Ilmi taphataa beekamaa Ronaaldiinihoo Baarseloonaaf mallatteesse

Ilmi Ronaaldinihoo kana dura kilaba Biraaziliif taphataa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilmi Ronaaldinihoo kana dura kilaba Biraaziliif taphataa ture

Ilmi taphataa seena qabeessa Biraazil, Ronaaldinihoo, akkaadaamii dargaggoo Baarseloonaaf mallatteesse.

Jowaawo Mendees reefu ganna 18 yoo ta’u faana abbaa isaa Waancaa Addunyaa ol kaase hordofeera

Ronaaldinihoon bara dorgommii shaniif Baarselonaaf taphate.

Mendees gara Baarselonaa dhufuun dura kilaba Biraazil Seeriyaa B jala taphatu Cruzeiro jedhamuuf taphataa ture.

Yeroo ammaa yaaliif garee taphattoota umrii 19 gadii Baarselonaa seene.

Hanga Baarselonaa seenuufi kilaba isaa duraa waliin waliigalteerra gahutti garuu eenyummaa abbaa isaa iccitiin qabateera.

Ronaaldinihoo, ganna 42, erga bara 2015 kubbaa miilaa taphachuu dhaabe booda yeroo ammaa Baarselonaaf akka ambaasaaddaraa dalaga.

Ronaaldinihoon yeroo Baarselonaa ture kilabichi Chaampiyeens Liigii akka injifatu akkasumas walitti aansee waancaa liigichaa akka ol kaasu gargaareera.

Ronaaldinihoo ilma isaa waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Ronaaldinihoo ilma isaa waliin

Bara 2005’ttis badhaasa taphattootaaf kennamu - Baalon d’Or injifateera.

Mendees yeroo ammaa akkaadaamii beekamaa Baarselolaa La Maasiyaa jedhamuu seene.

Akkaadaamiin kuni taphattoota akka Liyoneel Mesii, Jeraard Piikefi leenjisaa kilabichaa amaa Zhaavi sadarkaa guddaa akka gahan gargaareera.