Roonaaldoo fi Imbaappeen rikardii haaraa galmeessan

Madda suuraa, Getty Images
Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Liyoonel Mesiifi Imbaappeen galchiiwwan hedduu galchuun rikardii ofii galmeessan.
Liyoonel Mesiin tapha PSG'n Maarsee waliin taphate irratti galchii 700ffaa isaa lakkoofsise.
Mesiin erga Baarseloonaa irraa tolaan PSG seene as walumaa galatti PSG’f galchii 28 lakkoofsiseera.
Baarseloonaa kilaba ijoollummaa isaarraa qabee keessatti dabarseef ammoo galchiiwwan 672 lakkoofsiseera.
Meesiin badhaasa taphataa cimaa FIFA bara kanaas ni mo’ata jedhamee eegama.
Waayilli isaa PSG'tti waliin taphatan Kiliyaan Imbaappeen umurii isaa 24 rikardii haaraa galmeessaa jira.
Kaleessa galchii Maarse irratti lakkoofsise dabalatee PSG’f galchii 200ffaa isaati.
Kun ammoo taphataa duraanii PSG Edisan Kaavaaniidhaan rikardii qabamee ture [galchii 200] wal isa qixxeessa.
Taphataan ammayyuu umuriinsaa xiqqaa tahe kun paawondii miliyoona 180 tahuun ture Moonaakoo irraa PSG kan seene.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
PSG'n waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifachuuf abjachaa turuus hanga ammaatti hin milkoofne.
Taphattoota akka Liyoonel Mesii, Imbaappee fi Neeyimaar fa'a kan mallatteessisan waancaa Shaampiyoonsi Liigiif tahus bara 2019 xumura waancaaf gahuurra kan darbe milkaa'uu hin dandeenye.
Yeroos Baayern Muunik waancaa injifate. Ammas Baayern Munik waliin tapha jalqabaa 1 fi 0'n mo'amaniiru.
Tapha deebii irratti taphataan isaanii Imbaappeen Mesii waliin tahuun injifannoo galmeessuu jedhamee eegama.
Haa tahu malee, Baayern Munik kilaba salphaatti mo'atan hin tahu.
Kiristiyaanoo Roonaaldoon seenaa kubbaa miilaa ammayyaa dhiirotaan galchii 827 galchuun taphataa jalqabaa tahe.
Roonaaldoon kilaba isaa haaraa AL Nasiriif taphoota jaha irratti galchiiwwan saddeet lakkoofsise.
Al Nasiri qabxii lamaan liigicha dursaa jira. Roonaaldoon biyyoota keessatti taphate shan keessatti taphataa milkaa'ina guddaan dabarsedha.
Biyya isaa Poorchugaalitti kilaba Ispoortiingi Liizban, achii Ingilaanditti Maanchister Yuunaayitid, Ispeen Riyaal Maadirid, Xaaliyaanii kilaba Juuvantasiif taphateera.
Erga waliigaltee isaa Maanchister Yuunaayitid waliin adda kutee ammoo kilaba Sa'udii Arabiyaa AL Nasiriif taphachaa jira.












