaa ture" jetti.
Isheen barattootasheetiin namni kana godhe fedhii isaatiin yoo ofsaaxile dhimmicha gara poolisii akka hin geessine waadaa seenteef. Garuu namni anatu godhe jedhee ofsaaxile hin argamne.
Boodarra dhimmashee kana gara poolisii fudhattee jennaan poolisiin ragaa hin arganne jedhee galmeeshee kana cufe. Isheeyyuu seeran hin gaafanne. Boodarra nama kana godhe seeran barbabaaduusaa dhiiste.
Manneen barnotaa Biyyattii yeroo ammaa suura teeknolojii deepseek dhaan tolffamanii fi gocha saalqunnamtii irratti xiyyeefatan Kanaan raafamaa jirti.
Ji'a Fulbaanaa darbe biyyattii keessatti manneen barnootaa fi Yunvarsiitonni 500 ta'an sababa Kanaan miidhamuu BBCn gabaasee ture.
Ji'a hagayyaa Bara 2024 yuuniyeeniin barsiisotaa fi barnootaa Kooriyaa qorannoo gaggeesseen himatawwan dhimma Kanaan walqabatan 2,492 dhihaatanii ture.
Kanneen miidhamne jedhanii himatan ammoo manneen barnoota Oolmaa daa'immaniitii hanga manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti argamu. Namoota 517 miidhamne jedhan keessaa 204 barsiisota, 304 barattoota yoo ta'an kan hafan hojjettoota barnootaa biroodha.
Namootni gocha kanaan miidhamne jedhan yeroo hedduu poolisiitti gabaasuu baatanis gochi kuni garuu dabalaa jira. kanumaa ta'ee iyyanni poolisii qaqqabe bara 2021 156 irraa bara 2024 gara 1,202 guddateera.
Akka Poolsiin jedhutti gocha Kanaan shakkamanii kanneen too'ataman 682 keessaa 548 ijoollee daa'imman ta'ani. Kana keessaa 100 kan ta'an umriin isaanii ganna 10 hanga 14 gidduu kan ta'an waan ta'eef yakkaan gaafachuuf umriin isaanii hin heeyyamu.
Barasiistuun mana barumsa sadarkaa lammaffaa Inke'oon, kan nuti Jehee jennee waamnu amma dura suurri qaamashee mul'isu X irratti barreeffama ''Barsiistuu waan badaa gootu' jedhu waliin gadhiifamee jennaan poolisiitti gabaaste.
Haa ta'u malee iyyatashee kanarratti poolisiin tarkaanfii homaatuu fudhachuu dinnaan dhimmicha ofumaa waliin rakkachuu murteessite.
Suurashee akka hin taanetti tolfamee gadhiifame kana kutaa keessatti kallattii kamiin akka kaafame, nama teessoo kamirra taa'utu kaasu mala kan jedhu xiinxaltee booda barattuu waggaa sadaffaa takka shakkite.

"Akka miidhamtuu ta'uukootti suura kana xiinxaluuf irra deddeebiin suura kana ilaaluun nama miidha" jetti Jihee.
Iyyata fuula 10 qabu poolisiif dhiheessitee poolisiinis qorannoo erga jalqabetti ragaa gahaan hin argamne jedhee kufaa godhe.
Garuu barataan Jehee shakkite tuni hiriyaashee irratti yakka walfakkaataa raawwatte jedhamuun shakkamtee himatamaa turte.
Barsiisonni haaleellaan akkanaa irratti raawwatame sanuu namni isaan shakkan daree keessa jiraachuu osuma beekanuu ammoo hojii barsiisummaa isaanii itti fufu.
Barattoonni garuu gochi suura deepfake dhaan qindeessuu kuni nurratti raawwatameera jedhanii yoo iyyatan dareen ni jijjiiramaaf.
Barsiisonni muraasni akka Ga-ueun kana boqonnaa yaala fayyaa fudhatu. Garuu heeyyamni akkanaa torbee tokko qofaafi. Kan torbee tokko caalu argachuuf Koreen mana barumsaa mallatteessufii qaba. Yeroo hedduu ammoo Koreen kufaa godha. Yeroo kanammoo boqonnaa waggaa isaanii fayyadamu.
Supparvaayizara waajjira barnoota Busan kan tahan Kim soon, "hanga ammaatti qajeelfamni barataa fi barsiisaa gocha Deepseek kanarratti hirmaatanii wal himatan adda foo'anii fi hammamiif adda fageeffaman kan jedhu hin jiru" jedhu.
Qajeelfamni amma jiru yoo barataan tokko 'mirga barachuu barattoota kaanii miidhe' barnootarraa ittifamuu danda'a kan jedhu. Kuniyyuu yoo maatiin barataa sanaa qo'achiistuu manaa ramaduufii danda'u ta'e. yoo isaan didan hojiirra hin oolu.
Ji'aa Sadaasaa darbe qorannoon ministeera barnootaatiin taasifame akka ibsutti, barattoonni barnoota sadarkaa giddu galeessaa fi olaanoo 2,000 ta'an waa'ee yakka deepseek raawwatamuu hubannoo akka hin qabne himan.
Sababni namootni deepseek dhaan gocha suura namaa qunnamtii saalaatiin walqabsiisanii hojetamaniif maalifi jettanii yaaddu jedhamanii gaafatamanis sababa guddaa godhanii kan eeran 'ittumaan bashannanuufi" kan jedhu.
Akka barsiistuu Ga-eun jettutti miidhaan dubartootaa kuni kara biraatiinis niraawwatama. Bara darbe barattoonni mana Fincaanii barsiisota dubartootaa keessatti kaameeraa dhoksanii kan waraaban yaadatti.
Daree keessattis barattoonni tokko tokko waa'ee qunnamtii saalaa haasa'u. hiriyoota isaanii dhiiraa gara barsiistuutti darbuunis barsiistuu waliin qaaman akka waltuqanfaa godhu.
"Yeroon kana sirreessuuf dubbadhu 'ani qoosaadhaafin godhe, taphaafi," jedhu. Kanaaf ijoolleen hedduun hammina waan kanaa hin hubatan. 'Kuni yakka ta'uusaa hin beekufaa jedhu" jetti.
Yu Ji-woon (Maqaan ishee kan jijjiiramee) fi ganna 16 kan taate hiriyaan dareeshee tokko sababa deepseek kanan dhimmi saalqunnamtiin walqabatu irratti raawwatamuu himuun, waa'ee kanarratti akka biyyaatti hubannoon maaf hin uumamne jechuun gaafatti.
"rakkoon kuni gahes gahuu baates waa'ee kana irratti akka biyyaatti hubannoon wayii akka kennamu eegaa turre. Garuu sochiin homaatuu hin taasifamne" jetti.
Daayireektarri imaammata walqixxummaa koorniyaa Chung Il-sun, haleellaa salqunnamtii deepfake dhaan hojjetaman 'Akka dhimma baayyee yaaddessaa ta'etti ilaalla" jedhan.
"manneen barnootaa fi koreewwan manneen barnootaatiif ergaa dabaarsineen namoota gocha akkanaa irratti hirmaatanii argaman irratti gara laafinni tokkoyyuu akka hin jiraanne itti himneerra" jedhan.
"Miniteera barnootaa dabalatee Mootummaan Gochi deepfake dhaan hojjetamu kuni gocha yakkaa akka ta'e barattoonni akka hubataniif cimsee hojjeta" jedhan.
Poolisii Biyyaalessa Kooriyaatti inspeektara olaanaa kan tahan Lee Yong-se, gareen haleellaa saalqunnamtii gama saayibariitiin raawwatu qoratu waajjjiraalee poolisii keessatti hundaa'ee akka jiruu fi poolisoonnis ogummaa kanarratti leenji'uu himan.
Sababa Poolisiin hojii kanaaf xiyyeeffannoo kenneefis namootni gocha Kanaan miidhaan nurra gahe jedhanii gara waajjira poolisiitti iyyatan ji'a Fulbaanaa keessa giddugaleessaan nama 17 ture ji'a booda gara giddu galeessaan nama lamaatti gadi bu'eera.

Jihee garuu amma jireenya osoo deepfake dhaan hojjetamee jireenya ishee hin miidhin dura ture yaaddi. Jireenya sanatti osoon deebi'uu danda'ee jchuunis hawwiti.
"namni jireenya ta'ii sana dura turetti nadeebisu osoo jiraate hamma barbaade nan kanfalan ture. osoo taateen kuni sammuukoo keessaa haqamee jireenya duraakoo sanatti deebi'ee jedheen hawwa" jetti.
Ta'ulleen ammoo barattootashee ta'iin kuni yeroo ishee mudate jajjabeessanii fi yaada gaarii kennaafii turanis niyaadatti.
Ga-eun ammoo guyyaa barattoonni yakka kana raawwatan fuulashee dhufanii dhiifama ishee gaafatan yaaddi. Akka barsiistuutti gochi akkanaa hammam akka nama miidhu barattoota hubachiisuu feeti.
"Akka hubatamu kanin barbaadu gochi akkanaa qoosaa akka hin taanedha. Namni kana godhe yakkamaa ta'uunsaa beekamuu qaba. Wanti akka piraankiitti salphaatti ta'e jireenyakoo irratti eelaa guddaa uumeera" jetti sagalee ciccituun.
"Jireenyakoo guutumatti kallattii biraa qabsiiseeras" jetti.












