Finfinneetti waardiyyaan Baankii Daldalaa namoota lama ajjeesuun ofis galaafate

Madda suuraa, Getty Images
Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Lidetaa, Aanaa Ja'a kessatti damee Baankii Dadalaa Itoophiyaa naannawaa Addabaabaayii Kaarlitti argamutti namni tokko namoota lama ajjeesee ofis galaafachuu Poolisiin Finfinnee BBCtti hime.
Taateen kun kan mudate A L I Kibxata 02, 2017 yoo ta'u, haalli du'a namoota sadiif sababa ta'e kan uumame 'gaaffiin jaalalaa kiyya deebii hin arganne' sababa jedhuun akka ta'e poolisiin ibseera.
Waardiyaan Baankichaa Obbo Shifarraa Raggaasaa jedhamu dubartii isa waliin hojjettuuf gaaffii dhiyeesseefiif deebii waan argachuu dhabeef, dubartii kanaafi nama biraa waliin hojjetu dubartii kana waliin hariiroo jaalalaa qaba jedhee shakku ajjeesuun ofis akka galaafate poolisiin beeksiseera.
Namni Shifarraa Raggaasaa jedhamu kun dubartii Haannaa Tasfaayee jedhamtu umuriin ishee wagga 32 taateef gaaffii jaalalaa dhiyeesseef, akkasumas Obbo Nigusee Birhaanuu nama jedhamu walumaan hojjetan itti dhukaasee ajjeese.
Dubbi-hmaan Poolisii Finfinnee Komaandar Maarqos Taaddasee BBCtti akka himetti, waardiyyaan yakka kana raawwate dabareesaa malee hojjetaa bakka bu'uun galee hojjetoota eegumsaa halkaniirraa meeshaa waraanaa fudhachuun ture kan ajjeechaa kana raawwate.
Namni kun ajjeechaa kana kan raawwate warra inni ajjeese hanga hojii galanitti eeguun, jalqaba Obbo Nugusee Birhaanuu jedhamu rasaasa lamaan rukkutee ajjeesuu Komaandar Maarqos ibseera.
Ajjeechana kun A L I Kibxata 2, 2027 ganama sa'aatii tokkoofi walakkaatii hanga sa'aatii lama ta'uu ruub hir'uutti kan raawwatame ta'uu kan dubbate dubbi-himaan Poolisii Finfinnee, ajjeechaawwan lamaan gidduu walirraa fageenyi daqiiqaawwan 15 akka ture eereera.
Namni ajjeechaa kana raawwate kun nama waliin hojjetu itti dhukaasee erga ajjeeseen booda dubartii gaaffii jaalalaa dhiyeesseef osoo hin ajjeesiin dura gochasaa kanarraa akka of qusatu gaafatamee garuu hayyamamaa akka hin turre ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni kun meeshaa isaa akka lafa kaa'ee harka kennatuuf irra deddeebiin gaaffiin dhiyaateef kan ture yoo ta'u, kana gidduutti gara darbii tokkoffaa baankichaatti deemuun dubartii gaaffii jaalalaasaa hin fudhanne jedhe haaluma wal fakkaatuun rasaasaan rukkutee ajjeesuu poolisiin ibseera.
Namni kun namoota waliin hojjetu kanneen lamaan erga ajjeesee booda meeshaa qabateen ofis akka ajjeese dubbi-himaan Poolisii Finfinnee BBCtti himuun, waan mudate kanaan walumaagalatti lubbuun namoota sadii badeera jedhe.
Namoonni ajjeefaman lamaan Aadde Haannaa Tasfaayee fi Obbo Nugusee Birhaanuu hariiroo jaalalaa akka qaban suuraawwan agarsiisan akka argaman kan eeran dubbi-himaan poolisii kun, poolisiin qorannoo isaatiin waa'ee namoonni lamaan hariiroo qabaachaa turan jedhame kanaa akka qulqulleeffatus ibseera.
Taatee kana waliin wal qabsiisee adeemsa qorannoo gaggeessaa jiru akka itti fufu poolisiin beeksiseera.
BBCn waa'ee ajjeechaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf aanga'oota Baankii Daldalaa dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.












